Icciitiin dirooniiwwan Ameerikaa, Niiw Jeersiirra balali'aanii maali? Hanga ammaa maaltu beekama?

Erga dirooniiwwan Ameerikaa, Niiw Jeersiirratti mul'atan gara baatii tokkoo ta'ulleen ammas dhimmisaa ijoo dubbii akkuma ta'etti itti fufeera.

Jiraattoonni sodaa keessa jiru. Ofii samiirratti kan mul'atan maaliidha? gaaffii jedhu kaasaa jiru.

Aanga'oonni Ameerikaa ammoo wantoonni balali'an kunneen ummataafis ta'e nageenya biyyattiif yaaddeessoo miti jechuun alatti deebii ifa ta'e kennuu hin dandeenye.

Kamisa darbe dubbi-himaan nageenya biyyaaleessa Waayit Hawus, Joon Kirbii ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, wantoonni diroonoota jedhamuun samiirra yoo balal'ina mul'atan irra jiraan isaanii xiyyaaroota jedhan.

Haata'u malee, namoonni siyaasaa tokko tokko diroonoota kanneen ilaalchisee odeeffannoo gahaa ta'e ummataaf hin kenniinee jechuun komatan.

Kanaaf, waa'ee wantoota balali'an kenneen hanga ammaatti kan beeknu kunooti:

Dirooniiwwna kunneen eessatti mul'atan?

Akka aanga'oota naannichaatti, Sadaasa 18 irraa kaasee dironiiwwan hedduun Niiwu Jeersiirratti mul'atan.

Jalqaba diroonniiwwna kunneen naannawa laga Raariitaa jedhamutti mul'achuusaanii Asoosheetid Pirees gabaaseera. Lagni kunis gara kuusaa bishaan Vaalii Raawundiitti yaa'a.

Itti aansee ammoo qarqara galaana Niiw Jersii dabalate kutaalee bulchiinsa garaagaraatti mul'achuun dhagahame.

Wantoonni balali'an kunneenis naanawa kaampii Piikaatiinii Arsanaal jedhamuttis mul'achuun gabaafame. Eddoon kun kan qorannoon loltummaan icciitii itti gaggeefamuudha.

Akkasumas, dirree xapha goolfii Donaald Tiraamp kan dhiheenya magaalaa Niiw Jersii Beedmiiniistariitti argamuttis mu'late jedhame.

Mudde 12 ammoo, Niiw Yoork bakka Biiroonkiis jedhamutti dirooniiwwan hedduun mul'achusaanii itti gaafatamaan poolisii tokko michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS'tti dubbateera.

Eddowwan diroonoonni itti mul'atan jedhamanitti kan argaman qondaaltonni poolisii argaman, wantoota balali'an kanneen arguu dubbatanii garuu, daqiiqaadhaan booda diroonoonni dhokachuu beeksiisan.

Poolisiin bulchiinsa Niiw Yoork akka beeksisetti, kan diroonoonni keessatti mul'atan jedhame magaalaan Niiw Yoork qofa osoo hin taane, bulchiinsoota biroo keessattis ture.

Poolisiin bulchiinsa Koneetiikit ammoo eddoowwan garaagaraatti ''dirooniiwwan shakkisiisoon'' mul'achuu beeksiisan. Magaaloota Girotaniifi Niiw Landanitti ammoo tekinooloojiin sochii dironotaa hordofan kaa'amaniiru.

Meeriilaanditti ammoo bulchaan Riippabilkaan, Laarii Hoogan, Waashingitan Diisii irraa fageenya km 40 irratti wantoonni balali'aniifi ''dirooniiwwan fakkaatan'' arguu dubbatan.

''Akkuma wantoota biraa samiirratti agarru baayyee, ummataafi nageenya biyyaaleessaatiif yaaddoo ta'usaanii wantin beeku hin jiru'' jechuun toora X isaanii irratti barreessan.

Sadaasa darbe humni qilleensaa US, buufataalee UKtti argaman sadii biratti dirooniiwwan eenyummaan isaanii hin beekamne mul'achusaanii beeksiisee ture.

Baatii Onkololeessaa ammoo dirooniiwwan iccitii dhiheenya buufataalee waraanaa Ameerikaatti guyyaa 17f mul'achusaanii Wool Istiriit Jornaal dubbiseera.

Qorannoowwan waa'ee dirooniiwwan kanneenii maal jedha?

Itti gaafatamtoonni waajiraalee Nageenya Ameerikaa diroonoonni qabeenyaa humna alaa miti, nageenya biyyaaleessaa irratti ammoo yaaddoo hin uuman jechuun ummanni akka tasgabbaa'an gaafatan.

Itti gaafatamaan FBI ''kan xiqqoo harbeeffame natti fakkaata'' jedhan.

Itti gaafatamtoonni ummanni akka tasgabbaa'u gaafatanilleen, maalummaa diroonootaa baruudhaaf qorannoo gaggeessaa akka jiran beeksiisan.

''Namoonni maaliif yaaddoo keessa akka seenan ni hubanna. Kanaafiidha kan cimnee qorannoo gaggeessaa jirruuf'' jedhe waajirri nagneenya Homlaand Seekuriitii beeksiiss baaseen.

Waajirichi itti dabaluun, ''ta'us yeroo ammaatti wanti ummataaf yaaddoo ta'u omtuu hin jiru'' jedhan.

Wantoonni balali'an kunneen maalidha?

Namni siyaasaa Niiw Jeersii, Doowun Faanteeshiyaa erga Homlaand irraa ibsi kennameen booda diroonoota irratti helikoptarootaafi raadiyoon qorannoo irratti gaggeessuu hin dandeenye jedhan.

Itti dabalunis Faanteeshiyaan, diroonnoonni kunneen kan ballina meetira 1.8 kan qabaniifi ibsaa isaanii balleessanii kan socho'an, akkasumas ''haala qindaa'een kan balali'anidha'' jedhan.

Waayiti Hawuus garuu faallaa kanaa diroonoota jedhamuun wantoonni gabaafaman kunneen ''xiyyaaroota xixiqqoo namaan sochoofamanidha'' jedhe.

FIB fi Homlaand Sakuritiin ammoo irra caalaan dwantota balali'aniifi dirooniiwwan kanneen jedhamanii ibsaman kunneen xiyyaaroota nama maleeeyyii karaa seeraatiin balali'anidha jedhan.

Ibsa waajiraaleen lamaan baasaniin, hanga ammaatti naannoon qilleensaa irra akka hin balaliineef dhorkame akka hin jirre beeksiisan.

Abbaan Taayitaa Sivil Aviyeeshiinii Federaalaa gamasaatiin, ibsa guyyaa Jimaataa baaseen, namoonni baayyeen dirooniitti fayyadamaa waan ta'aniifidha kan namoonni agarreerra jedhan jedheera.

Abbaan Taayitichaa itti dabaluudhaan, diroononni kunneen ol ka'insa meerita 121 irratti balali'uu akka danda'aniif hayyamamuufilleen, hayyama waajjirichaatiin alatti naannoollee qilleensaa dhorkame keessaa ykn dhiheenya buufataalee xiyyaaraa balali'uu akka hin dandeenye beeksiiseera.

Diroonoonni kunneen eessaa dhufu?

Hanga amaatti garuu diroonota icciitii ta'an kanneen balaliisaa kan jiru eenyu akka ta'e adda hin baaramne.

Miseensa Kongrasii Ameerikaa kan ta'an Jeef Daan Diruu maddeen amanamoo ta'an irraan dhagahe jechuudhaan, diroononni kunneen Iraan waliin kan wal qabatan akka ta'an dubbatan.

Af-gaaffii Fokas Niiwisiif kennaniin, diroonoonni kunneen xiyyaaroota waraanaa Iraan Galaana Atilaantiik irra balali'anidha jedhan.

''Doonittiin kan argamtu qarqara galaana baha UStti. Gara nuti agarruufi dhageenyu hundatti diroonoota gadhiisan'' jechuun miseensoota Kongirasiitti Jimaata darbe himanii ture.

"Odeeffannoon madda baayyee amanamaa ta'erraa argadheedha. Dhimma akka laayyootti fudhatamu miti'' jedhan. Itti dabalunis, Ameerikaan dhukaasuun diroonota kanneen akka kufiistuufis yaada kennaniiru.

Bakka bu'aan Dimokiraatootaa Aliinooy irraa ta'an, Raajaa Kiriishinaamuritii gamasaanitiin, buufata Niiwuusheeshiin jedhamutti akka himanitti Chaayinaan duuba jiraachuu hin ooltu jedhan.

''Diroonoota kanneenitti fayyadamuun odeeffannoo walitti qabaa jiraachuu akka hin oolle shakkii olaanaan jira'' jedhan.

Peentaagoniifi Waayit Hawuus garuu biyyoota alaa wanti dhimmoota balali'an kanneen waliin walitti hidhu hin jiru jedhan.

Diirooniiwwan kunneen dhaabuun ni danda'amaa?

Namonni siyaasaa biyyattii hedduun diroonni kunneen rukutamanii akkka kufiisaman fi kaayyoonsaanii maal akka ta'e qoratamuu akka qaban gaafatu.

Pirezidantiin filatamaan Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasaa Tiruuz Soshaal jedhamu irratti, dironoonni kunneen beekkamtii mootummaa malee balali'uu akka hin dandeenye himan.

''Ummanni amma dhugaasaa akka baruu haa taasifamu'' kan jedhan Tiraamp, ''erga hin taane ammoo rukutamuun haa kuffiisaman'' yaada jedhu dhiyeessan.

Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Federaalaa, naannawa Beedmiiniistiir fi Piikaatiniitti dirooniin akka hin balaliinee dhorkaa yeroo kaa'aniiru.

Abbaan Taayitichaa ibsasaan, namoonni diroonii haala nageenyisaa hin eegamneefi haala balaafamaa ta'en balaliisan, adabbii hanga doolaara kuma 75 gahu akka isaan eegu, akkasumas hayyamni diroonii balaliisusaanii akka haqamu ibse.

Jiraattoonni tokko tokko ammoo diroonoota kuffiisuudhaaf karaa mataasaanitiin tarkanfii akka fudhatan dubbatan.

Aanga'oonni garuu gochaan kun seera qabeessa waan hin taane lammiileen gochaa kanarra akka of qusatan gaafatan.

''Qawween tokko rakkoo kana furuu ni danda'a ture'' jechuun ture namni tokko miidiyaa hawaasaa isaarratti kan barreesse.