Qabsaa'aan mirga namaa Martin Luutar Kiingi attamiin waggoota 13 qabsoo keessatti dabarse?

Madda suuraa, Getty Images
Wayita Ameerikaan goota mirga namoomaa yaadachuuf jirtutti ogeeyyiin waa'eesaa guddoo leellisaa jiru.
Duudhaan mirga namoomaa, duulli farra hiyyummaa fi loogummaa bara Warraaqsa Mirga Namoomaa Ameerikaa inni qusatee darbe ammallee hojiirra oolaa jira jechuun leellisan.
Waa'ee seenaa jireenyaa fi duudhaa Martin Luutar Kiing, Jr qabxiiwwan 10 akka armaan gadiitti qindeessineerra.
'An mul'atan qaba (I have a dream)'- dubbii tasa uumame
Bara 1963 osoo inni hawaasa bal'aa duratti ba'ee haasaa taasisuu, faarfattuun wangeelaa biyya Ameerikaa Mahaaliyaa Jaksan sagalee olkaastee dubbatte: ''Waa'ee mul'atichaa itti himi, Martin,'' jette.
Wayita kana Kiing dhaamsa duraan dabarsee fi yoomuu itti cichu yaadachiisuuf dirqame- mul'ata Ameerikaa jiraattota ishee walqixa keessummeessituu fi hunda walqixa fayyaddu arguu.
''Ijoolleen koo afran guyyaa tokko biyya halluu gogaatiin osoo hin taane namumaadhaan keessummeessitu keessa ni jiraatu mul'ata jedhun qaba. Mul'ati kiyya har'aa sanadha,'' jedhe Dr Kiing.
Haasaan guyyaa sanaa-boodarra ''I have a dream'' mata duree jedhuun moggaafame.
Mul'ata walqixxummaa yeroo sana Dr Martin Luutar Kiing lallabe galmaan ga'uuf ammallee hojjii hedduutu hafa, jedha Lerone Martin.
Yuuniversitii Istaandfoorditti daarektara Inistitiyuutii Qorannoo fi Barnootaa Martin Luutar Kiing Jr kan ta'e Lerone Martin, mul'ati Kiing walqixxummaan dhugaa Ameerikaa keessatti akka mirkanaa'u ture jedhe.
Maqaan dhalootaa isaa Mikaa'eel Kiing
Wayita Amajjii 15 bara 1929 dhalatu sana maqaa abbaasaa hordofee Mikaa'el Kiing maqaa jedhu argatee ture.
Waggaa ja'a booda garuu abbaansaa gara Jarmanii imalee waa'ee hoogganaa warraaqsa jijjiiramaa, Martin Luutar hubate.
Waan argeen miira gammachuu guddaa keessa kan gale abbaan isaa kun, akkuma deebi'een maqaa ilmasaa Martin Luutar Kiing jedhee moggaase.
Kiing barataa kolleejjii ta'ee lallabaa ture
Martin Luutar Kiingi, jr bara 1944 umriisaa waggaa 15tti kolleejjii Morehouse seene.
Maatiin isaa kolleejjii warri carroomanii fi dhiironni qofti akkasumas warri gurraachaa itti barachuun seenaa qabu kan Atlaantaa, Joorjiyaa keessatti argamutti baratan.
Akka ragaa Inistitiyuutii Kiingitti, daa'imni fuulduratti dursaa qabsoo mirga dhala namaa ta'uuf jiru, wayita barataa turetti hagas mara beekamaa hin turre.
Turtiin isaa kolleejjii Morehouse garuu hojii irratti lubbuunsaa dabarteef ka'umsa ture.
Walqixxummaa hawaasummaa fi siyaasaaf jaalalaaf quuqama qabu dagaagsuu eegale. Fedhii fi hawwii qofa osoo hin taane lallabuu eegale.

Madda suuraa, Reuters
Yeroo 30 hidhame
Waggaa 13 yeroo qabsoo mirga dhala namaaf dabarse keessatti yeroo 30 hidhame, irra caalaasaa yakka xixiqqoo adda baasuun rakkisaa ta'ee fi hookkara kakaasuudhaan hidhame jedha giddu galli Kiingi.
Martin Luutar Kiing, seerri akka kabajamuuf nama irratti xiyyeefatame ta'ee yeroo garaagaraatti hidhamuutti hin gammanne.
Bara 1960 baatii Onkoloolessaa keessa Atilaantaa keessatti waan hiriira mormii gaggeesseef qabamee mana hidhaa Joorjiyaa keessatti hidhame.
Mana hidhaarraa xalayaa haadha warraasaa, Coretta jedhamtuuf barreesse.
''Miidhaa fi cunqursaan maatii keenyatti dhufaa jiru Atilaantaan magaalaa mijattuu, Joorjiyaa bulchiinsa mijattuu, Ameerikaan biyya mijattuu akka taatuuf jalqabbii qabsooti,'' jedhee barreesse.
Kitaabota shan barreesse
Akka giddugala Kiingitti Martin Luutar Kiingi kitaabota shan barreesseera.
Akkasumas xalayoota fi haasaawwan bara qabsoo isaa taasise hedduu maxxansiiseera.
Kitaabni inni bara 1964 mata duree, Why We Cant wait, jedhuun barreesse, duula qoollifannaa balleessuuf Birmingham, Alabama keessatti gaggeeffameef ka'umsa ture.
Asoosama Trek jedhamu akkaan jaallata, deeggara
Asoosama Star Trek jedhamu keessatti taatoon maqaa Nyota Uhura jedhamuun beekamtu Nichelle Nicholas yeroo tokko ''akka waan inni guddoo ishee ajaa'ibsiifatuutti,'' namatti of himte.
Martin Luutar Kiingi waliin sagantaa badhaasaa tokkorratti erga walarganii guyyoota muraasa booda taatummaa asooma kanaa keessaa of baaste, Nicholas.
Nicholas wayita isheen fiilmii asoosamaa walitti fufiinsaan TV dhaan darbu keessaa ba'uuf jettee Kiingitti himtu, inni ammoo akkasheen taatummaashee hin dhiifneef akka itti hime TV irratti dubbatte.
''Guyyaa tokko yeroo duraaf TV irra ba'ee 'akkuma kanaan dura bareennee, cimina keenya mirkaneessinee, qulqullina keenya mul'isne fuuldurattis itti fufnee mul'achuu qabna' jedhe,'' jette Nicholas.
''Achi dhaabadheen jechi inni dubbate hunduu dhugaa ta'uu mirkaneeffadhe. Battaluma sanan hojii koo itti fufuuf murteesse,'' jette.
Yaaliiwwan ajjeechaa hedduu jalaa ba'e
Bara 1958 osooma kitaabasaa- Stride Towards Freedom jedhamu mallatteessuuf deemuu, Herlem keessatti dubartii sammuun dhukkubuun hordofamee haleelamee ture.
Yeroo sana doktarri akka jedhetti, Kiingi du'aaf hafuura ishee dhumaarra ga'ee deebi'e.
Sababni isaa ammoo sibiilli inni ittiin waraaname ujummoo dhiigaa isa guddicha bira ga'eera, garuu hanguma xiqqoof hin waraanin hafe.
Kiingi dubartiin isa waraante sammuun kan dhibame ta'uu erga hubatee booda haaloo ba'uuf akka hin deemne ibse. Inumaa akkasheen wal'aanamtuuf gaafate.

Madda suuraa, GETTY/BETTMANN
Haatisaa, Albertanis namaan ajjeefamte
Martin Luutar Kiingi ajjeefamee waggaa ja'a booda bara 1974 baatii Waxabajjii keessa namni waggaa 23 haadhasaa rasaasaan rukutee ajjeese.
Alberta Williams King osoo Sagantaa Cuuphaa Waldaa Ebenezeritti meeshaa muuziqaa- Organ jedhamu taphattuu rasaasaan rukutamtee duute.
Namni itti dhukaase ajjeese himatamee du'aan adabame.
Garuu maatiin Kiingi nama du'aan adabuutti waan hin amanneef namichi boodarra adabbiin du'aasaa hidha umrii guutuutti geeddarameef.
Maatiin Kiing wayita Julia Roberts dhalattu baasii hospitaalaa kaffalaniif
Taatoo beekamtuun Julia Roberts wayita dhalatte maatii Kiingi waliin walqabsiisee waan hospitaalatti ture waan yaadattu dubbatte.
''Maatiin Kiingi wayitan dhaladhu baasii hospitaalaa naaf kaffalaniiru,'' jette.
Akkasheen jettetti maatiinshee fi maatiin Kiingi michummaasaanii kan cimsan erga maatiin Roberts ijoollee Kiingiif mana barumsaa Atlaantaatti simatanii booda.
Booda wayita Julian dhalattu maatiinshee baasii hospitaalaa cufuu waan dadhabaniif maatiin Kiingi irraa kaffalan.
Kiingi wayita ajjeefamu reefuu waggaa 39
Dr Martin Luutar Kiingi bara 1968 baatii Eblaa gaafa bultii 4 wayita ajjeefamu nama umrii waggaa 39 ture.
Fuulduratti ba'ee mirga dhala namaaf kan qabsaa'e waggaa 13 hin caalu.
Garuu yeroo gabaabduu kana keessatti gama walqixxummaa sabootaan hojii milkii qabu hojjeteera.
Waggaa 13 keessatti hojii waggoota 350 isa dura turan Yunaayitid Isteetis keessatti hojjetamee hin beekne hojjeteera jedhe giddugalli Kiingi.












