Balaan abiddaa Loos Anjalas bifa haaran ka'ee namoonni kumaatamni baqataa jiru

Abidda boba'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Abiddi Loos Anjalas bifa haaran ka'ee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman akka baqatan taasisee jira. Balaan abiddaa Loos Anjalas torbanoota dura ka'e xiqqoo tasgabbaa'us amma bifa haaran ka'uun mancaatii qaqqabsiisaa jira.

Balaan abiddaa barana Loos Anajalasitti lubbuu namoota hedduu gaaga'ee qabeenya guddaa mancaase seenaa keessatti balaa abiddaa balaafamaadha jedhama.

Abiddi bifa haaran ka'e kun magaala Loos Anjalas kan torbanootan dura abiddaan heddu miidhamterraa gara kaabatti fageenya km 40 irratti kan mudate yoo ta'u, naannoo Galaana Kaastaayikitti argama.

Naannoo kanatti manneen jireenyafi barnootaa heddutu dhiyaatee argama. Guyyaa Roobii, Amajjii 22, qofa abiddi kun lafa hektaara 3700 ol gubeera.

Abiddicha kan hammeesse bubbee saffisaan bubbisuufi haala qilleensaa gogaa ta'eedha jedhame. Naannawa Loos Anjalas kanatti bubbeen sa'aatii tokkotti km 32 hanga 48 kan deemu yoo ta'u, hojjattoota balaa abiddaafis qormaata ta'e.

Namoonnij 31,000 naannicha jiraatan akka baqataniif ajaji itti kennamuufi kanneen 23,000 ta'an ammoo of-eeggannoon kennamuufii ajajaan poolisii bulchiinsa Loos Anjalas himan.

Manni hidhaa naannichatti argamu, sirreeffamtoota 500 ta'an gara bakka biraatti akka dabarfaman gochaa jira.

"Hojjattoonni balaa abiddaa dhamaatii heddu godhanis, abiddicha dhaamsuf ammallee rakkisaa ta'aa jira," jedhan itti gaafatamaan ittisa balaa abiddaa Antoonii Maaron.

Abiddi amma ka'e kun kan torbanootan dura Loos Anjalasitti namoota 28 ajjeesee manneen 10,000 ol mancaase wajjin yoo wal-bira qabamu xiqqaa ta'uu kaasan qondaalli mootummaa kun.

Naannon abiddi amma itti mudate kun akka isa kana duraa lafa namoonni itti heddummataniitti miti. Bubbeenis gara Galaana Kaastaayikiitti bubbisaa akka jiru BBCtti hime ejansii ittisa balaa abiddaa Kaalifoorniyaa keessa kan hojjatu Ed Fileechar.

Sababa balaa abiddaa kanaan qe'eerraa akka buqqaate kan himtu jiraattun naannichaa tokko, "Waan akka duumessaa wayii fakkaata, gaafa itti dhiyyaattu waanuma si'oolitti deemaa jirru nutti fakkaata" jechuun NBC 4tti himte.

Balaa abiddaa Kaaba Lixa Loos Anjalasitti mudate

Madda suuraa, Getty Images

Bakkeewwan Saan Diyaagofi Oshinsaayid jedhamanitti balaan abiddaa lama guyyaa Roobii mudatee ture. Haa ta'u garuu hojjattoonni balaa abiddaa hatattamaan to'annoo jala oolchun namoonni akka baqataniif itti himamee ture akka deebi'an jedhaman.

Dubbi himaa Bosona Biyyaaleessaa Angelas kan ta'an Daanaa Deerkas akka jedhanitti, bubbeefi lafti gogaa ta'uunsaa abiddicha dhaamsuf haala rakkisaa uumera.

Kaalifaarniyaan bakkeewwan balaan abiddaa irra deddeebin itti mudatu keessaa tokkoodha.