Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Faarsee bulaa vs goomatee bulaa': Duula seenessa miidiyaa hawaasaa to'achuu
Siyaasa Itoophiya baroota muraasa darbanii keessatti miidiyaan hawaasaa gumaacha godheera.
Dhufaatii Ministira Mummee Abiy Ahimad dura qabsoo gaggeeffamaa tureef kallattiin kan kennamu, duulli kan qindaa'uufi mariin kan godhamu dirree miidiyaa hawaasaa gubbaatti ture.
Dirree kanarratti odeeffannoon qoodamu fi seenessi bocamu harki hedduun kan mormitoota mootummaa ta'ee tureera. Mootummaan miidiyaalee idilee irratti ibsa baasuun dantaasaa eegsisuuf carraaquu caala bifa qindaa'een miidiyaa hawaasaarratti hedduu hirmataaa hin turre.
Seenaan kun dhufaatii Ministira Muummee Abiy Ahimad booda waggoota muraasa darban keessa jijjiiramaa dhufeera.
Mootummaan Ministira Muummee Abiy dirree miidiyaa hawaasaarratti odeeffannoowwan qoodamaniif deebii kennuu qofa osoo hin taane ajandaa miidiyaa hawaasaa bocuun dantaa ofii eegsisuuf bifa qindaa'een socho'aa jira.
Tibba kanas ogeeyyiin fayyaa biyyattii qabxiilee 12 irratti mootummaan deebii akka kennuuf gaafachuun mormii eegalaniin walqabatee dirree miidiyaa hawaasaa gubbaa falmii fi duulli gaggeeffamaa jira.
Siyaasa MM Abiy kan qeeqan namni siyaasaa obbo Jawaar Mohaammad deeggartoota mootummaa miidiyaa hawaasarratti duuluuf gaafatama qabanitti maqaa 'Faarsee Bulaa' jedhu moggaasuun duulasaanii busheessutti turan.
Mormitootni mootummaa kaanis moggaasa Faarsee Bulaa jedhu kana bal'innaan yoo qoodan mul'ateera. Sirbi garee mootummaa leellisu kana busheessus dalagameera.
Faallaa kanaan deeggartootni mootummaa mormitoota mootummaatti maqaa akka 'Goomatee Bulaa, Abaaree Bulaa' jedhu kennuun qeequ.
Sochiin miidiyaa hawaasaa deeggartoota mootummaa waggoota dura mul'achaa hin jirre amma bifa qindaa'een kan gaggeefamaa jiru caasaan 'raayyaa miidiyaa' jedhu uumamuusaati.
'Raayyaan Miidiyaa' akkamiin seenessa miidiyaa hawasaa to'ata?
Miseensonni Paartii Badhaadhinaa BBC'n dubbise akkasumas hoggantonniifi ogeeyyiin kominikeeshinii dhaabbilee mootummaa federaalaa fi Finfinnee keessa dalagan duulawwan Fesbuukii kan gaggeeffaman miseensota 'raayyaa miidiyaa' paartiichaa fi hoggantoota aanaaleen akka ta'e ibsaniiru.
Duula kan gaggeessanis ''seenessi'' mootummaafi paartii ''olaantummaa akka qabaatu gochuurratti xiyyeeffachuun akka ta'e dubbatu.
Ofii eenyutu 'Raayyaa Miidiyaa' jedhama?
'Raayyaa miidiyaa' jedhamuun kan waamaman liigii dargaggootaafi dubartootaa keessatti miseensa ta'uun kan hirmaatan akkasumas namoota 'hawaasa dammaqsu' jedhaman akka ta'an BBC'n namoota dubbiseerraafi ergaawwan garee WhatsApp fi telegiraamii gubbaa walii qoodaman irraa hubateera.
Hoggantoonni aanaalee magaalaa Finfinnee sochii akkanaarratti akka hirmaatan namni hoggansa aanaa keessa jiran akkasumas maddeen hoogganaafi ogeessa kominikeeshinii ta'an afur BBC'tti dubbataniiru.
Ergaa gareewwan WhatsApp fi telegiraamii waajjira paartii aanaa kutaalee magaalaa Qirqoos fi Yakkaa keessatti walii ergaman irratti hordoffii BBC'n taasise waan maddeen jedhan mirkaneessa.
Hoggantoonni aanaalee magaalattii keessatti argaman hundi ''kallattii'' paartiirraa kennameen akkaawuntii fesbuukii tokko caalaa akka qabaatan taasifamuu maddeen sadii BBC ibsaniiru.
Garee telegiraamii aanaa kutaa magaalaa Yakkaa jala argamuufi miseensota 30 ol qabu keessatti ergaawwan qoodaman, miseensonni garichaa waajjiraalee bulchiinsa aanichaa garagaraa keessatti hooggansarra akka jiran kan agarsiisudha. Namoonni BBC'n hooggansa aanaa keessa akka jiran mirkaneesse garicha keessa jiru.
Hirmaannaan hooggantoonni aanaa miidiyaa hawaasummaarratti taasisan fedhiin qofa kan taasifamu akka hin taane odeeffanneerra.
Isa qofa osoo hin taane itti fayyadamni miidiyaa hawaasummaa hoggantootaa ajandaa gamaggama hojii isaanii keessaas tokkodha.
Hordoffii caasaadhaan godhamu
Gamaggama koree taasifamuurratti itti-fayyadamni miidiyaa hawaasummaa ajandaa tokko ta'e akka dhihaatu kan dubbatan maddi BBCn amma dura dubbise tokko, ''duula godhaa jedhamee ajandaa kennameerratti miseensi hooggansaa tokko yoo hin hirmaanne itti gaafatama.
''Hooggansa [aanaa] keessaa hammana kan ta'u hirmaateera' jedhama. Iskiriin shoot [suuraa kaafamee] gara gubbaatti ergama. Gara kutaa magaalaa [dabarfamee] abaluun hirmaateera, abaluun hin hirmaanne'' jedhama jechuun dhimma itti gaafatamummaa hordofsiisu akka ta'e himan.
Sadarkaa kutaa magaalaattis gamaggamni kun akka adeemsifamu hoogganaan kominikeeshinii kutaa magaalaa tokko BBC'tti dubbataniiru.
Hoggantoonni paartii gamaaggama gaggeessan, maxxansoota fuulawwan mootummaa fi paartiirra jiran ilaalchisee ''maaliif like, share hin gootan,'' gaaffii jedhu hirmaattotaaf akka dhiheessan ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa jiraachuu caasaa kanaa ni waakkata
Caasaan kun amma dura duulawwan adda addaa gaggeessaa ture keessatti odeeffannoo dogoggoraa fi oduu soba raabsuu keessatti hirmaachuu BBC'n qorannoo addaa hojjetee tureen saaxileera.
Ammoo Bulchiinsi magaalaa Finfinnees ta'e dhaabni Badhaadhinaa waayee caasaa kanaa ifatti deebii hin laanne.
Waajjirri muummee Paartii Badhaadhinaa Ebla bara 2024 keessa yaada barreeffamaan BBC'f kenneen caasaa paartichaa keessatti gurmaa'inni 'raayyaa miidiyaa' jedhamu akka hin jirre ibseera.
Paartichi maqaafi fudhatamummaa mootummaa akkasumas aangawoota olaanoo karaa nam-tolcheen guddisuufis ''kaayyoo miidiyaa hawaasummaa idileerraa adda ta'een sochii adda akka taasisu'' deebii kenneen ibseera.
Miseensonni paartiichaa ''fuulas ta'e akkaawuntii dhuunfaasaan irratti ejjennoowwan paartichaa akka tarkaanfachiisan'' fi paarticharratti ''wallaalummaanis ta'e beekaa duula banaman qajeelfamoota paartichaarratti hundaa'un deebii akka kennan akka jajjabeessu,'' ibseera.
Waajjirri muummee kun ''miidiyaa hawaasummaa gaarummaan fayyadamuun ala [miseensonni paartichaa] akkaawuntii sobaa akka bananis ta'e ergaawwan tokko [monotonous] akka dabarsan tasa hin godhu'' jedha deebiin dhaabichaa.
Hoggganoota olaanoo dhaabichaa keessaa okko kan ta'an Ministirri duraanii Obbo Taayyee Danda'aa garuu tibba kana gaaffiif deebii BBC waliin taasisan keessatti ''Raayyaan miidiyaa yeroon ani waajjira paartii keessa tureyyuu jira ture'' jedhan.
''Kaayyoon isaa garuu obbolummaa dhugaa ijaarra. imaammata paartii keenyaa beeksifna karaa jedhuun ture. Booda garuu kaayyoo duraan hundaa'erraa maqe. Ida'amuu barsiifna jenneeti ture, malee faaruu sobaa wal faarsuuf kan ijaarame hin turre.'
''Osoman waajjira paartii jiruu karaarraa maqe'' kan jehdan Obbo Taayyeen, ''namni nurratti ijaaramee nu cabsuu hin qabu'' yaada jedhurraa ka'uun ijaaramuu himan.
''Raayyaa miidiyaa kana fayyadamuun nama isaan morme maqa balleessuu, seexana fakkeessanii ibsuutu ture. Hojiidha jedhamee waan jalqabeef warra kana hojjetaniif ni kaffalama ture'' jedhan Obbo Taayyeen.
Miidiyaan hawaasaa haala amma mul'atuun dirree duulaa maaliif ta'e?
Waggoota jaha darban dhiibbaan miidiyaa hawaasaa siyaasa Itoophiyaa keessatti qabu ''baayyee olaanaa'' ta'uu, Daareektarri Olaanaan Wiirtuu Mirgootaafi Guddina Dimokiraasi, Obbo Bafiqaadu Haayilu BBCtti himaniiru.
Komiiwwan ummataa miidiyaalee hawaasummaa irratti calaqqisiifamuun isaanii ''ilaalcha MM deeggartootaafi jaallattoota dhabaa jiruu'' jedhu uumeera jedhanii amanu Obbo Bafiqaaduun.
Maxxansawwan Ministira Muummee jala ykn viidiyoowwan isaan irratti mul'atan jala ''yaadawwan leellisuun itti baayyatu, dhugaafi kan uumamaa hin fakkaanne'' yoo kennaman hubachu kan dubbatan Obbo Befiqaaduun, sochiin kunis ''mala fudhatamaa fi kabaja'' mootummaan sababii adda addaatiif dhabe ''oomishu'' akka fakkaatu himu.
Qorataan Mirga Namoomaa Dijitaalaa Dr Yohaannis Inniyew, qabiyyeewwan mootummaa wajjin hidhata qaban irratti haala qindaa'een komeentii kennuun, ''yaada bilisaan ibsachuu osoo hin taane kaanin qaanessuu dha'' jedhu.
''Sochiin akkasii, fayyadamtoota ukkaamsuu, kanneen si'oominaan barreessan waltajjii kanarraa akka bahan gochuu akkasumas yaada ofii bilisaan ibsachuufi miga odeeffannoo argachuu akka daangessu,'' eeraniiru.
Aanga'oonni dhaaba Badhaadhinaa biroon waayee bilisummaa yaada ibsachuufi dirree siyaasaa Itoophiyaa ilalachisee BBCf yaada kennan waltajjiin kun dhorkaa malee gadhiifamee sababaa jiruuf arrabsuu fi xiqqeessuu akka mirgaatti ilaalu jedhu.
Qondaalli dhaaba Badhaadhinaa Oromiyaa Dr Buzaayyoo Daggafaa waayee dirree siyaasaa Itoophiya ayoo dubbatan ''dirren siyaasaa baldhachuu bira darbee daangaa malee fayyadamamaa jira sababa kanaattis qeequu bira darbanii hanga nama dhuunfaa arrabsuu gahameera'' jedhan.
Yunivarsiitii barnootaa Kotobeetti barsiisaa fi qorataa gaazexeessummaa kan ta'e Dr. Zalaalam Jabeessaa Itoophiyaatti namoonni miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun "tokkoon kan mootummaa hadheeffatan, kaan kan mootummaa leellisan" jechuun garee miidiyaalee hawaasaa ibsan.
Dhimma ijaarsa raayyaa miidiyaa irratti qorannaa taasisaa kan jiru barsiisaan kun, namoonni baay'ee maallaqni gurguddaan kafalameefii "namoota gama dhaabatanii hammenya mootummaa, morman dubbiin isaanii akka hin fudhatamne gochuuf yeroo hundumaa waljalaa fuudhanii iyyisiisu" jechuun humnoota dirree miidiyaa dijitaalaa Itoophiyaa dhuunfatan himan.
Wanti fala ta'u maali?
"Dhugaa dubbachuudhaaf yeroo gabaabaa keessatti, dirree miidiyaa Itoophiyaa keessatti jijjiiramni dhufa jedhanii eeguun ulfaachuu danda'a. Dhiyootti natti hin mul'atu. Furmaata ta'uu kan danda'u furmaata sirnaati.''
''Hojimaanni miidiyaa biyya kanaa sirnaan jijjiiramuu qaba. Miidiyaan waan baay'eedhaaf fala qaba. Waan baay'ee ijaara, waan baay'ee diiga. Mootummaan qofaasaatti jijjiirama fiduu hin danda'u" kan jedhu Dr. Zalaalam sirni miidiyaan ittiin hojjetu jijjiiramuu akka qabu gorsa.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa bifa walaba ta'een miidiyaa hogganuufi to'achuu akka danda'u qooda fudhattootni garaa garaarraa walitti dhufuun yoo haaromsame haala amma jiruuf fala akka ta'u dhaaman.