Mana warra Koonsoo barootaaf akka mala qusannaa maatiitti tajaajilu kana beektuu?

Qe'ee hawaasa Koonsoo keessatti baadiyaas magaalattis mana citaa bifan walfakkaatu, kan isaan 'Fooqii Koonsoo' jedhanii waaman ollaa hunda keessa jira.

Namni waa'ee mana kanaa hin beekne tari mana namni keessa hin jiraanne yookan ijaarsisaa osoo hin xumuramin hafe jedhee yaaduu mala.

Sababni ammoo manneen kuni Utubaa Gurguddaa jirma qirixamerraa tolfamanii dhaabaman malee naannessaa isaa keenyaa hin qabu. Jalli isaa banaadha.

Utubaa Gurguddaan marfamee manicha utubu kuni gubbaarratti mana akka Fooqii fakkaatu ofirraa qaba. Ulaan gara gubbaa kutaa fooqiitti nama baasu ammoo tokko qofa.

Manni Citaa akka Goofaree qeerrootti ogeessaan kamakamamee tolfame kuni baaxiin citaasaa gubbaarraa gulantaa qaba. Kunis baaxii manichaatiif bareedina addaa kan kennuu fi mallattoo ijaarsa manaa warra Koonsooti.

Manichi citaadhaan koobamee kan ijaarame ta'ulleen akkaataan citaan baaxii ittiin ajjeerame garuu mana citaa iddoo biraatti ijaaramuun adda. Yabbinni citaa manicchi ittiin ijaaramuu hanga meetira tokkoo tahuu gaha.

Mooraan maali? Akkamiin Ijaarama?

Manneen Mooraa jedhaman kuni mandara hunda keessatti akka bakka walgeettiittiitti ilaalamee ijaaramee argama.

Mooraan mana nama dhuunfaa miti. Kan hawaasa mandara cufaati. Warra mandaraa qofa osoo hin taane keessummaan gara biraatii Koonsoo dhufes bakka bultii yoo barbaade dhorkaa tokko malee bilisummaan keessa buufatee rafuu danda'a.

Gareen Gaazexeessitoota BBC hojiif Koonsoo deeme maanguddoo Aadaa Koonsoo akkaan beekan, Garramoo Waaqoo argatee dubbise. Obbo Garramoon Guyyaa sana akka carraa mana isaanii hin bulle. Mooraa keessa bulanii dhufuu dubbatan.

Haati warraakee yoo deesse ati Mooraa keessa bulta

Akka Obbo Garramoon jedhanitti, Manni Mooraa jedhamu kuni mana Uummata cufaati. Jaarsi yoo mana keessatti ijoolleen isa jeeqxi ta'e irbaata nyaatee hirriibaaf asdhufuu danda'a jedhu.

"Jaarsi mana keessatti ijoolleen yoo hirriiba isa jeeqxi ta'e irbaata nyaatee, nagaan bulaa jedheenii Mooraa keessa dhufee bula. Ganama ka'ee manasaa galee qe'een akkam bule? Jedhee gaafata"

"Keessummaan Koonsoo dhufee yoo fuula itti bulu hin qabne dhufee mooraa keessa buluu mirga qaba. Namni sidhoowwu hin jiru. Keessummaan yoo dhufee eessaa dhufte? Booranaan dhufe jedha. Armaa nama beektaa jettaan. Hin beeku yoo jedhe koottu sibulcha jettee itillee kenniteefii Mooraa keessa bulchita" jedhan.

Keessummaan akka Kanaan Mooraa keessa kabajaan bule 'Warri Koonsoo akkanaan nakabajanii nabulchanii jedhee lafa irraa dhufetti hima. Maqaa olkaasa 'ulfeenna koonsoo malee hin argine' jedhee faarsa.

Faayidaan ijoon mana Mooraa kanaa biraan akka mala ittisa ulfaatti hawaasni Koonsoo gargaaramuu isaati.

Kunis namni haati warraa isaa deesse guyyaa sanirraa kaasee mana hin bulu. Mana mooraa kana keessa bula.

"Galgala irbaatasaa nyaatee nagaan bulaa jedhee gara Mooraa deemee bula. Haati warraa akkuma deesseen waliin ciisee ijoollee akka walirratti hin deenyeef mana buluu dhiisa" jedhan Obbo Garramoon.

Aadaan kuni mala aadaa warri Koonsoo osoo malli ittisa ulfaa ammayyaa hin dhufin dura jaarraa hedduuf dhimma itti bahaa turanii fi ammalleen fayyadamani.

Yeroo ammaa garuu maatii hedduun mala ittisa ulfaa ammayyaa fayyadamu. Kanneen ammalleen mala aadaa mana Mooraa buluu kana fayyadaman jiraachuus dubbatan. Isaan dhuunfaa isaanitiin mala ammayyaas akka fayyadamanii fi aadaa isaanii kanas akka hin dhiisne himu.

Abbaan warraa haati warraasaa deesse yeroon turtii inni mana dhiisee Mooraa keessa bulu akkuma fedhii abbaatiin kan murtaa'udha.

"Hammi bulu daangaa hin qabu. Akkuma fedhii abbaati. Kaan ji'ootaaf mana dhiisanii achuma buluu danda'u" jedhan.

Abbaan warraa yeroo haati warraa isaa deesse ijoollee walirratti dhaluu ittisuuf jecha ji'ootaaf mana buluu dhiisuun hariiroo inni maatii waliin qabu irratti dhiibbaa hin fiduu jennee kan gaafanne Obbo Garramoon, akkas jechuun deebisu,

"Mana galtee bishaan dhaqna dhiqattee, boqonnaa fudhattee, hanga nyaata siiqopheessan manuma turtee sagaleekee nyaatteeti bultiif kan baatu. Kanaaf hariiroon akum dansaa itti fufa" jedhan.

Mooraan kuni mandara keessatti akka galma walgahiittis tajaajila. Hawaasni naannoo yoo dhimma qabaate achi jalatti walgahee mari'ata.

Mooraan kutaa irraa fi jalaa waan qabuuf jalasaa nama 50 gubbaa fooqii isaarras nama 50 bulchuu akka danda'us himu.

Manni kuni akkuma Hawaasa Koonsoo biratti bakka guddaa qabutti ijaarsisaas yeroo dheeraa kan fudhatudha.

Muka ijaarsa mooraatiif oolus maallaqaan bituun aadaa miti. Namuma muka kanaaf ta'u qaburraa gaafatanii tolan fudhatu malee birriin hin bitan.

"Mooraa ijaaruuf barbaannee muka nuuf kenni jdhanii nama qaburraa fudhatu malee mooraadhaaf muka birriin hin bitan. Hawaasa hundatu walitti yaa'ee ijaara. Citaan isaa fageenyarraa bitamee dhufa. Ijaarsisaa hanga ji'a shanii faa fudhachuu danda'a" jedhan Obbo Garramoon.

Ijaarsi mooraa yoo eegalame hanga xumuramee eebbifamutti hawaasni mandaraa hundi bakka sanii deemee hojii biraa hin deemu. Ji'ootaaf hojuma kana hojjetu. Eega xumuranii sangaa itti qalanii eebbisu.

Manneen kuni qulqullina cimaadhaan waan ijaaramaniif akka manneen citaa kaanii umrii gabaabaatti hin dullooman.

"Waggaa hedduu tura. Amma bakka ani itti dhaladhe Mooraan ganna 50 darbe jira" jechuun maneen kun waggaa dheeraaf akka tajaajilan himu.