Agarsiifni TikTok irratti mul'isuuf yaalame miidhaa cimaa geessise

Fakkii harkaafi TikTok

Madda suuraa, Reuters

TikTok irratti daawwaatamuuf, akkasumas qalbii hawwachuuf jecha dargaggeessi konkolaataarratti agarsiisa hamaa agarsiisuuf yaale miidhaan sammuu cimaa yoo irra gahu, hiriyyaan isaa ammoo balaa qaqqabeef itti gaafatamaa ta'ee itti murtaa'eera.

Yunaayitid Kingidam poolisiin kutaa Seesaks akka jedhetti, dargaggeessi umuriin isaa waggaa 23 ta'e miidhaan irra gahe daawwattoonni konkolaataa jaallatan bakka walitti qabamanitti kofenii konkolaataa hiriyyaan isaa oofurra ta'ee viidiyoo TikTok osoo waraabuu kufeeti miidhaan cimaan kan isarra gahe.

Dargaggeessi kun konkolaataa saffisaan oofamaa turerraa kufee mataan isaa akka malee lafti waan rukkuteef samuu isaarra miidhaan jabaan gaheera.

Sababa kanaan konkolaataa kana oofaa kan ture Koneer Pees hiriyyaa isaarra miidhaan akka gahuuf sababa ta'uu isaatiin himannaa bifa balaa qabuun konkolaachisuu isaatiin yakkamaadha jedhameera.

TikTok waa'ee taatee kanaarratti yaada akka kennuuf gaafatameera.

Daanyaan (abbaan seeraa) dhimma kana ilaales shofeericha haala hamaa ta'een oofuu fi hiryaa isaarraan miidhaa geessisuu isaatiif saba waan ta'eef waggaa lamaaf konkolaataa oofuurraa dhorkamee hidhaa ji'oota 16tiinis akka adabamu itti murtaa'eera.

Dabalataanis, shufeera awutoobusii kan ta'e Pees, waggoota lamaaf akka hin konkolaachifne dhorkamee sa'aatii 300f ammoo osoo isaaf hin kaffalamiin hojii tajaajilawwan hawaasaa akka hojjetuu fi hordoffiin akka irratti taasifamu abbaan seeraa murteesseera.

Balaa kanaan miidhaan kan irra gahee fi dargaggeessi maqaan isaa hin ibsamiin umuriin isaa waggaa 23 ta'e ji'a tokkoof of wallaalee turee, "miidhaan mataa gosa akkasii wallaansa baqaqsanii wallaanuu irra deddeebii fi deegarsa wallaansa fayyaa isa barbaachisee ture," jedhan poolisoonni.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababa balaa kanaatiin dargaggeessi kun qaama isaa fi sammuu isaarraa dhiibbaa akka irratti uumee fi isa kunuunsuuf ammoo haati isaa kutaa bulchiinsa biraarraa dhufuudhaaf dirqamuushee poolisiin ibseera.

Viidiyoon TikTokf jecha konkolaataa haala hamaa ta'een konkolaachifamaa jirrra taa'ee dargaggeessi kun akka waraabuuf yaaliin kan taasifame yeroo gabaaf ture.

Balaan kun kan qaqqabe konkolaataan kun socho'uu erga jalqabee tilmaamaan sekondii 17 boodadha.

Namni ijaan argee taajjabe tokko akka jedhetti, gochi konkolaachisichaa, " akka feetee fi bifa itti gaafatamummaa hin qabneen" ta'uu ibsuun, taateen kun jire "jireenya konkolaachisaa fi dargaggeessa balaa kanaaf saaxilame bifa deebisuun hin danda'amneen kan jijjiiredha," jedheera.

"Pees [konkolaachisaa] miidhaa hamaa qaqqabsiisuuf ta'e jedhee waan raawwate ta'uu baatus, jalqaburraa haala kana fakkaatu keessa of galchuun isarra hin turre," jecuun waan yaalamuu hin qabne raawwachuun isaa balaa guddaa fiduu isaa ibseera.