Jiruu namicha Baaletti qoraan dugdatti baatee gurguru kaleessaa fi har'a

Obbo Huseen Kadir Godina Baalee aanaa Harannaa Bulluqitti qoraan dugdatti baatanii maagala Angeetuu geessanii gurguruun hojii idilee isaanii ture.

Ganama takko akkuma baran guyyaa keessa qoraan isaanii fidanii yoo magaala gahan dargaggeessa maqaansaa Naa'ol Daffaroo Qilxuu jedhamuutu karaatti itti dhufe.

Dargaggeessi kun hojii tola ooltummaa hojjechuu akka jaalatu hima. Guyyaa sanas hojuma akkasiitiif gara qarqara magaalattiiti osoo deemaa jiruu nama qoraan baatee dafqa xuruurfatu Kanaan walitti dhufan.

Naa'ool nama kana argee callisee bira darbuu hin dandeenye. Itti goree dubbisee viidiyoo gabaabaan gaaffiif deebii godheef.

Viidiyoon gabaabaan gaafas inni waraabe kun garuu jireenya nama kanaa keewwata biraatti ceesisa jedhee namni akeeke hin turre.

Naa'ool taatee kana ilaalchisuun turtii BBC waliin taasiseen viidiyoo kana irra deddeebi'ee ilaalee hedduu miira isaa akka jeeqe hima.

"Ani dhiira dugdatti qoraan baatu argee hin beeku. Ammoo dafqi akka bishaanii fuula isaarra dhangala'a ture. Ennaan isatti haasa'e harmee isaa gargaaruuf akka waan kana hojjetu natti himee jennaan caalaatti na gaddisiise" jechuun miira yeroo Huseen dubbiseetti itti dhagahame ibse.

"Hamma kana dafqee meeqatti gurgurta jennaan birrii 250 naan jedhe. Ani waanuma harkaa qabu kenneefiin qoranis gurgurii walitti dabaladhu harree bitadhu isaan hojjedhu jedheeniin biraa deeme" jedha Naa'ol.

Naa'ool akka jedhutti, Viidiyoo isa waraabe kana si'a kudhanii ol irra deddeebi'ee ilaale. Baayyee miirasaa jeeqe. Achiin booda yoon Tiktook irratti gadhiise namni isa gargaaru argamuu danda'a jedheen achirratti maxxanse jedha.

Viidiyoon kun erga Tiktookii irratti maxxanfamee booda akkuma Naa'ol namootni kaanis miira isaanii tuqee gargaarsaaf hunduu iyyaafachuu eegale.

Guyyaa tokkoon booda Huseeniif herreegni baankii banamee namootni biyya keessaa fi alaa gargaaruu jalqabani jedha Naa'ol.

Gargaarsi miidiyaa hawaasummaa hojii gaariif fayyadamuu qabatamaan mul'ise kuni guyyoota muraasa keessatti birriin miliyoonaan lakkaa'amu herreega isaarratti seene.

"Namoonni biyya keessaa fi alaa gargaarsa taasisaa jiru. Ammalleen iti fufee jira. Namni guyyoota muraasa dura birrii 250 qofa qabu amma torbee osoo hin guunne miliyeenara ta'eera," jedha.

Hanga Kibxata Ganamaatti qofas birriin miliyoona tokkoo fi walakkaan herreega baankii isaarratti seenuufiis hima.

Maallaqni gargaarsa uummanni taasiseen argame kuni waan qabatamaan jireenyasaafi harmeesaa fooyyessurra akka ooluufis Koreen qindeessu abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa dabalatee hundaa'eera.

"Koreen kun magaala Angeetuu keessaa mana jireenyaa innii fi harmeen isaa keessa jiraatan bitameera. Kana malees ooyiruun bunaa hektaara tokko kan madda galii isaaniif ta'u bituufis adeemsarra jirra," jedha Naa'ool.

Ga'eessi sababa viidiyoo gabaabaa Tiiktookii irratti gadhiifameen seenaa jireenya isaa jijjiirame, yeroo torbee tokko hin guunne keessatti miliyeenara ta'e kunis dargaggoo Naa'olii fi uummata biyya keessaa fi alaa isa gargaaran galateeffateera.

"Uummanni kiyya qaaliin biyya keessaa fi biyya alaatii natti birmatanii qoraan dugda namadeesse kana narraa buusanii naboqochiisan galateefachuun barbaada. Baayyeen gammade. Anis aayyoonkoos amma haala gaariin jiraachuu dandeenya" jedhe.