Kiristiyaanoo Ronaaldoon kubbaa miilaan riikardii haaraa galmeesse

Madda suuraa, Getty Images
Kiristiyaanoo Ronaaldoon tapha idil-addunyaa riikardii addunyaa ta'e si'a 197ffaaf taphate irratti galchii lama biyya isaaf galche.
Tapha gulaallii waancaa Awuroppaa 2024'f taphatame irratti Porchugaal biyya xiqqoo Awurooppaa Liktanistaayin 4fi 0'n injifatteetti.
Galchiiwwan hafan Kanseloofi Bernaando Silvaatu galche.
Taphataan ganna 38 kuni yeroo ammaa galchiiwwan idil-addunyaa 120 taphattoota kubbaa miilaa dhiiraaf riikardii ta'e galmesseera.
Ronaaldoon yeroo jalqabaaf tapha idil-addunyaa kan eegale bara 2003 ture.
Waancaa Addunyaa barana Kataar qophaa'e irratti taphataa Waancaa Addunyaa shan irratti galchii galche ta'eera.
Ronaaldoon Waancaa Addunyaarratti yeroo hirmaatu seenaa taphataa Kuweet Bader Al-Mutaawaa si'a 196 biyya isaaf taphateetti qixxaatee ture.
Haa ta'u malee, Porchugaal Morokoodhaan hirboo maayii irratti mo'amte .
Akkasumas Waancaa Addunyaarratti garee duraa Porchugaal hiriire keessa yeroo hanqifamees ture.
Sababa kanaaf hireen isaa fuuladuraa keessumaa kan tapha idil-addunyaa gaaffii keessa seenee ture.
Haa ta'u malee, taphataan badhaasa guddicha taphattootaaf kennamu Baalon d'Or jedhamu si'a shan fudhate kuni leenjisaa haaraa Roobertoo Maartinez jalatti dursaa taphattootaa ta'un filame.
Seenaa Ronaaldoon dalaguu itti fufe
Riikardiin Ronaaldoo tibbanaa seenaa taphataa cimaa addunyaa keessaa ta'uu isaa ibsu bu'uura cimaarra kaa'a.
Bara isaa keessatti waancaa liigiiwwan torba injifate, waancaawwan dabalataa kilabootaa 11, waancaa Chaampiyeens Liigii shan, Waancaa Kilaboota Addunyaa afuriifi Shaampiyoonshippii Awurooppaa kaaseera.
Taphataan duraanii Ispoortin Liizban, Maanchistar Yunaayitid, Riyaal Maadiriid fi Juveentus kuni si'a lama taphataa cimaa Fifa jedhamee filameera.
Baatii Sadaasa keessa taphataa bara taphate keessatti galchii 800 galche ta'un taphataa jalqabaa ta'eera.
Dabalataan riikardii kanneen qaba:
- Galchii Chaampiyeens Liigii hedduu (140)
- Chaampiyeens Liigii irratti si'a hedduu hiriiruu (183)
- Si'a hedduu waancaa Chaampiyeens Liigii injifachuu (5)
- Taphataa tokkicha tapha xumuraa waancaa Chaampiyeens Liigii sadiirratti galche
- Tapha xumuraa Shaampiyoonshippii Awurrooppaa hedduurratti hirmaachuu (5)
- Galchii hedduu tapha xumuraa Shaampiyonshippii Awuroppaarratti galchu (14)
- Galchiiwwan tapha xumuraa Yuuroo fi Waancaa Addunyaa irratti lakkoofsise (22)
- Galchii idil-addunyaa galche (120)
- Galchii idil-addunyaa hedduu ramaddii dorgommii cimaa qabu keessa galchuu (100)
- Taphataa idil-addunyaa dhiirota irratti haatirikii 10 lakkoofsisuu












