Jala bultii Ayyaana Dhaloota Kiristoos Addabaabayii Masqalaatti adeemsifame

Hirmaattota ayyaana Qillee wayyaa adii uffatan

Madda suuraa, aelafat zemarie

Sirni weedduu kumaa kitilaa (ye ayilaafaat zimmaaree) Batasakaana Ortoodoksii Itoophiyaa jalatti qophaa'u baranas Addabaabaayii Masqalaatti adeemsifameera.

Sagantaan hafuuraa Addabaabaayii Masqalaatti adeemsifame kuni kantiibaa magaalaa Finfinnee dabalatee namoota baayyee kaaniin dinqisiifatameera.

Saganticha irrattis faaruuwwan bataskaanichaa hawwatoo tahan dabalatee agarsiisni garagaraa dhiyaateera.

Xombora amantoonni walitti qabamuun ibsan

Madda suuraa, aelafat zemarie

Jala bultii ayyaana Dhaloota Kiristoos irratti hordoftoonni amantichaa akkaan baayyee hirmaachisuun kan adeemsifamu sagantaan kuni barana haala adda taheen Addabaabaayii Masqalaatti adeemsifameera.

Waggoota lamaan darban Bataskaana Boolee Madaanaalamiitti kan adeemsifame yoo tahu, bara kana hordoftoota uffata adiin faayamaniin dhalachuun Yasuus Kiristoos sirna adda taheen kabajameera.

Sagantaan kuni yeroo jalqabaaf TV biyyaalessaafi waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa garagaraan kallattiin yoo darbu namni baayyeen daawwateera.

Sagantaan Faarsaa Kumaa Kitilaa kuni dhalachuu Iyyasuus Kiristoos kabajuuf namoonni hedduu kan irratti hirmaatan yoo tahu ka'umsisaa ''yeroo Iyyasuus dhalate ergamootaafi tiksitoonni faaruu dhageessisan yaadachuu dha.''

Hirmaattonni daawwchuun dabalataan faaruu fi kadhannaadhaan akka hirmaatan godha.

Sagantaa jala bultii ayyaana Dhaloota Kiristoos kanaaf hordoftoonni amantichaa faaruuwwan danbii bataskaana Ortodooksii hordofan marsariitiiwwan garagaraa irratti waan gadhiifamaniif dursanii qo'atu.

Waldaan Dhaloota Jaandarabaa Itoophiyaa jedhamuufi sagantaa kana qopheesse akka jedhutti Kibxata Mudde 28/2018 A.L.I sagantaa faaruu kumaa kitilaa kanarratti namoonni kuma 200 ol argamaniiru.

Sagantaan kuni miidiyaalee idilee biyyattii hedduun xiyyeeffannoo kan argate yoo tahu miidiyaaleen hawaasaas akkasuma wal-harkaa fuudhaa jiru.

Kanneen miidiyaa gargaraatiin saganticha hordofaa turanis akkasum miira isaaniitti uume barreessaa turan.

Luba Batasakaan Ortoodoksii ixaana amantoottatti yeroo aarsan

Madda suuraa, aelafat zemarie

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Habeebee ''Dhalachuu Yasuus Kiristoos ilaalchisuun Addabaabaayii Masqalaatti sagantaan Bataskaana Ortoodooksiin adeemsifame ''Ye a'iilaafaat zimmaaree'' dinqiidha jechuun ibsaniiru.

Sagantaan faaruu kumaa kitilaa Addabaabaayii Masqalaatti adeemsifame kuni sirnaan itti yaadameefi qophiin godhamee adeemsifamuun dinqisiifatameera.

Viidiyoowwaniifi suuraalee garagaraa irratti akka mul'ate akkaataan qophii waltajjii akkasumas iddoo hirmaattonni qabatanii sirnicha geggeessan saganticha hawwataa akka tahu godheera.