Biyyootni Ayyaana Dhaloota Iyyesuus Kiristoos har'a kabajan kam fa'i?

Ayyaana Dhaloota Iyyesuus Kiristoos

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaan biyyoota sirna ittin guyyaa lakka'aan addaa qaban keessaa tokkodha.

Akkaataan lakkoofsa (kalaandara) Itoophiyaa kun ammoo kan hordoftoota Ortodoksii Kooptik wajjiin walfakkaata.

Kan Itoophiyaa dabalatee biyyoonni hordoftoota Ortodoksii Kooptik kan warra lixaarraa guyyoota 12/13 duubatti hafanii kabaju.

Guyyaan Ayyaana Cuuphaafi Faasikaa itti kabajanis akkuma kana kan biyyoota lixaarraa garaagara.

Itoophiyaatti hordoftoonni amantii Kirstaanummaa Ortodoksii, Kaatolikii, warra Wangeelaa, Pheenxaqoostaal fa'aan Ayyaana Qillee har'a kabaju.

Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti Ayyaanni Dhaloota Iyyasuus Kiristoos wagga waggaan Mudde 29 kabajama.

Kiristaanonni Itoophiyaa Dhaloota, Fannifamuufi Du'aa Ka'uu Kiristoos akka ayyaana guddaatti kabaju.

Akka Luba Salamoon Abebe G/Madhiin jedhanitti, duraan kiristaanumaa biraatu waggoota 2000f ture.

Amantiiwwan Kiristaanaa Itoophiyaa keessa jiran haala barsiisaafi hordoffii, akkasumas akkaataa waaqeffannaa gargaraa qabaatanis guyyaa dhalootaa ilaalchisuun kanuma duraan kaa'ame hordofuu filataniiru jedhu Lubi Salamoon.

Manni amantaa Kaatoolikii Itoophiyaa biyya deemtu hundatti aadaafi adeemsa jiru hunda hordofteeti kan lallabbii amantaa geggeessitu kan jedhan ammoo Tibeb Ba'imnet Mitikkuuti.

Kanarraa ka'uudhaanis manni amantaa kun lakkoobsa addatti akka hin qabne hubachiisaniiru.

Biyyoonni har'a kabajan warra kami?

Biyyoonni Lixaa harki caalaan guyyaa akkaataa lakkoofsa Girigoriyaanitti lakkaa'u. Sirni lakkoofsaa kun bara 1583 Giriigoriin eegalame.

Biyyoonni Gamtaa Sooviyeet duraaniifi Baha Giddu-galeessaa ammoo Dhaloota Kiristoosiin dura sirna lakkoofsa Juuliyaaniin eegalame fayyadamu.

Ammaas taanaan biyyoonni heddduun akkaataa guyyaa ittin lakkaa'an kan Girigorii ta'us, ayyaana waggaa ammoo kan Juuliyaaniin fayyadamu.

Addunyaarraa hordoftoonni amanataa Kiristaanaa biyyoota kanneen kessa jiran har'a (ALI Mudde 29, 2017 ykn Amajji 7, 2025) kabajatu:

  • Itoophiyaa
  • Ertiraa
  • Masirii
  • Raashiyaa
  • Sarbiyaa
  • Beelaruus
  • Monteneegiroo
  • Kaazaakistaan
  • Israa'el
  • Bulgariyaa
  • Maqedoniyaa
  • Joorjiyaa
  • Moldovaa

Yukireen garuu kanaan dura biyyoota Amajji 7 Ayyaana Dhaloota Kiristoosa warra kabajatan keessa turte. Barana garuu biyyoota Lixaa (Ameerikaafi Awurooppaa waliin kabajje.

Giriik, Qoophiroosifi Roomaaniyaa keessa Ortodoksoonni jiraatan ayyaana Qillee akka Girigooriitti kabajan.

Kanneen heeraman 14'n kanaan dabalataan Armeeniyaan sirna addaa lakkoofsa ofiitiin Mudde 28 kabajatti.

Guyyaan itti kabajan akkamiin adda adda ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkaataa lakkoofsa baraa Awurooppaatiin guyyaan dhaloota Iyyasuus Kiristoos Mudde 25 yoo kabajamu, Itoophiyaa dabalatee biyyoota 10 ol keessatti ammoo Amajjii 7 kabajama. Kun attamiin uumamuu akka danda'e hayyootni amantaa ni ibsu.

Lakkoobsi baraa kan warri mana amantaa Ortodoksii ittiin lakkaawan kan warra Awurooppaatiin addadha jedhu beektonni amanataa Kiristaanaa BBCn dubbise.

Tokkoffaa addaddummaa waggaa torba fi ji'a saddeetiifi sa'atii kudhanii qaba. Lammaffaa tokkoon tokkoon ji'ootaa guyyaan isaan qabaatan addaddummaa qabaata. Tokkoon tokkoon ji'ootaa keessa addaddummaan guyyoota 6 hanga kudhanii ni jiraatu jedhan Luba Tibeb Ba'imnet Mitiku.

Lakkoobsi warra Giriigooriyaan utuu hin jalqabin duraan addunyaan haala walfakkaataadhaan bara lakkaawaa akka turte ni amanama akka Luba Xibebitti.

Haata'u malee, bara 1382tti Phaaphaasii mana amantaa Kaatoolikii kan ture Gorgoriwoos barri rakkoo godhate jechuun irra deebiidhaan akka lakkaawamu murteessan.

Tapha Ayyaana Qillee

Ergasiis waggaa tokko keessa guyyaan 365 fi sa'atiin 6 ni jiraata yaada jedhu kaasuun waggaa waggaan sa'atiin tokko tokko nutti dabalameera jedhu.

Kanaaf, sa'atoonni sunniin walirratti dabalamanii ida'amuu qabu yaada jedhuun Gumii Niiqiyaarraa jalqabee kan jiru itti herregamuun guyyaa 10 guutee Onkoloolessa 5 kan ture Onkoloolessa 15 akka ta'u labsame.

Kanaaf, addaddummaan jiru hir'ataa deemus hamma guyyaa 10 garaagarummaa ni qabaata.

Egaan Itoophiyaan bara Nooh irraa eegalee lakkoofsa baraa jiru utuu hin jijjiirin itti fayyadamaa jirti.

Kun garuu mana amantaa Kiristaanaa Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane manni amantaa Masiriis fooyya'iinsa tokkollee otoo irratti hin taasisin itti fayyadamaa jiru.

Barri geengoo tokkorra tuqaa tokkorraa ka'uun adeemsa lakkaa'uuti kan jedhanimmoo Luba Salamoon Abebe G/Madhiin.

Bara lakkaawu kan jalqabe Kirstanummaa sana miti kan jedhan Lubni Solomoon, Kiristanummaan erga dhufee booda garuu bu'ura amantiichaa isaa ta'e Iyesuus Kiristoos dhaloota isaa ka'umsa godhatanii jedhu.

Sababni isaas waan akka geengoo tookko irratti tuqaa kam irraa jalqabne lakkoofna akka jechuutii. Naana'anii kan walargan haala uumamaatu naana'uu dachee irratti hundaa'uun bara gegeedaru waan ta'eef lakkoofna.

Kanaaf, lakkoofsi Juuliyees, lakkoofsaaf akka toluufiif jecha gara daqiiqaa 44 fi mayikroo sekoondii 56 akkasumaan itti dabaleeraa kan jedhudha.

Booda irra Girigooriin wayita kana sirreessu, wagoota heeddu boodaa daqiiqoonni sun walitti dabalamuun guyyoota dabalataa 10 ta'anii argaman. Girigooriinis guyyoonni kurnan kun citanii haba'aniif ejjenno fudhate.

Sirreessuun kun wayita geggeefamutti, waggoota kudhanitti maayikroo sekondoonni yookaan daqiiqonni kun gara guyyaa guutu ta'uun garaagarummaan kun dhalate.

Nus lakkoofsa Juuliyees isa utuu hin sirreefamiin hafe sana qabanne deemuun ji'oota kessatti sirna aduu hordoofnee guyyota irratti kudhanis, sadeetis, akkasumas waggoota irrattis garaagarummaa uumaa dhufe. Kanaaf, garaagarummaan jalqaba wayita sirreefamu isa sirreefame bakka buusuu dhiisuu keenyaani jedhu.

Dhalachuu Iyyasuus Kiristoos

Akka Luba Xibebitti, lakkoofsi guyyaa kan Awuuroopppaa kan inni bu'ura godhate gubachuu Room kan bara 735 B.A ti. Kanarraa ka'uun egaa barri Kakuu Haaraa kan lakkoofsa bara isaaniin kan herregan.

Waldaan Kiristiyaana Itoophiyaa garuu kana bu'ura godhachuun hin turre. Sababni isaas waanti akkana kun garagarummaa waggaa fiduu waan danda'uuf.

Waldaan Kiristiyaana Itoophiyaa kan dhalachuu Kiristoos bu'uura waldaa godhatuudha.

Kunis wangeela Luuqaas boqonnaa tokko irratti Gabreel qulqulluun ji'a ja'affa irratti gara durbee Maariyaam ishee dhiira hinbeekneetti ergamee deeme jedha. Ji'a ja'a jechuun isa dura seenaan tokko jiraa jechuudha.

Boqonaa sana irratti Gabreel qulqulluun gara Zakaariyaas deemuun Yoohaannis akka dhalatuuf misiraachoo itti himee ture.

Garaa haadhasaatti hafuun Yoohaannis erga ta'e ji'a ja'a booda Gabreel qulqulluun gara giiftii keenyaa Maariyaam durbaa deemee jechuudha.

Kanaaf, bu'uurri/jalqabni dhalachuu Gooftaa Keenyaa kan ta'e garaatti hafuu Yoohaannis yookaan dhalachuu isaa turee jechuudha.

Yeroo sana beekuuf ammoo Kakuu Moofaa keessatti Zakkaariyaas gara mana qulqullummaatti galuun yeroo inni itti ixaana aarse ji'a torbaffaa keessa guyyaa kurnaffaa irra (Seera Leewwotaa 16:29, 23:27) jedhamuun seeroonni kennaman turan.

Lakkoofsi guyyaa kan Yuhuudoota ammoo Bitootessatti jalqaba.

Sanarraa kaanee hanga Fulbaanaa yoo lakkoofne ji'a torbaffaarra geenya. Kanaaf, qeesichi cubbuu namootaaf kan dhiifama gaafatu ji'a Fulbaanaa keessa jechuudha.

Hordoftootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaanni Dhaloota Iyyesuus Kiristoos Itoophiyaatti sirna ho'aana kabajama

Kanaaf, akka dhaabbata amantaa Kiristaanaatti guyyaan ifatti bahuu Fulbaana 27. Sana booda ammoo guyyoota sadi booda haadha manaasaatti dhaqee himee Yohaannis garaatti baatame.

Ergasii ji'oota ja'a booda Gabreel gara Maariyaam deemuusaa yoo itti lakkoofnu Bitootessa 29 ta'a. Ergaa sanaammoo kaanee ji'a sagaliifi guyyaa shan yoo itti idaane Muddee 29 irra geenya.

Dhalooti Gooftaa yoom kabajamuu akka qabu kan jedhuuf deebii kennuuf ammoo manni amantaa yoom ifatti kabajuu eegale kan jedhu ilaaluutu barbaachisa jedha Lubni Salamoon ammoo.

Macaafa Qulqulluu keessatti Iyyasuus dhalachuusaa malee yoom akka dhalate hin ibsu. Seenaa jalqaba ifatti ba'e kan argannu jaarraa 4ffaa keessa.

Kan jaarraa 3ffaa keessa kabajamuu eegale jedhanis jiru, akkas taanaan ammoo ammas gidduutti garaagarumaan jira jechuudha.

Lakkoobsi baraa beektonni wayita lakkaawan akka dhaha Itiyoophiyaattis ta'ee akka warra Giriigooriyaaniitti wayita duuba deebi'amee lakkaawamu dogoggorri uumamaa akka ture kan lafa kaa'an Lubni Salamoon, sanarra guyyaa Dhaloota Iyyasuus adda baasuuf jecha Macaafa Qulqulluu ilaaluun gaaruma jedhu.

Mallattoowwan yeroo Iyyasuus dhalate akka agarsiisan jiraachuu Qeesaar ,lakkoobsi ummataa akka geggeeffamu ajajuusaa, urjiin mul'achuu(qorattoonni urjii duubatti deebi'anii akka qoratan waan dandeessisuuf), mootiin Heerdiis jedhamu Yahuudaarratti jiraachuusaa, Pheenxenaawwii Philaaxoos Room irratti bulchaa ta'ee filatamuusaa, taateewwan seenaa kunneen warren Macaafa Qulqulluun ala jiraniin wal bira qabnee yoo ilaalle haalli lakkoobsaa kan lameenuu boodatti deebi'anii yoo ilaalaman dogoggora uumaniiru.

Akka Giriigooriyaaniiitti waggaa torba boodatti kan Itoophiyaa ammoo waggaa 15 boodatti deebi'uuni kan taateewwan seenaa ta'an qorannoowwan jedhanis ba'aniiru.