Ayyaana Dhaloota Yesuus Kiristoos: Biyyootni Ayyaana Qillee har'a kabajan kam fa'i?

Madda suuraa, Anadolu Agency
Biyyoota Awurooppaafi Ameerikaatti ayyaanni dhalachuu Yesuus Kiristoos yookaan Qillee ALI Muddee 16 darbe kana kabajame.
Itoophiyaafi Eertiraa dabalatee biyyoota birootti ammoo har'a (Kibxata) ALI Muddee 29 kabajama.
Biyyoota kana dhimmi walfakkeessuu akkaataa guyyaa itti lakka'aani.
Biyyoota Afrikaa keessaa Eertiraa, Masriifi Itoophiyaan biyyoota amantoota Kooptik Ortodoksii qaban kanneen biratti ayyaanni Qillee Muddee 29 (waggaa 4tti yeroo tokko Mudde 28) ayyaana Qillee kabaju.
Biyyoonni Lixaa harki caalaan guyyaa akkaataa lakkoofsa Girigoriyaanitti lakkaa'u. Sirni lakkoofsaa kun bara 1583 Giriigoriin eegalame.
Biyyoonni Gamtaa Sooviyeet duraaniifi baha giddugaleessaammoo dhaloota Kiristoosiin dura sirna lakkoofsa Juuliyaaniin eegalame fayyadamu.
Ammaas taanaan biyyoonni heddduun sirna guyyaa ittin lakkaa'an kan Girigorii ta'us, ayyaana waggaammoo kan Juuliyaaniin fayyadamu.
Itoophiyaa, Eertiraaf Masirii dabalatee biyyoonni kanneen akka
- Raashiyaa
- Yukireen
- Sarbiyaa
- Beelaruus
- Monteneegiroo
- Kaazaakistaan
- Israa'el
- Bulgariyaa
- Maqedoniyaa
- Joorjiyaa
- Moldovaa ammas guyyaa dhaloota Iyyasuus Kiristoos kabajaa jiru.
Giriik, Qoophiroosifi Roomaaniyaa keessa Ortodoksoonni jiraatan ayyaana Qillee akka Girigooriitti kabajan.
Kanneen heeraman 14'n kanaan dabalataan Armeeniyaan sirna lakkoofsa ofiitiin Mudde 28 kabajatti.
Itoophiyaa
Biyyoota sirna ittin guyyaa lakka'aan qaban keessaa tokkodha.
Sirni lakkoofsa kun kan kan hordoftoota Ortodoksii Kooptik wajjin walfakkaata.
Biyyoonni hordoftoota Ortodoksii Kooptik biroos akkuma Itoophiyaa kan biyyoota lixaarraa guyyoota 13 duubatti hafanii kabaju. Ayyaana Cuuphaafi Faasikaa guyyaan kabajan kan biyyoota lixaarraa garaagara.
Itoophiyaatti hordoftoonni amantii kirstaanummaa Ortodoksii, Kaatolikii, warra Wangeelaa, Pheenxaqoostaal fa'aan Ayyaana Qillee har'a kabaju.

Madda suuraa, Mikhail Svetlov
Addunyaa keenyarra hordoftoonni amantoota Ortodoksiif kanneen Kiristaanummaa hordofan biroos otoo ayyaanni qillee hin gahiin sirna kadhannaan yaadataA turu.
Sirni ayyaan Qillee biyyoota gargaraatti sirna gargaaraatiin kabajama.
Fakkeenyaaf, Raashiyaa kiristaanoonni jiraatan torban jalqaba baraa amma guyyota 7tti guyyatti nyaata gosa 12 soorataa dabarsu.
Yuukireen keessattimmoo mana manatti deddemanii walgaafachuudhaan hordoftoonnii amantichaa kan dabarsani.
Lammiileen Beelaruusimmooo Qurxummiif buddeena qopheeffatu. Moontenegiroo keessattimmoo saantimaa daabboo keessa olka'aanii tolchu, wayita muramu carraa gaarii fidaa jedhanii amanu.
Sarbiyaattimmoo muka bosona keessa muranii gubaatu biratti walitti qabamanii sooratu. Joorjiyaa keessattimmoo gara daandiwwaan haadhoo(gurguddoo)tti bahanii dhalachuu IyyasuuS kabaju.
Itoophiyaattis yoo ta'e bu'uurrisaa tokkichas ta'u, sirni ittiin kabajamu garuu gargari. Biyyoota lixaatti garuu guyyaa akkasii mana sagadaa dhaqanii kabaju.













