Mootiin UK, Chaarlis III kaansaariin qabamusaanii ibsame

Mootiin Yunaayitid Kingidam Mootii Chaarlis, kaansariin qabamusaanii Masaraan Bakingihaam hime.

Gosti kaansariin Mootich ittiin qabamanis kaansarii cinaanii (prostate cancer) osoo hin taanee kan wayita guddachuu cinaanii (enlarged prostate) tahuu wallaansa wayita taasisan tibbana adda baheedha.

Haata’u malee, ammaaf gosti kaansarii dhukkubsatanii adda bahee hin ibsamne. Garuu akka ibsa masaraan kenneetti, Mootichi ‘‘wal'aansa idilee’’ Wiixata eegalan.

Mootiin UK kan umuriinsaanii waggaa 75, ummataan wal arguu irraa kan of qusatan yoo ta’u, wayita isaan yaalii irra turanittis Giiftiin Kaamilaa fi Ilmi Mootii Wiiliyaam bakka isaanii ta’uun gargaaru.

Sadarkaa kaansarii isaan dhukkubsataa jiran irrattis ta’e waan itti aanu ilaalchisee kan himame hin jiru.

Masaraan Bakinghaam akka jedheetti, Mootiin ‘‘waa’ee yaaliisaanii irratti guutuummaan haala gaarii keessa kan jiranii fi hanga danda’ameen saffiisaan hojiisaanii idilee fi ummataatti guutummaan deebii’uuf hawwaa jiru.''

Mootichi yeroof qophiiwwan ummataa waliin gaggeesuuf qabatanii ture kan dhaaban yoo ta’u, gahee isaanii dursummaa biyyattii heera mootummaatiin labsame garuu ittuma fufu.

Mootichi guyyaa Dilbataa Saandiriingihaam keessatti tajaajila kadhannaa bataskaanaa irratti mul’achuun ummata waliitti qabameef nagaa yoo dhaaman mul'atanii jiru.

Isaanis torbanii oliif hospitaala dhuunfaa Landan keessatti wallaansa pirosteetii qabu turan.

Mootichis dhiiroonni baayyeen qorannoo pirostetii taasisaniif jajabeessuuf jecha, waa’een yaalii pirostetii taasisaa jiran kunis ummataaf ifa taasifamu barbaadan.

Mootichis dhimmicharratti hubannoo cimsuutti gammadoo ta'unsaanii kan himame yoo ta'u, marsariitiin tajaajilli fayyaa biyyaaleessa biyyattii (NHS) haalli kaansarii pirostetii dabalaa jiraachuu gabaaseera.

Gosawwan kaansarii hedduutiif, sababii umurii waliin carraan ittiin qabamu ni dabala.

Akka ragaa odeeffannoon UK mul’sutti, jidduugalaan wagga waggaan taateen kaansarii harki sadii oli (%36) namoota umuriinsaanii waggaa 75 fi isaan olii irratti kan mudatedha.