Hakiimoonni lagannaa hojii gaggeessaa turan ji'aan booda hojiitti deebi'an

Jalqaba ji'a Caamsaa irraa kaasee hojii dhaabuun mormii gaggeessaa kan turan ogeessonni fayyaa A L I Waxabajji 9, 2017 irraa kaasee gara hojiitti akka deebiyan BBCtti himan.

Ogeessonni kunneen ji'oota darban keessa gaaffiiwwan miindaafi faayidaawwan gara garaa dabalatee jireenyaafi fayyaa ogeessota fayyaa ni fooyyeessa jedhan gaaffilee 12 dhiyeessanii ture.

Mootummaan gaaffiiwwan isaaniitiif deebii akka kennu "akeekkachiisuun" guyyaa dhumaa kaa'anii kan turan ogeessonni kunneen, gaaffiiwwan isaan dhiyeessan xiyyeeffannaa argachuu dahabuusaatiin A L I Caamsaa 10, 2017 irra akaasanii guutummaan guutuutti hojii dhaabuun mormaa turuun isaanii ni yaadatama.

Kana hordofee mootummaan tarkaanfii kan fudhate yoo ta'u, hidha adabalatee hojiirraa ari'uu, akeekkachiisa kennuu, qacarrii hojii haaraa baasuu, akkasumas "doorsisaafi dhiibbaa" akka irraan gfahe ogeessonni kunneen himaniiru.

'Sochii Ogeessota Fayyaa Itoophiyaa' maqaa jedhuun kan beekamu sochiin ogeessota fayyaa "boqonnaan jalqabaa" goolabamuuu beeksisuun A L I Wixata 9, 2017 gara hojiitti deebiyuu qindeessitoonni lama BBCtti dubbataniiru.

Sochiin isaanii "boqonnaa jalqabaa" milkaa'aa akka ture BBCtti kan hime qindeessaan sochii kanaa tokko, haal-dureewwan ministeera fayyaatiif dhiyeessan gariin guutamuufi hawaasaaf jecha gara hojiitti deebiyuu ibseera.

"Ummanni miidhamaa akka jiru argaa turre. Baayyee rakkachaa tururaniiru. Akka ogeessa fayyaa hawaasa keessaa baheetti, kana fudhachuu hin dandeenye," kan jedhan qindeessaan kun, sababii ijoo gara hojiitti deebiyaniif yoo ibsu, "boo'ichiifi iyyi hawaasaa waan nu dirqisiiseefidha," jedhe.

Qindeessaan sochii kanaa biroon, "hundi keenya gara hojiifi barnootaatti deebineerra," jechuun jalqaba torbaniirraa kaasee ogeessonni mormiirraa deebiyuu ibse.

Dhaabbileen fayyaa tokko tokko ogeessonni fayyaa tokko tokko gara hojiitti "hin deebitan" jechuun dhorkuu himaniiru.

Ogeessonni fayyaa erga mormiin hojii dhaabanii booda namoonni wallaansa fayyaa barbaadan miidhamuu kan dubbate qindeessaan kun, ogeessonni gara hojiitti yeroo deebiyan "gaaga'umsa hedduun " akka mudate hubachuu eereera.

Hojii dhaabuun mormii gaggeeffamaa tureen miidhaa namoota wallaansa barbaadaniifi sirna fayyaarra gahe hanga ammaa mootummaatiin waan jedhame jiraachuu baatus, kanaan dura ministerri fayyaa qaawwi uumame akka hin jirre beeksise ture.

Gaaffii ogeessota fayyaa waliin walqabsiisee biyyattiin ogeessonni 100 ol humnoota nageenyaan to'atamanii ture.

Poolisiin Federaalaa ji'a darbe "gaaffii mirgaa ogeessota fayyaa ittiin qabata gochuun", humnoota hokkara kakkaasuuf yaalan waliin warra tumsan jedhe ogeessota fayyaa 47 to'achuu beeksiseera.

Ogeessonni kunneen "sabaafi sablamoota walitti buusuu, hokkara kakaasuu" kanneen jedhaniifi yakkawwan ciccimoo birootiin shakkamanii torbanootaaf hidhamanii turaniiru.

Ogeessonni kunneen hidhaatii akka gadhiifamaniif ministeera fayyaatiif haal-duree akka dhiyeessan kan dubbate qindeessaan sochii kana akun, ogeessonni fayyaa hunduu hiikamuu BBCf mirkaneessaniiru.

"Hanga odeeffannoo qabnutti hundi isaanii akka hiikamaniirudha," jedhe.

Ogeessonni fayyaa baayyeenis galmeen ittiin himataman osoo hin cufamiin qabiin akka hiikaman dubbateera.

Dhimma karaa "sirrii" hin taaneen hojiirraa hakiimonni ari'amaniifi dhorkamanii ilaalchisee seeraan akka gaafatanis qindeessaa kun dubbateera.

Ogeessonni fayya akunneen gaaffilee isaan cimsanii gaafatan 12f deebii argachuu yoo baatan boqonnaa lamaffaatiin "kallattii biraa qopheeffatanii" gaaffileen isaanii kaasuu akka yaalanis beeksiseera.

Mootummaan "akka qabachaa jiruun [gaaffiiwwan keenya] waan deebisu hin fakkaatu," kan jedhu qindeessaan tokko, irra deebiin hojii dhaabuun mormii gaggeessuu dabalatee tarkaanfiiwwan biroo akka fudhatan akeekeera.

"Sirriitti gurmoofnee dhufna," kan jedhan ogeessonni kunneen, ji'oota itti aanan deebii mootummaatiin isaaniif kennamu ilaalanii gara "boqonnaa lamaffatti" akka ce'an BBCtti dubbataniiru.