Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magarsaa Barii: Gaggeesaan ABO qondaalota olaanoo wajjin Shinnigatti ajjeefame eenyu?
- Barreessaa, Hiikaa Fiixasaa
- Gahee, Gaazexeessaa
Magarsaa Barii Tufaa jedhama. Maqaan qabsoosaa ammoo Bariisoo Waabedha. Qondaala olaanaa mootummaa Dargii ta'ee osoo jiruu harka lafa jalaan kanneen dhaaba ABO gadi dhaaban keessaa tokko akka ta'etu himama.
Qabsoo hidhannoo Oromootti makamee umurii dheeraa osoo hin turin qondaalota olaanoo ABO gara Somaaliyaa osoo imalanii Shinniga bakka jedhamutti dhuman keessaa Magarsaa Barii tokkoodha.
Magarsaa Barii umurii gabaabduu jiraate keessatti qabsoo Oromoo keessatti mal gumaache? Maalinis yaadatama? Kan jedhu iyyaafanneera.
Obbo Leencoo Lataa namoota Magarsaa Barii itti dhiyeenyan beekan keessaa tokko yoo ta'an qondaalota olaanoo dhaaba ABO ta'uun Magarsaa Barii waliin hojjatan keessaa tokkoodha.
Magarsaa Barii umurii dargaggummaasaarraa kaasee hojii gaarifi jireenya dhuunfaasaa dhiisee nama onnee guutun qabsoodhaf murate akka ta'e himu Obbo Leencon turtii BBC waliin taasisaniin.
Magarsaan akkuma Obbo Leencoo nama barnootan jabaafi bara bulchiinsa Hayilasillaasee namoota muraasa Finfinneetti barnoota sadarkaa olaanaa barachuuf carrooman keessayi.
"Yeroon dura Finfinnee dhufe, [Magarsaan] telekominikeeshinii keessa hojjata ture," jechuun erga wal baranii booda mana walii deemaa akka turan kaasu Obbo Leencoon.
"Akka itti wal barre hin yaadadhu. Mana walii dhaquu keenya nan yaadadha; anis manasaa nan dhaqa, innis mana koo ni dhufa," jedhu.
Magarsaa Barii Godiina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo kessatti akka dhalateefi boodarra maatii wajjin gara Godiina Baalee Aanaa Gololchaatti akka imalan ragaaleen garaa garaa ni agarsiisu.
Barnootas sadarkaa duraa Addaabbafi Gindhiiritti kann barate yoo ta'u, qormaata kutaa 8ffaa qabxii olaanaa fiduusaan gara Finfinnee imaluun Mana Barumsa Komeersii kan naannawa Meeksikootti argamutti barnoota sadarkaa lammaffaa barachuusaatu himama.
Obbo Leencon akka jedhanitti Magarsaan Baruumsa Bizinasii baratee hojjataa mootummaa Dargii ta'uun tajaajilaa garuummoo qabsoo Oromoo dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo keessatti dhoksaan shoora guddaa taphataa akka ture himu.
Dhaabni ABO dhoksaan socho'aa ture Waxabajjii 19, 1976 kora bu'uuressaa kan jalqabaa Finfinneettii taa'erratti sagantaa siyaasaa isaa ifatti beeksise keessatti warreen adda dureen hirmaatan keessaa tokko Magarsaa Bariiti.
Magarsaa Barii dura taa'aa ABO ta'ee filame'
Dhaabni ABO korasaa jalqabaa gaggeessee osoo waggaa tokko booda qondaalonni jajjaboon dhaabichaa kanneen akka Baaroo Tumsaafi Magarsaa Barii fa'aa ija tikaa Dargii keessa galan.
Keessumaa bara 1977 keessa yeroo Dargiin weerara bulchiinsi Ziyaad Baarree Somaaliyaa irraa itti aggaame mo'atee fuulasaa gara hidhattoota biyya keessaa kanneen akka ABO, TPLFfi EPLF (Shaabiyaa) fa'aatti deefate ture.
Obbo Dheeressaa Qixxee namoota hundeeffama ABOtii jalqabanii hojiiwwan garaa garaa irratti hirmaataniidha.
Qondaalonni olaanoon dhaabichaa muraasni Finfinnee mana jireenyaa Baaroo Tumsaatti wal-gahuun egeree qabsoofi qondaalota olaanoo dhaabichaa filachuuf akka dirqaman BBCtti himan.
Bara 1977 keessa yeroo miseensonni ABO heddu magaalaa Finfinneefi bakkeewwan garaa garaatti hidhamaniifi magaala keessa taa'anii qabsaa'un sadarkaa yaaddeessarra gahe ta'uu yaadatu.
Walgahuun Ajaja Olaanaa Siyaasaafi Waraanaa bu'uuresanii gaggeessitoota itti gochuun dirqama itti tae.
Koricharratti hirmaachuu kan himan Obbo Dheeressaan namoota shana ajaja kana gaggeessuf filaman keessaa Magarsaa Barii dura taa'aa ta'ee filame.
"Dhuma bara 1977 keessa Koreen Hoji Raawwachiiftufi miseensonni Koree Giddu Galaa ABO lakkoofsan xiqqaa ta'an haala balaa guddaa qabuufi heddu wal-xaxaa ta'e keessatti Finfinneetti wal-gahan," jechuun akkaataa Ajaji Olaanan Siyaasaafi Waraanaa itti tolfameefi Magarsaa Barii gaggeessaa itti ta'e himu.
Kora kanaan ABOn Ajaja Siyaasaafi Waraanaa Olaanaa namoota shan of keessaa qabu filachuus ibsu.
Namoonni kunneen: Magarsaa Barii- dura taa'aa, Damisee Tacaanee (Gadaa Gammadaa)- ittaanaa, Baaroo Tumsaa- itti gaafatamaa dhimma alaa, Leencoo Lataa- barreessaa, Muhee Abdoo- miseensa ta'uun filaman.
Koricha booda hojiin siyaasaa icciitin magaalaa keessatti hojjachuun sadarkaa hin danda'amnerra waan gaheef akkasumas tikni Dargii qabsaa'ota Oromoo heddu adamsee waan qabeef hedduunsaanii gara bosonaa deeman.
"Kora kana booda Jaal Baaroo Tumsaafi Jaal Magarsaa Barii namoota hanga tokko waliin karaa Arsii irraan bahanii Waraana Bilisummaa Oromoo Baha Oromiyaa keessa socho'utti dabalaman."
Baaroo Tumsaafi Magarsaa Barii osoo hin qabamin miliqanii bosan galuun gar-malee Dargii aarsuu kan himan Obbo Dheeressaan, aarii kanaan Dargiin tika heddu Oromiyaatti bobbaasun sakattaa guddaa gaggeessuu yaadatu.
Namoota shanan kora mana Baaroo Tumsaatti bara 1977tti taa'ameen filaman keessaa amma lubbuun kan jiran Obbo Leencoo Lataa qofa.
Obbo Leencoon akka jedhanitti, Magarsaa Barii dura taa'aa ta'aa Adda Bilisummaa Oromoo ta'ee akka filamuuf sababa kan ta'e dudduubeen maatiisaa bakka Oromiyaa garaa garaa irraa ta'uudha.
"Filmaanni yeroo sanaa Baarotu qindeessa. Amantiin hundi keessa akka jiraatu [akka bakka bu'u], godiinni hundi akka keessa jiraatu godha hogganni yeroo filamu," jechuun of-eeggannoon guddaan akka godhamaa ture himu.
Dabaluunis, "Magarsaan godiina sadi bakka bu'a bu'a jechuudha. Shawaa, Arsiifi Baale."
Akka Obbo Leencon jedhanitti, Magarsaa Barii maatinsaa dur Shawaa irraa buqqa'anii gara Arsii qubatan, achirraan Baale.
Magarsaan nama dudduubensaa godiinota Oromiyaa sadi qabu waan ta'eef gaggeessaa ABO yoo ta'e gaarii ta'ee waan itti amanameef ta'uu kaasu.
"Tokkumma Oromoo tiksuuf sun heddu barbaachisaa ture. Hogganicha naannon tokko ykn amantiin tokko akka olaantummaan akka keessatti hin calaqqisne gochuurratti of-eeggannaa guddaatu godhama ture," jedhu Obbo Leencoon.
'Elemoo Qilxuu osoo bosona hin seenin dura mana Magarsaa Barii qubate'
Magarsaa Barii hojiiwwan dhaaba ABO keessatti adda dureen hirmaachun alatti mootumma Dargii keessatti aangoo qabu fayadamuun hojiiwwan icciitii garaa garaa Baaroo Tumsaa waliin qindeessuu keessatti gahee guddaa qaba ture.
Miseensota ABO hojii maqaa hojjataa mootummaatin bakkeewwan garaa garaatti ramaduun hojii basaasaa, dammaqiinsa uumuufi miseensota ijaaruu fa'aarratti akka bobba'an gochaa ture.
Magarsaa Barii osoo bosona hin seenin dura bulchaa ittaanaa Bulchiinsa Baalee ta'uun muudamanii hojjataa akka turan yaadatu Obbo Leencoon.
"Ittaanaa bulchaa Baalee godhamee mootummaadhaan muudamee Baale deemee ture," kan jedhan Obbo Leencon nama quuqama addaa qabu akka ture yaadatu.
"Inni qabsoodhaaf muratee nama qabsaawaa tureedha. Nama jireenya ofiitifuu baay'ee itti hin rakkanneedha [hin dhimmamneedha]."
Inumaayyuu qabsaa'onni akka Elomoo Qilxuu kan biyya Yaman turanii qabsoo hidhannoof biyyatti deebi'an Finfinnee mana Magarsaa Barii akka turan yaadatu Obbo Leencon.
"Nana yaadadha, Elemoo Qilxuufi Yuusuuf Bakar yeroo isaan biyya alaarraa biyyatti deebi'an mana isaa [Magarsaa Barii] qubatan.
Achirraayi kan Elemoon daggala [bosona] seene jechuudha," jechuun dargagummaarraa kaasee quuqama addaan qabsoof of kennee akka ture himu.
'Hogganoota olaanoo keessaa kan lubbuun hafe ana qofa'
Waggaa waggaan Ebli 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhamuun dhaaba irra guddeessa dhabaa ABO biratti ni kabajama.
Kunis guyyaa itti qondaalonni olaanon ABO lakkoofsan 10 ta'an hojii dhaabaf osoo gara Somaaliyaa imalaa jiranii bakka Shinniga jedhamutti shiftaadhan ajjeefamuusaanii kabajuufi.
Dura taa'afi ittaanaa dura taa'aa dhaabichaa dabalatee qondaalonni ijoon ABO bakkuma tokkotti ajjeefaman.
Yeroo sana dura taa'an ABO Magarsaa Barii yoo ta'u, ittaanaa dura taa'aan Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee) ture.
Bara 1977tti kora mana Baaroo Tumsaatti taa'ameen ABOn qaama Ajaja Olaanaa Siyaasafi Waraanaa tochuun Magarsaa Barii dura taa'aa godhee muude.
Obbo Leencoo Lataa barreessaa dhaabichaa ta'uun namoota shanan filaman sana keessaa tokko yoo ta'an, qondaalota olaanoo filaman keessaa kan luubbuun hafe isaan qofa akka ta'e himu.
Kora bara 1977tiin qondaalonni shanan: Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Baaroo Tumsaa, Leencoo Lataafi Muhee Abdoo erga filamanii booda osoo hin turin Baaroo Tumsaafi Magarsaan gara dirree bahaa deemuu kaasu Obbo Leencoon.
"Baay'ee hin turre, sana booda lachuusaanii [Magarsaafi Baaron] dirree bahaa deeman. Anis xiqqoo tureetan dirree bahaa dhaqe.
[Magarsaan 1977tti filaamee 1981tti ajjeefame," jechuun haala ture yaadatu.
Yeroo Magarsaa Barii dabalatee qondaalonni olaanon ABO osoo gara Somaaliyaa deemanuu ajjeefaman sana Obbo Leencon dirree lixaa irratti hojjachuuf Sudaan akka jiran kaasun osoo silaa dirree bahaa jiraatanii akkuma Magarsaa Barii fa'aa carraan Shinnigatti du'uu akka isaan mudachuu hin oolle kaasu.
"Gaafa warri 'Somaalee Galbee' hogganoota keenyarratti tarkaanfii fudhatan booddee Humna Ajaja Olaanaa sana keessaa ana duwwaatu hafe. Nama shan keessaa ana malee namni hafe hin jiru," jedhu Obbo Leencoon.
Dura taa'afi ittaanaa dhaaba ABO kan ta'an Magarsaa Bariifi Gadaa Gammadaa dabalatee qondaalonni olaanon 10 Shinnigatti dhumuun dhaabicha heddu gatii akka kaffalchiise kaasu Obbo Leencoon.
"Waggoota itti aanan hogganoota dhuman sana bakka buusurratti xiyyeeffannoo guddaa goonee hojjachuun nurra turre.
Dirree dhihaatti 1988 natti fakkaata, wal-gahii Jila Qabsaa'otaa waan jedhamu tokko qindeessine. [Bara] 1989 waggaa isa ittaanu ammoo dirree bahaatti Korri Sabaa taa'e. Akkasitti hogganoota dhuman sana bakka buufachuu jalqabne," jedhu.
Akka isaan jedhanitti ABOn hoggana hanga kana si'a tokkotti dhabuun heddu isa cuuqarsee kaasun hogganoota sana bakka buusun yeroo akka fudhates ibsu.
"Hooggana hamma kana dhabee dhaabni dandamate baay'edha jedhee hin fudhadhu. Baay'ee xiqqoodha yoo jiraates. Hoggana dhumate haaradhaan bakka buusun Adda Bilisummaa Oromoo baay'ee qancarse," jechuun hogganoonni akka Magarsaa Barii du'uun qormaata dhaabichatti fide ibsu.
Du'a Baaroo Tumsaatti aanee hogganni olaanan 10 bakka tokkotti dhumuun ABO heddu heddu miidhe.
Qondaalonni olaanon Adda Bilisummaa Oromoo osoo gara Somaaliyaa imalaa jiranii Shinniga bakka jedhamutti ajjeefaman: Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee), Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee), Yiggazuu Bantii (Doorii Barii), Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqii), Umar (Falmataa), Faafaan Dooyyoo, Irranaa Qacalee, Marii Galaanifi Dhaddachoo Boruuti.