Qormaati barattootatti cimnaan hoogganaan aangoo gadhiisan, akkamiin?

Madda suuraa, EPA
Qormaata dadhabsiisaa barattoonni Kooriyaa Kibbaa seensa kooleejiif fudhatan- Suneung jedhamuun beekamu keessaa gosi barnootaa Afaan Ingilizii garmalee cime.
Barattoonni qormaata kanatti maqaa adda addaa itti baasuun qeeqan. Kaan barreeffamoota durdurii qabatanii nutti dhufan jedhan, kaan ammoo waan hin baratamne ykn keessummaa ta'e jedhaniin.
Sababa kanatti hookkara guddaatu dhalate. Hookkarri qormaanni cimuu fi walxaxaa ta'uurraa dhalate kun hanga hoogganaa damee qormaataa kana aangoorraa buusuutti ga'e.
"Gaaffileen akkaan cimuu fi walxaxoo ta'uu ilaalchisee qeeqa dhihaate onnee keenyarraa fudhanna. Gaaffilee haala kanaan baasuun sirrii miti,'' jedhan hoogganaa Suneung kan ta'an Oh Seung-geol.
Qormaati kun marsaa hedduuf gulaalamus dhumarratti hanqinasaa waliin barattootaaf dhihaateera jedhan qondaalli kun.
Hedduun filannoo jechootaa fi gowwoomsaa qormaata keessa jiru kaasuun qeeqan. Namni tokko ''barreeffama jechootaan kuulamee qixaa'e'' jechuun ibse, namni biraan ammoo ''barreeffama jibbisiisaa yaada ykn ergaa tokkollee hin dabarsine,'' jechuun qeeqe.
Barattoonni gaaffilee 45 akka deebisaniif daqiiqaa 70tu kennameef. Barattoota qoraman keessaa dhibbeentaa 3 qofatu qabxii gaarii fidan. Kan bara darbee dhibbeentaa 6 ture.
''Gaaffilee jiran hubachuuf yeroo dheeraa natti fudhate. Gaaffileen hedduun nama dogoggorsu.
''Deebiin gaaffile garii walfakkaata. Hanga daqiiqaa dhumaatti homaa hin hubannen ture,'' jette barattuu gameettii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Hanyeong kan taate Im Na-hye.
Garuu Pirofeesarri Afaan Ingilizii Jung Chae-kwan qormaati Ingiliffaa kun ulfaataadha jedhanii dubbachuun sirrii miti jedha.
''Barreeffamoonni gaaffiif dhihaatan guutummaatti hin ta'an jechuu miti, garuu baayyee waliin nama dhahu,'' jedha Prof Jung.
Barsiisonni barnoota Afaan Ingilizii qofa barsiisuu caalaa mala-maltee qormaataa (tricks) dabalanii barsiisuutu irra ture jedha.
Namoonni gariin gaaffileen qormaata kanaf dhihaatan hedduun kitaabota waa'eensaanii guutummaatti dagataman ykn erga gatamanii turan keessaa fudhataman jechuun qeequ.
Kun ammoo barattoonni hubatanii akka hin deebisne taasise jedhu.
Kaan ammoo gaaffilee cimsuun kaayyooma qorumsa kanaa ta'uu dubbatan.
Yuniversitii magaalaa Sewulitti argamu Hankuk University of Foreign Studies jedhamutti Afaan Ingilzii kan barsiistu Kim Soo-yeon, ''qormaatichi dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa kan madaaluudha,'' jette.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qormaati kooriyaa keessatti qormaata idileerraan adda ta'e- Suneung, waggaa waggaan Sadaasa keessa kennama.
Barattoonni sa'aatii saddeetiif walitti aansuun qormaata gosa garaagaraa fudhatu.
Yuniversitii seenuuf dirqama barattoonni qormaata kana fudhachuu qabu.
Akkasumas qormaati kun egeree carraa hojii, galii fi hariiroo barattoonni uummatan keessatti qooda guddaa qaba.
Gosi barnootaa qormaataaf dhihaatan Kooriyaa, herrega, Ingiliffa, akkasumas saayinsii hawaasaa fi uumamaa yoo ta'an waliigalatti gaaffilee 200tu dhihaatu.
Barattoonni qormaata kanaaf yeroo dheeraaf qophaa'u. Yeroosaanii gara caalu qophii qormaataa kanaaf aarsaa godhu.
Kaan maallaqaan barnoota dabalataa ykn qo'annaarratti xiyyeeffatu.
Wayita qormaati kun [Suneung] kennamu guutummaatti biyyattiitti akka addaatti ilaalama.
Ijaarsi ni dhaabbata, xiyyaaronni hin imalan, leenjiin waraanallee adda cita.
Kun hunduu qormaati kun tasgabbiin akka xumuramuuf haala mijeessuufi.
Erga qormaati kun bara 1993 eegalee namoonni 12 hooggananiiru. Garuu kan yeroo isaaniif kenname, waggaa sadi, xumuran afur qofa.
Kaan sababa rakkoo mudatuun hojii gadhiisan, kan ammaa dabalatee.
Cimina qormaataan walqabatee garuu wayita hoogganaan qormaata Suneung aangoo gadhiisu kan jalqabaati.












