'Kaleekoo gurgureen liqii kaffaladhee manas bitadha'

''Idaa narra jiru kaffaladheen manas bitachuu barbaada. Kanaafan kaleekoo baasee gurgurachuu barbaade'' jedhe qonnaan bulaan Miyaanmaar.

Erga fonqolcha mootummaa bara 2021 as waraanni walii waliinii biyyicha keessaa hammaateera.

Maatii isaa jiraachisuu dadhabee liqii keessatti kufeera. Magaalaa guddoo biyyattii Yaangon irraa xinnoo fagaatanii ijoollee isaa waliin mana amaatii isaa jiraachaa jira.

Eenyummaa isaa dhoksuuf jecha maqaan isaa kan jijjiirame Zeyaanganda isaanii keessaa kalee isaanii tokko gurguratan beeka.

''Ammayyuu waan fayyaa qaban natti fakkaata'' jedhe. Kana irraa kan ka'e innis namoota kanneen waa'ee kalee gurgurachuu kana gaafachuu jalqabe.

Ganda isaanii keessaa namoota saddet gara Hindii deemuun kalee isaanii gurguratan keessaa tokko tahuu BBC Afaan Barmaatti hime.

Eeshiyaa keessatti daldalli qaama namaa seeraan alaa babal'ateera. Mudannoon Zeyaas gochaan kun akkamiin akka raawwatamu kan namatti agarsiisudha.

Hindii fi Miyaanmaarr keessatti qaama namaa bituunis tahe gurguruun seeraan aladha. Zeyaan gaafa kalee isaa gurgurachuuf jedhu faddaalaa [dallaalaa] argachuun akka wal isa qunamsiise hime.

Hindii keessatti namni kalee waliif kennu fira ykn hariiro dhiyoo qabaachuu isaanii agarsiisuu qabu.

Namichi dookimantii sobaa miseensa maatii irratti tarreessuun qopheessuu hime. Kun maatii maayinamaar hedduu biratti waanuma baramedha.

''Faddaalaa ykn dallaalaan kun maqaakoo miseensa maatii nama kaleekoo bitatuu keessatti galmeesse.''

Dallaalichi akka nuyi karaa gaa'ilaa walitti hidhata qabnuu fi fira fagoo taanetti ragaa qopheessuun akkan ani kaleekoo arjoomuuf qophaa'etti ragaalee qindeesse jedhe.

Dallaallaan kun magaalaa Yaangon keessatti nama kalicha barbaadu wlaiin wlaitti fide.

Namni hakiima jedhame achitti hojiilee waraqaa hedduu xumuruu hime. Sana booda Zeyaan yaada isaa jijjiirraan maallaqa akka adabamu itti hime.

BBC'n nama jedhame kana qunnameera. Hojiin isaa namni kalee arjooma jedhame fayyaa guutuu qabaachuuf dhiisuu isaa ilaaluu malee nama kalicha fudhatu waliin hariiroo akkamii akka qaban qorachuu miti jedhe.

Yoo adeemsa hundaa xumure doolaara 1,700 hanga 2,700 akka kaffaamuuf itti himame.

Sana booda gara Kaaba Hindiitti imaluun hospitaala guddaa tokko keessatti tajaajilli baqaqsanii hodhuu taasifameefii kaleessaa knnee deebi'e.

Hindii keessatti tajaajilli kalee nama biraa irraa fuudhanii nama biraaf galchuu koree hospitaalichi ykn bulchaan naannichaa hundeesseen raggaa'uu qaba.

Zeyaan namoota afuriin gaaffii fi deebiin taasifameefii. Isaaf ammoo namni afaan hiiku dhabachuufii hima.

Namni kalee isa afudhachuuf jedhu fira isaa tahuu isaanitti hime. Kun ragaa jalqaba qophaa'e malee dhugaa miti.

Tajaajila baqaqsanii yaaluu booda rakkoo guddaan hin turre. Garuu yeroo deemu dhukkubbii natti dhagahama ture jedhe.

Namni biraa Miyoo Win jedhamu fira fakkaachuun namuma hin beeknetti kalee gurgurachuu BBCtti hime.

''Dallaalaan sanadoota tahe naaf kenne. Waan isa irratti barraa'an qalbiikootti qabachuuf dubbisaan ture.''

Namni kalee isaa fudhatu ammoo nama fira isaanii keessaa fuudheeru akka tahe akkan itti himuuf na gorse jedhe.

Namni waa'ee fayyaakoo fi kaan na qoratu ammo haadhakoofis bilbilee gaafachuu qaba. Garuu dallalichi harmee koo fakkeessee dubartii tokko qopheessee ture jedhe.

''Dubartiin akka haadhakootti qophoofte ammoo fira keenya tokkoof kaleekoo kennuuf akkan qophaa'aa jiru isaanitti himte jedhe.

Namni kunis Maallaqa akkuma Zeyaa argate. Garuu dallaalaa sanaaf %10 irraa kaffaluu qaba.

Miyoon liqaa fi baasii yaalaa haadha warraa isaa irra tuulameen waan rakkateef kalee isaa gurguruuf murteessuu hime.

Erga bara 2010 as qaama namaaf dhaabuu [Organ transplants] adunyaa irratti 50% oliin dabaleera.

Waggaa waggaan tajaajila baqaqsanii yaaluudhaan qaama namaa bakka buusuu [ organ Transplant] 150,000 oltu gaggeeffama.

Haa tahu malee hamma barbaadamu keessaa kan argamu %10 hin caalu.

Daldalli qaama namaa biyya hundaa keessattuu seeraan aladha. Garuu hamma daldala kanaa baruun rakkisaadha.

Sababa hiyyummaa irraa kan ka'e daldalli kalee seeraan alaa biyyoota Eeshiyaa akka Neppaal, Paakistaan, Indoonezhiyaa, Hindii fi Afgaanistaan keessatti babal'ateera.

Odeessaafi xiinxala biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.