Shamarree heeruma daa'imummaan fedhiishee malee raawwate mana murtiittti diigde

Shamarreen tokko daandii namaan guutame lama gidduutti tuullaa sanadootaa harkatti baattee gaaddiisa mukaa jala teessee jirti.

Isheenis Bibii Nazdaanaaf jedhamti. Sanadoonni isheen baattee jirtus kanneen addunyaa kanarra jiru hunda caalaa isheef barbaachisoodha.

Innis sanada erga waggoota lamaan darbaniif ittiin falmaa baateen booda, isa gaa'ila daa'imummaan akka qabattu taasifamte hiikuuf kan ittiin manni murteesseefiidha.

Osoo umuriin ishee hin gahiin heerumaaf kennamte. Sanadoonni kunneenis jireenya sana keessaa bilisa ishee baasu. Sanadoonni kunneen Taaliibaan biratti fudhatama hin qaban.

Taaliibaan Afgaanistaan keessatti seera Shariiyaatti fayyadamuun bilisummaa dubartootaa irratti dhiibbaa taasisa.

Afgaan keessatti dubartoonni manni murtii akka gaa'ilsaanii ijoolluummaan fedhii malee itti galan akka hiikaniif hayyamufilleen, Taalibaaniin didamuun kanneen rakkataa jiran dubartoota hedduudha.

Taaliibaan waggaa sadiin dura deebiisee Afgaanistaaniin to'achuunsaa ni yaadatama.

Biibiin osoo waggaa torba jirtuu akka heerumtuuf kan naqatamte yoo ta'u, namichi ishee kaadhimmates murtee kennamee guyyaa 10 keessatti diigsiise.

Murtee sana argachuuf waggootaaf tattaafachaa baate. Biibiin waggaa 15 wayita guuttu, namni Heekmaatulaah jedhamu fudhachuuf gara mana warrashee dhaqe.

Abbaan ishee heerumsiisuuf erga waliigalanii waggaan saddeeti darbeera.

Warri wal dhaban akka firoomaniif ture kan Biibiin akka itti heerumtuuf waliigalteen taasifame.

Isheen garuu dhimmicha gara mana murtiitti geessite. Yero sanattis manni murtii kan bulfamu mootummaa Afgaanistaan kan Ameerikaan deeggartuun ture.

Isheenis qonnaan bulaa umuriinsaa waggaa 20mota keessatti argamu hiikuu akka barbaaddu mana murtiitti beeksiifte. Waggaa lamaan boodas akka hiiktuuf hayyama argatte.

''Manni murtii baga gammadde naan jedhe. Amma hiiktee nama barbaaddeetti heerumuu dandeessa naan jedhe'' jetti.

Namtichi garuu erga ol iyyateen booda, hiikuu hin dandeessuu naan jedhan. Nama kanarraa deebii argachuuf yaaliin BBC taasise hin milkoofne.

''Shaariyaan waan hin hayyamneef gara mana murtiitti akkan hindeebiine natti himame. Bakka na bu'uu kan danda'u obboleessakoo akka ta'en ibse'' jetti.

Obbooleessi ishee Shaams umuriin waggaa 28. Innis ''Ajaja yoo kabaju baannee dirqamaan obbooleettiikoo namtichaaf akka kennan natti himan'' jedha.

Namni kunis dhiheenyatti kan Taaliibaaniitti makame waan ta'eef murtee seeraa Biibii diigsiiseera. Shaams dhimmasaa maan murtiitti ibsuu yaalee ture.

Lubbuun obbooleettiisaa balaarra bu'uu akka danda'u ibsuus kan dhagahu dhabe.

Obbolaan biyyaa bahuu

Kanaan booda obboolaan lamaan furmaata dhabnaan biyyaa baqatan.

Taaliibaan yeroo lammaataatiif aangoo deebiisee wayita qabateetti malaamaltummaa balleessuufi bu'uura shariyaatiin ''haqa argamsiisuuf'' waadaa seene.

Hanga ammaattis dhimmoota kuma 355 akka ilaale Taaliibaan ibseera. Haata'u malee irra caalaa sanadoota kanneen kan yakkaati. Fakkeenyaaf %40 dhimma lafaa fi %30 gaa'ila hiikuufi dhimmota maatii biraa kan ilaalataniidha.

BBCn erga sanadoota mana murtii waliigalaa Kaabuul ilaaleen booda ture dhimmi Biibii kan ifa bahe.

Ittigaafatamaan Sabaa Himaa Mana murtii Waliigala Afgaanistaan, Abdulwaahiid Haqaanii, kan manni murtii Biibiif murteesse jijjiramu mirkanneessaniiru.

“Bulchiinsi malaammaltummaa duraanii murteen akka gaa'ila hiiktuuf dabarse kan seera shariyaa waa'ee gaa'ila ilaalatuun wal faalleessuudha'' jedhan.

Taalibaan sirna haqaa fooyyeessuuf waadaa seenulleen, dhimmota murteen itti keennaman booddeetti deebii'uun ilaalaa jijjiraa jira.

Haala tarsiimowaa ta'een abbootii seeraa hunda baasuudhaan kanneen bulchiinsa Taaliiban deeggaran bakka buuseera.

Biibiin murteen isheef darbee ture jijjiramusaa ni mormiti. ''Dubartiin tokko erga abbaa warraashee hiikteen boodaa fi sanada mana murtii hanga qabaateetti dhimmichi dhumeera. Mootummaan yoo jijjiramu murteen mana murtii hin jijjiramu'' jetti.

''Seerri siiviilii gara waggaa shantamaa ta'eera. Osoo Taalibaan hin umamiin dura seerrichi tureera. Seerri siiviilii gaahila diiguu ilaalatuu fi seerri adaba yakkkaa Quraana irraa fudhataman'' jetti oggeettiin seeraa.

Taaliibaan garuu bulchiinsi dura haala gaariitti kan Islaama hordofe hin turre jedha.

Taaliibaan seera amantaa Hanaafii Fiiqi jedhamuun akka durfamu ibsa.

Amma Biibiin shamarree waggaa 20 taatee jirti. Waraqaa gaa'iila ittiin hiikte qabattee nama deeggaru barbaaddi.

''Dhaabbilee mit-mootummaa dabalatee karra namoota baayyee rukuteera. garuu sagalee koo kan dhagahee hin jiru.Deeggarsi eessa jira? jechuun gaafatti.