Waa'ee albeema sirba Qamar Yuusuuf 'isa dhumaati' jedhame birriin mil. 12 itti bahee waan beeknu

Qamar Yuusuuf

Madda suuraa, Qamar

Albamni Artist Qamar Yuusuuf 'isa dhumaati' jedhame Waxabajjii 15 Hoteelaa Iskaayilaayititti akka eebbifamu qindeessaan sagantaa eebba Albeemichaa obbo Soolan Biraanuu BBC'tti himaniiru.

Koreen Sagantaa eebba Albamichaa fi Artist Qamar Yusuuf har'a ibsa miidiyaalee biyya keessaf kennaniiru.

Artist Qamar sirba dhaabee gara hojii investimentiitti deebi'uu isaa ibsaa ture.

Haa ta'u malee, dhiibba dinqisiifattootni fi jaalattootni aartii isarraan gahaniin albeema sirbaa isaa xumura kana hojjachuun imala muuziqaa wagga 50f keessa ture ittin yaadachuuf kan qophaa'e ta'uu obbo Soolan kan dubbatan.

Albeemni kun sirboota Qamar Yuusuuf kana dura turanirraa haala addaa addaan fooyya'ee kan dhiyaatee fi aartii Oromoo guddachaa jiru keessatti gumaacha guddaa kan ba'u ta'as jedhame.

Albamni Artist Qamar Yuusuuf kun bifa Siidiitiin qophaa'ee ummatni akka of biraa qabaatu, akkasumallee karaa miidiyaalee hawaasaa akka Yuutubii dhiyaayaachuuf kan yaadameedha.

Albeemicha keessa sirbootni 14 kan jiran yoo ta'u, Sirbootni gara 5 ta'an ammoo bifa viidiyoon qophaa'aa akka jiran obbo Soolan dabaluun himaniiru.

Hojiin albeema kanaas waggaa lamaa ol akka fudhatee fi birriin miiliyoona 12 ta'u akka itti ba'e himameera.

Artist Qamar Yuusuuf hanga ammaatti Albama 7 fi sirboota qeenxee 50 ol hojjechuun Uummataaf gumaacheera.

Mata dureen albeema Qamar Yuusuuf 8ffaan kun "Galaanoo" akka jedhamuu fi ALI Caamsaa 15/2017 Hoteela iskaayilaayititti eebbifamee ummataaf akka ifa ta'u koreen har'a ibsa miidiyaaleef kennan ibsaniiru.

Sirbootni albeemichaa dhimmota adda addaarratti kan xiyyeefate yoo ta'u ogeeyyi aartii buleeyyi fi muuxannoo qanbaniin kan qophaa'e akka ta'e eerameera.

Ebba Albeemichaan boodas fi biyya keessa fi biyya alatti agarsiisuuf qophiin kan xumurame ta'uu qindeessaan sagantaa eebba Albeemichaa obbo Soolan Biraanuu BBC'tti himaniiru.

Baatii Fulbaanaa jala bultii ayyaana Irreechaattis koonsertii guddaa galma barkumeetti qopheessuuf haalduree xumuruun himameera.

Qamar Yusuuf dhaloota lammaffaa Baandi arfan Qal'oo jedhamanii beekaman keessaa tokko yoo ta'u waggoota 50'n darban kana keessa keessumaa walluu aadaaf ammayyaan hawaasa biratti hedduu jaalataama.