Chaayinaafi Ameerikaan odeeffannoo waraanaa waljijjiruu adda kutanii turan itti fufuuf waliigalan

Gitawwan lamaan Chaayinaafi Ameerikaa

Madda suuraa, Reuters

Ameerikaafi Chaayinaan muddama jidduusaanii qabanneessuuf jecha odeeffannoo waraanaa wa jijjiruu adda citee ture deebiisanii eegaluudhaaf waliigalteerra gahusaanii Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ibsan.

Pirezidant Joo Baayidan gitasaanii Chaayinaa Shii Jiipiing waliin Roobii kaleessaa Kaaliifoorniiyaatti wal arganii mra’ii taasisaniiru. Marii kana boodas Baayidan ‘‘walitti dhufeenya ifaafi kallattii ta’eetti’’ deebineerra jechuun dubbatan.

Dureewwan biyyoota lamaanii kallattiin wal arganii erga mari’atanii waggaa tokkoon ol ta’eera.

Baayidan dabalate dureewwan lamaan kunneenis sarara ittiin kallattiin wal arganis qabaachuuf waliigalusaanii ibsan.

Dureewwan lamaan erga haasaa taasisaniin booda Pirezidant Baayidan ibsa kennaniin, odeeffaannoo waljijjiruu dhabuun rakkoo uumuu danda’a ture jedhan.

‘‘Amma garuu pirezidantonni lamaan bilbila waliif bilbiluun kallattiifi saffiisaan waliin mari’achuu danda’u’’ jedhan itti dabaluun.

Yeroo sanatti Af-yaa’ii mana maree Ameerikaa kan turan, Naansii Peloosii yeroo odola ofiin of bulchitu Taayiwaan dowwachuuf turtetti Chaayinaan waljijjirraa odeeffannoo waraanaa Ameerikaa waliin qabdu kan adda kutte.

Baayidan dhimmoonni irratti walii hin galamne hedduun ammalleen jiraatanilleen, ‘‘Pirezidant Shiin garuu nama kallattii ykn qajeelaa turan’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baayidan marii isaanitiin ‘‘dhimmoonni irra caalaan bu’a qabeessaafi kan ijaaran turan’’ erga jedhaniin booda, Pirezidant Shii ammoo akka ‘‘abbaa hirree ta'etti’’ akka ilaalan ibsan.

Joo Baayidan gaaffii gaazexessitota irraa dhiyaateef deebii wayita kennanitti, ‘‘biyya nurraa adda ta’e hoogganusaaniitti akka abbaa hirreetti akka isaan lakkaa’an’’ dubbatan.

Pirezidantichi deebii akkasii yoo kennan kun kan jalqabaasaa miti. Baatii Waxabajjii darbe yaada walfakkaatu waa’ee Shii irratti kennuun aanga’oota Chaayinaa dheekkamsiisee ture. Haasaan isaas ‘‘kan bu’aa hin qabneefi kan itti gaafatamummaa hanqatudha’’ jechuun qeeqanii ture.

Biyyoonni lamaan odeeffannoo waraanaa waljijjiruuf waliigaluun alattis yeroo dhiyoon asiitti dhimmoota madda mudamaa ta’an kan biraa irratti waliigalteerra gahaniiru.

Dhimmoota kanneen keessaa tokko walitti bu’insa Israa’el-Hamaasidha. Qondaalli olaanoon Ameerikaa tokko Baayidan dhiibbaa Pirezidantiin Chaayinaa qabanitti fayyadamuun Iraan gochaa walitti bu’insa kakaasurraa akka of qusattu akka akkeekkachiisan gaafachuuf akka fayyadaman gaazexessitootatti himan.

Dureewwan lamaan kunneen guddina hubannoo nam-tolchee (Artiifishaal Intelejensi/AI) waliin xinxaluuf waliigalaniiru. Gama biraatiin qondaalli Ameerikaa tokko akka ibsaniitti, dureewwan kunneen dhimma Taayiwaan irrattis bal’inaan mari’ataniiru.

Haaluma kanaanis, yaada Shii Taayiwaaniin walqabatee kaasan, ‘‘dhimma balaa guddaa walitti dhufeenya Ameerikaafi Chaayinaa [murteessu]’’ jechuun ibsan.

Mariin Baayidaniifi Shiin booda Chaayinaan waljijjirraa odeeffannoo biyyoota jidduutti taasifamaa ture kan ‘‘walqixxuummaafi kabaja’’ bu’uura taasifachuun raawwatame ta’uu ibste.

Seensa marii dureewwan lamaaniirratti wayita haasaa baniinsaa taasisanitti, Shii ‘‘dacheen biyyoota lamaaniif gahaadha. Milkaa’inni tokkoo isa biraatiif carraadha… Walitti dhufeenyi badan bu’aansaa biyyoota lamaaniif,’’ jedhan.

Kanaanis dureewwan biyyoota jajjaboo lamaanii bu’aa bu’uura qabu hanga eegame akka hin fidnee ibsame.

Aangaa’aan Ameerikaa tokko kana ilaalchisuun wayita dubbatanitti, ‘‘Kaayyoo sirriin dorgomtummaasaanii eegsiisuu, yaaddoowwan gara walitti bu’insaatti geessan irraa ittiisuufi sarara walitti dhufeenyasaanii banaa taasisuudha’’ jechuun dubbatan.

Guraandhala darbe afuuffeewwan basaasaa Chaayinaa samii Ameerikaa irra balali’aa turan erga Ameerikaan dhooftee kufiifteen booda walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii haalaan badee ture.

Kun ta’ee baatiiwwaniin booda Ministirri Dhimma Alaaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan gara Chaayinaatti imaluun Pirezidant Shii arguun waliin haasa’anii turan.

Daawwannaa kanaan booda yaada Bilinkan kennaniin hordofee dhimmoonni biyyoota waliif hin galchine jiraatanilleen, waljijjirraan odeeffannoo fooyya’aan akka jiraatu abdii akka taasisan himanii ture.