'WBO fi Mootummaan marii itti jiraniin milkoofnaan kilinikakootti tolan wal'aansa kenna'-Dr Birboo Caalaa
''Hawwii nagaa ummataa Oromootiif qabuun malee qabeenyaa kana na raawwichisu qabaadhee miti kan jedhe Dr Birboo Caalaa, ''WBO fi Mootummaan Itoophiyaa marii amma Taanzaaniyaatti itti jiraniin yoo milkaa’an kilinika isaa keessatti guyyaa tokkoof wal'aansa tolaan akka kennan BBCtti himan.
Dr Birboo Caalaa Hospitaala Diimaa magaalaa Sabbataatti hakiima waliigalaa yoo ta'an, achumma Sabbataatti Kilinika Giddugaleessaa Wiirtuu jedhamus qabu.
Sababii dhiibbaan waraanaafi walitti bu'insi damee fayyaafi nageenya hawaasaarratti qabu haalaan hubataniif, yeroo mariin Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummmaa Itoophiyaa gidduutti jalqabamu dhagahanitti gammachuu olaanaan itti dhagahamuu dubbatan.
Gammachuu isaanii waan ittiin ibsatan yaadanis murtee "Guyyaa tokko kilinikii keenyatti maamila hundaaf tolaan wal'aansa haa kenninu jedhurra geenye" jedhan.
Turtii BBC waliin taasisan kunoo viidiyoon dowwadhaa.



