Warshaan meeshaa waraanaa Hoomachoo 'bireenii, isnaayiparii oomishuu eegale'

Itoophiyaan hanqina meeshaalee waraanaa ''rakkoo jabaa'' ture yeroo gabaabaa keessatti warshaa dhaabuun gabaa alaatti gurguruu eegalte jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.

Bulchaan Itoophiyaa warshaa meeshaa waraanaa Hoomachoo oomisha haaraa eegale jedhan daawwachuun viidiyoo miidiyaa hawaasummaarratti gadhiisaniin kana beeksisan.

''Bara 2014 [ALI] rasaasa ni binna turre. Bara 2015'tti warshaa kana dhaabuu kan eegalle.

''Har'a Itoophiyaan kilaashii, bireenii, isnaayiparii, diishqaa, taankii madfii gosa hunda ofiif osoo hin taane gabaaf,'' oomishuu eegaluu himan.

Dubbiin MM Abiy kuni Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni yeroo mul'atutti dhagahame. Xiinxaltoonni hariiroon biyyoota lamaa walitti bu'iinsatti qajeeluu mala jechuun akeekkachiisu.

Mootummaan Ertiraa miseensoota duraanii raayyaa ittiisaa leenjii dabalataatiif akkasumas kaan ammoo biyyaa akka hin baane qajeelfama baasuu BBC'n odeeffateera.

Ministirri Muummee Abiy warshaan meeshaalee waraanaa haaraa oomishuu eegalan yeroo gabaabaa keessa hundeeffamuu ibsan.

''Yeroo gabaabaa waggaa lama hin guunne keessatti humni kuni ijaaramee arguu kootti kabajaafi gammachuu guddaatu natti dhagahama.

''Ani loltuudha nan hubadha naannawa waraanaa wantoota hanqatan, yeroo oppireeshinii akkam akka rakkisaa ta'e nan hubadha.

''Amma Itoophiyaan yaaddoo hin qabdu. Ijoollee sammuu qaban qabdi. Loltoota goota ta'an qabdi. Hanqina gama galteedhaan qabdu hamma tokko furteetti.''

Ministirri Muummee Abiy waraana Itoophiyaaf uffati loltuu akkasumas kopheen alaa kan seenu akka ture dubbatu.

''Yeroo ammaa Raayyaan Ittisa Biyyaa uffata loltuu oomisha, kophee oomishee isa hanqate indastirii biyya keessaa fudhata,'' jechuun dubbatani.

'Rakkoo jabaa'

Warshaan meeshaa waraanaa Hoomachoo Godina Shawaa Lixaa keessa argamu bara Dargii eegalee meeshaa oomishuun beekama.

MM Abiy haasaa isaaniin ''Kana dura Itoophiyaa keessatti yaaliin rasaasa oomishuu ture,'' jechuun dubbatan.

''Humna akkanaa Itoophiyaan yoo hin ijaarre eenyuyyuu dhufee karaa salphaan haleellaa irratti raawwatuu danda'a gamaggama jedhu qabna turre,'' jechuun dubbatani.

Bulchaan Itoophiyaa yeroo ammaa biyyattii meeshaa waraanaa oomishuurra gurguruutti ce'uu dubbatani.

''Waliigaltee raawwanneerra. Ji'a sadii keessatti qofa dolaara miiliyoona 30 gadi hin taane gurgurreerra.

''Oomishnee gurguruu waan dandeenyeef amma Itoophiyaa wareessuu, Itoophiyaa itti fufsiisuu dhala keenyaaf sadarkaa fooyyee qabuun wanti dabarsanii kennuu toora qabata,'' jedhan.

Bara bulchiinsa isaaniin dameewwan garagaraan jijjiirama dhufe jedhan eeraniiru.

Ta'us, gama damee indastirii Raayyaa Ittisaan dhufe ''baay'ee kan abdii namatti horuufi Itoophiyaan dhugumayyuu bayyanachaa jirti, yaaddoo keessaa baatee,'' oomishaa jiraachuu agarsiisa jedhani.

Dameewwan shan barana xiyyeeffannoon kennameef keessaa tokko indastirii ta'uufi guddinni 12% akka eegamu dubbatan.

Ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanirratti gadhiisaniin meeshaareen waraanaa guddaa gammaduu himan.

''Itoophiyaan humna akkanaa gaafa qabaattu namatti tola''

''Amma yeroon hubadhu rakkoo jabaa kan ture haala salphaan guuttachuu dandeenyu deebii argataa waan jiraniif Itoophiyaan abdii qabdi, bayyanachaa jirti, '' jechuun dubbatan.

Warshaan meeshaa waraanaa itti dhiheenya magaalaa Finfinneetti argamu kuni bal'aadha.

Waa'ee waraana Itoophiyaa kana beektuu?

Waraanni Itoophiyaa waggoota muraasa darban waraana biyya keessaafi alaa keessatti qooda fudhateera.

Waggoota soddoma darban waraana Itoophiyaafi Ertiraa akkasumas waggaa lama durammoo waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaateera.

Isaan ala waraanni Itoophiyaa biyyoota Afrikaa garagaraatti nagaa kabachiisuun qooda fudhateera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa lammiilee nagaafi qabeenyarra qofa osoo hin taane waraana Itoophiyaas hubuun isaa hin oolu.

Gama kaaniin walitti bu'iinsa hidhattoota waliin Naannoo Oromiyaa, Amaaraafi kaan keessattis qooda fudhachaa tureera.

Humna waraanaa biyyootaa gamaaggamuun sadarkaa kan kennu dhaabbanni 'Global Fire Power', bara 2024 keessatti baay'ina waraanaa hanga hidhannoo isaaniitti sakatta'uun sadarkaa kenneera.

Qorannoo humna waraanaa biyyoota 145 taasisu kanaaf qabxiilee 60 hordofa.

Madaalliin kuni kutaa waraanaa biyyoonni qaban, meeshaa waraanaa waraanni hidhate, bajata waggaa waraanaaf ramadamu, dhiheessii gahaafi yeroon gahuu isaa, qabeenya uumamaafi teessuma lafaa biyyoonni qabanis ilaalcha keessa galcha.

Dhaabbati kuni biyyoota 145 keessaa Itoophiyaa 49ffaarraa yoo kaa'u, Masrii immoo 15ffaarra kaa'e.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa 54 keessaa sadarkaa 5ffaarra yoo teessu, kan dursaa jirtummoo Masriidha.

Akka dhaabbatni kuni jedhutti, Itoophiyaan waraana 162,000 qabdi.

Gabaasa dhaabbata Global Fire power bara 2024 keessatti eeramuu baatus Itiyoophiyaan diroonii Turkii, Chaayinaa fi Iraan hojjatan xiqqaa hin taane qabdi.

Humna namaa , faayinaansii fi loojistikii biyya tokkoo bu'aa waraana yeroo dheeraa keessatti gahee guddaa qaba.

Global Fire Power akka jedhutti, waantonni akka rasaasa, uffata dambii, meeshaalee jijjirraa oolan, qoricha, nyaataa fa'aa humni biyya keessatti oomishu murteessaadha jedha.