Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Qawwee Dhoombiriin xiyyaara kuffise' jedhamuun kan faarfamu Jenaraal Waaqoo Guutuu eenyu?
Bara 1924 abbaasaa Obbo Guutuu Usuu fi haadhasaa Aadde Dhulloo Alii Hasan irraa Baalee aanaa Madda Walaabuu lafa Odaa jedhamtutti dhalate.
Maatii guddaa miseensa hedduu qabu keessatti dhalate, Obbolaa dhiiraa sagal fi dubaraa sagal qaba, warra loon hedduu qaban waan ta’aniif marraa- bisaan (margaa fi bishaan) barbaacha warra bakkaa bakkatti socho'an turan.
Kanaafuu Baalee qofa keessa qofa osoo hin taane Gannaalee ce’anii lafa Gujii keessa jiraachuunillee beekamu.
Yeroo sana carraan mana barumsaas akkaan dhiphaadha, Waaqoonis mana barumsaa seenuuf carraa hin arganne. Akkuma ijoollee baadiyyaa kaaniitti horii warrasaanii eegaa ture.
Wayita hacuuccaa fi cunqursaa diduu eegale garuu umriinis ta’e barnootaan hin bilchaanne. Ijoolummaamasaatti amala akkasii qaba.
Ilfinaa Uddeessaa Bariisoo (PhD) yunvarsitii Ingilaand- Canterbury Christ Church University jedhamutti barsiisaadha, waa'ee seenaa nama Waaqoo Guutuu waliin turanii- Haji Mahaammad Quxxaa kitaaba barreessaniiru.
Haji Mahaammad Quxxaa wayita qabsoo fincila Baalee keessatti gargaaraa Waaqoo Guutuu akka turan kan himan Dr Ilfinaa Uddeessaa, Waaqoo Guutuu daa'imummaarraa fincila eegale jedhan.
''Daa’ima xiqqaa ta’ee yoo ofiis, namnis isa biratti miidhamu callisee hin ilaalu. Humna ittiin dura dhaabbatu dhabus garuu ni aara, ni mufata. Walumaa galatti hin jaallatu,'' jechuun waan namoota Waaqoo waliin turan irraa iyyaafatan himu.
''Waaqoon qaama guddata. Xiqqaa ta’ee dargaggeessa fakkaata ture. Qaamnisaa akkaan jajjabaa, guddaa. Haalli, amalli, dhaabbiin isaa kun miirasaa akka baasee mul’isuuf si’eessituu ta’aniif.''
Umriin saafilummaa jenaraal Waaqoo Guutuu sirna mootummaa uummanni naannawa isaanii ''jiruu fi jireenyasaaniin wal dhiituu'' himataniin walirra bu’e.
Yeroo sirni Haayilesillaasee caasaa bulchiinsaa babal’isuun seerota adda addaa kutaa biyyattii hundatti labsu umriin Waaqoo waggoota kudhan gara jalqabaa ture.
Wayita bulchiinsi Haayilasillaasee kutaalee sirna Gadaan bulan, kanneen akka Baalee, Arsii, Gujii, Boorana mufachiisuu eegalu ol adeemaan umrii waggaa 14 Waaqoo Guutuu hiriyootasaa muraasa gurmeessuun caasaalee gandaa [isaanitti dhihoo jiran] irratti fincila eegalan.
''Bara 1938 Waaqoo Guutuu umriinsaa waggaa 14 ture. Yeroo kana abbaa jalaa horii gurguree qawwee bitate,'' jechuun akkaataa Waaqoo fi gareensaa itti qabsoo eegalan ibsan Dr Ilfinaa Uddeessaa.
''Waaqoo Guutuu qeerroowwan akkasaa gurmeessuun humnoota nageenyaa mootummaa Haayilesillaasee kanneen uummata miidhan qolataa turan. Yeroo garii itti dubbachuun, yeroo garii ammoo isaanis humna fayyadamuun lolaa turan,'' jedhan.
Jenaraal Waaqoo Guutuu akkamiin, maaliif fincila eegale?
Waaqoon ijoollummaasaatti akkuma qaamnisaa guddaa ta’e, haxxummaas qaba. Kanaaf fincila eegalaniif mala dhawuun beekama.
Maloota inni fayyadamaa ture keessaa kan inni akkaan ittiin beekamu ''isa maraatuu fakkaatee kadhataa tureedha,'' jedhan Dr Ilfinaa Uddeessaa.
''Nama Aliyyee Jiloo jedhamu kan mootummaan maqaa jijjiiree 'Shaalaqaa Isaayyas' jechuun waamu bira deemee kadhataa fakkaatee uffata kadhata,'' jedhan.
''Innillee [Shaalaqaa Isaayyas] waanuma harkaa qabu- uffata poolisii fuudhee kenneef. Yoona kana Waaqoon uffata kana uffatee warra olii dhufanii mirga namaa sarban sossodaachisaa, uummatarraa qabaa ture.''
Humni mootummaas kana hubachuun wayita dhiibbaa irratti jabeessu, Jenaraal Waaqoofaan mala kanaan itti fufuu hin dandeenye.
Qawwee muraasa qaban walitti qabatanii gurmaa’anii qabsootti seenuun humnoota mootummaa dura dhaabbachuu eegalan.
''Bulchiinsi Haayilesillaasee fincila Waaqoo fa’aan ni fooyya’e osoo hin taane inumaa seerota haaraa baasuun uummata daran mufachiise,'' jedhan Dr Ilfinaa Uddeessaa.
Kutaaleen Waaqoo fi gareensaa keessatti ijaaramanii socho’na Gujii, Arsii, Baalee, Booranni akka walkeessa hin deemne, loon isaaniis akka daangaa waliitti hin seenne seerri dhorku ba’e.
Akkasumas gosti godaanee walkeessa jirullee akka walkeessaa ba’u ajaja seerri kun.
Mootummaan akka waldhibdeen hin uumamneef seera kana baasuu uummatatti ibseera, Waaqoofaan garuu wal-lagachuu kanatti hin amanne.
''Namni walkeessa deemee yookiin loon walkeessa bobbaafatee argame adabbiin guddaatu itti murtaa’a ture. Waaqoofaan haala kanaan daran yaadda’anii qabsoosaaniitti tarsimoo haaraa bocanii itti fufan,'' jedhu barreessaan kitaabaa Dr Ilfinaa Uddeessaa.
Akkasaan jedhanitti wayita Fincilli seera haaraa kana dura dhaabbatu hammaatu mootummaan Haayilesillaasee qondaaltotasaa waraana waliin dabaalee gara Baalee erge.
''Qondaaltonni ergamanis uummanni akka seera kana hojiirra oolchu dhiibbaa uuman, garuu uummanni ejjennoodhaan dura dhaabbate.''
''Yoona kana humni waraanaa uummatarraan dhiibbaa ga’anii hedduus ajjeesan. Yeroo kanadha Waaqoo Guutuu fi waahillan isaa humna jabeeffachuufi deeggarsa meeshaa waraanaa barbaacha kan gara Somaaliyaa imalan,'' jedhan Dr Ilfinaa Uddeessaa.
Fincila Baalee -Waraana Dhoombir (Qawwee Dhoombir)
Bara 1955/56 Waaqoo fi waahillansaa wayita gara Somaaliyaa imalan biyyoonni Afrikaa waanjoo kolonii biyyoota Awurooppaa ofirraa fonqolchuuf qabsoo eegalaniiru.
Somaaliyaa deemuunsaanii bu’aas buuseera akkasumas miidhaas irraan ga’eera. Qabsoo Oromoo jabeessuuf guddoo fayyade jedhu Dr Ilfinaa Uddeessaa.
''Gama kaaniin ammoo holola mootummaa Haayilesillaaseef isaan saaxile. Mootummaan hanga Oromoota gidduutti qoqqoodiinsa uumuutti holola Waaqoofaarratti fayyadameen milkaa’eera.''
Mootummaan Somaaliyaa yeroo sana lafa Kaaba Keeniyaa- Northern Frontier District jedhamuu fi lafa Ogaaden kan Itoophiyaa keessa jiru walitti dabaluun Somaaliyaa guddittii ijaaruuf ijibbaata falmataa ture.
Osoo Somaaliyaan kanatti jirtuu Jenaraal Waaqoofaan garas imaluun qeeqa mootummaa Haayilasillaaseen gufachuuf isaan saaxileera.
''Namoonni kunneen uummataaf qabsaa’u osoo hin taane bitamtoota Somaaleeti jechuun uummatatti himan. Duula guddaa irratti gaggeessan,'' jechuun haala yeroo sana ture ibsan Dr Ilfinaan.
Mootummaan Somaaliyaa yeroo sanaas humna mootummaa fi humna Waaqoofaa walbira qabee madaaluun tuuti Waaqoofaa waan eegalan kana akka dhiisan gorse, Somaaliyaa keessas jiraachuu akka danda’an waadaa seeneef.
Waaqoofaan garuu qabsoo biyyattiin waanjoo kolonii ofirraa fonqolchuuf gaggeessaa jirtu akka fakkeenyaatti eeruun, qabsoon kansaaniis walfakkaataa ta’uu ibsaniif jedhan Dr Ilfinaa Uddeessaa.
''Humnasaanii cimsachuun fincila itti fufuu malee filannoo biraa akka hin qabne, yoo jiraates akka hin fudhanne mootummaa Somaaliyaaf ibsan.''
Mootummaan Somaaliyaallee waan cunqursaan qabdu sirriitti waan beekuuf jara kanaaf dhimmamuun keessummeesse jedhan.
''Yeroo sana Xaaliyaanii fi Biriteen biyyuma tokko (Somaaliyaa) gargar qooddatanii waan bulchaa turaniif Somaalonni ofirraa lolaa turan. Karaa Ogaaden fi Keeniyaanillee lolatti turan.''
Somaaliyaan osoo lola keessa jirtuu, qabeenyishee orma harka osoo jiruu akkasumas osoo sirriitti mootummaa taatee hin tasgabbaa’in miidhaa cunqursaan qabu hubachuun Waaqoofaa hanga humnasaa gargaaruu ibsan Dr Ilfinaan.
Waaqoofaan garuu maqa balleessii isaanirratti qindaa’e dandamachuun Somaaliyaa deemanii waan barbaadan argatan kan jedhan Dr Ilfinaa Uddeessaa ''Mootummaan Somaaliyaa mala waraanaa hanga tokko barsiisuun meeshaalee waraanaa fooyyee qabu jedhamanis kenneef,'' jedhan.
''Qawween Waaqoofaan argatan kun kanneen yeroo waraana addunyaa faayidaarra oolan keessaa qawwee 'Albeenii' jedhamuun walfakkaata. Rasaasni isaaniillee tokkuma. Kan Dhoonbir kun garuu saanjaa ofirraa qaba.''
Qawween kun yeroo sanatti akkaan ammayyaawaa ture, fagoottillee rukuta, humnas qaba.
''Haala kanaan Waaqoo fi gareensaanii Dhoombir 42 fi qawwee Toomisa jedhamu (semi-automatic) fudhatanii galan,'' jedhan Dr Ilfinaan.
Nama harka duwwaa lolaa tureef qawween hangi kun waan guddaa ture. Waaqoo fi gareen isaaniis deeggarsa Somaaliyaarraa argatanii gara biyyaa deebi'an qabatanii waraana guutuutti seenan.
Qawwee Somaaliyaarraa qabatanii galaniin wayita loluu eegalan loltoota mootummaarraalee qawwee hedduu hiikkachuu jalqaban.
Mootummaan jara kana warana lafarraa haleelee dadhabnaan qilleensarraan itti dhufe kan jedhan Dr Ilfinaan ''gareen Waaqoo Guutuu kun helikooptara waraanaa lama qawwee Dhoombir kanaan rukutee qilleensarraa kuffise,'' jedhan.
Waraanni Dhoombir akkamiin goolabame?
Waraanni Jenaraal Waaqoo Guutuu bara 1963 irraa eegalee hanga bara 1970tti waraana Haayilesillaaseen lolaa ture.
Yeroo waraanatti turanitti sirna bulchiinsa mootummaan Haayilesillaasee diriirse, kan dura dhaabbachaa turan hedduu geeddaraniiru.
''Bulchiinsi sirna Gadaa akka deebi’u, uummanni akka fedhetti walkeessa deemee loowwansaas walitti bobbaafachuu akka danda’u godhaniiru, gumaa namoota hedduus baasaniiru,'' jedhan Dr Ilfinaa Uddeessaa.
Haata’u malee mootummoota alaa kanneen akka UK, Faransaay, Israa’el fi kaan irraa deeggarsa argachaa kan ture akkasumas biyya keessaas humna cimaa kan qabu Haayilesillaasee dura dhaabbachuun Jenaraal Waaqoofaatti guddoo itti ulfaachaa dhufe.
Mootummaan haleellaa lafoo fi qilleensarraan meeshaalee waraanaa gurguddaadhaan raawwateen lubbuun lammiilee hedduu gaaga’ame.
''Dubbiin to’annoon ala ta’e. Gargaartuu tokkittii, Somaaliyaa, kan ofiifuu rakkoo hedduun marfamtee jirtu kan abdatan Jenaraal Waaqoofaanis waan godhan wal’aalan. Somaaliyaarraas gargaarsa fedhan dhaban.''
Ammoo dhumaatiin uummataa ittuma hammaate. Mootummaan Haayilesillaasee ammas qondaalasaa olaanaa itti erguun akka waraana dhaabanii karaa nagaatti deebi’na gaafate.
''Jenaraal Jaagamaa keelloo fi jenaraalota hedduu gara Baalee, Sidaamoo, Gujii, Boorana, Arsii ergan,'' jedhan barreessaan kun.
Akka yaada barreessaa kanaatti sochii fincilaa fi warraaqsa mootummoota Itoophiyaarratti gaggeeffamaniif ka’umsi fincila Baalee kana.
''Haayilesillaaseen erga yeroo sanaatii hin bayyananne. Kanumaan eegalee dhiibbaan keessaa fi alaa itti heddummaannaan bulchiinsi isaas, innis waliin obba’an.''
Gurmaa’anii waraana ofii leenjifatanii mootummaa dhala namaa cunqursu ofirraa kaasuun akka danda’amu xurree baasaniiru jedhan Dr Ilfinaan.
''Jenaraal Waaqoofaanis waraana kanaan uummatumti isaan qabsaa’aafii jiran dhumaa jiraachuu waan hubataniif, dhumaatiin kun akka dhaabbatuuf jecha dhukaasa dhaabanii harka kennan,'' jedhan.
Qondaala Adda Bilisummaa Oromoo kan turanii fi amma miseensa paarlaamaa Itoophiyaa kan ta'an Diimaa Nooggoo (PhD) itti dhiyeenyaan Waaqoo Guutuu akka beekan BBCtti himan.
Yeroo Jenaraal Waaqoo Guutuufaa gammoojjii Baalee keessaa fincilatti turan barataa akka turan kan ibsan Dr Diimaan, garuu akkaataa qabsoon magaalaa fi baadiyyaa itti gaggeeffamaa ture akka quba qaban himan.
''Warri waldaa macaa-tuulamaa hundeessaa turanis keessaan walquunnamanii qabsoo isa magaalaa fi baadiyyaa [kan Waaqoo Guutuufaa] walitti hidhuuf yaalaa turan. Garuu hubannoon jiru xiqqaa ture,'' jedhan.
''Mootummaan Haayilesillaasees fincilli sun dhaabbatee warri qabsoo sana gaggeessaa turan akka galan yaalii garaagaraa godheera.''
Gama kaaniin ammoo wayita kana Somaaliyaa keessattis jijjiirama mootummaatu argame kan jedhan Dr Diimaan ''bara 1969tti waraannni jenaraal Mohammad Ziyaad Baaree aangoo qabate. Kun ammoo Somaaliyaa guddittii ijaaruuf tarsimoo duraan hordofamaa ture jijjiire,'' jedhan.
Mootummaan Ziyaad Baaree waraana Somaaliyaa bifa haaraan ijaaruu fi jaarmiyaalee siyaasaa jiran kallattiin hoogganuu tarsimoo jedhu fide.
Kun ammoo Waaqoo fi warra akkasaanii gammoojjii Baalee keessaa lolaa turanirraa gargaarsa kute. Gargaarsi karaa Somaalee dhufu irraa dhaabbate.''
Haala kana keessatti isaanis hiree mootummaan Haayilesillaasee uumetti fayyadamuun harka kennanii galan jechuun akkaataa Waaqoo Guutuu fi gareensaa itti Finfinnee galan ibsan Dr Diimaan.
Jenaraal Waaqoo wayita Finfinnee galuun Haayilesillaaseen simataman
Jenaraal Waaqoo Guutuu fi gareen isaa wayita dhukaasa dhaabuu tole jedhanii Finfinneetti waliigaltee mallatteessuuf imalan mootii Haayilesillaasee fi qondaaltota mootummaa olaanoodhaan simataman.
Dr Diimaan bara 1970/71 wayita Waaqoofaan xiyyaaraan Finfinnee seenanii, Haayilesillaaseen simatu nan yaadadha jedhan.
''An yeros Yuniversitii Finfinneetiin barataa ture. Boolee deemneeyyuu ilaalleerra.''
Waaqoo Guutuuf Finfinneetti manni keessaa jiraatan kennamuufii kan ibsan Dr Ilfinaan ''kennaan kun akka lama,'' jedhan.
''Tokko waraana dhaabanii nagaa buusuu isaaniif akka galateeffannaatti ilaalama. Badhaasa jechuudha. Gama kaaniin ammoo akka mana hidhaatti ilaalama. Mootummaatu achi keessa kaa’e waan ta’eef isatu to’ata. Kanaaf achi kaa’e jedhama.''
Garuu Jenaraal Waaqoo Guutuu bara bulchiinsa Haayilesillaasee keessa mana hidhaa galanii hidhamuu ragaan mul’isu hin jiru.
Waggootaaf gammoojjii Baalee fi Gujii keessatti humnoota mootummaa waliin walwaraanaa kan turan Jenaraal Waaqoo Guutuufaan, gara giddugala biyyaa [Finfinnee] deemuun namoota yookiin gareewwan gaaffii walfakkaataa qabaniin akka walargan carraa baneef.
Kanneen keessaa hundeessitoonni Adda Bilisummaa Oromoo tokko. Inumaa kaayyoon isaaniis garaagarummaa guddaa hin qabu.
Namoota Waldaa Maccaa- Tuulamaa sochoosaa turan akkasumas murna gurmaa’ee qabsaa’aa ture- Adda Bilisummaa Ertiraa waliinis carraa walarguu argatan.
Jenaraal Waaqoo Guutuufaa haala kanaan osoo jiranii mootummaan Haayilesillaasee kufee dargiin aangoo qabate.
Mootummaan Dargii cunqursaa bara Haayilesillaasee ture hambisuun walqixuummaa fi mirga lammiilee kabaja jedhanii kan abdatan Jenaraal Waaqoo Guutuufaa, akkuma Koloneel Mangistuun aangoo qabateen ittiin loluu hin eegalle.
Garuu Dargiinis aangoo qabatee osoo baayyee hin turin cunqursaa kan duraanii caalu uummatarratti raawwachuu eegale kan jedhan Dr Ilfinaa Uddeessaa ''wayita kana qabsoo hidhannoo itti fufuuf murteeffatan,'' jedhan.
Imala gara Somaaliyaa marsaa lammaffaa
Jenaraal Waaqoo Guutuufaa waraana Dhoonbirs ta’e kan yeroo lammataaf gara Somaaliyaa imaluun gaggeessaa turan miirumasaanii qofaan lafaa ka’anii itti hin seenne kan jedhan Dr Ilfinaan ''waliinis hawaasaanis bal’inaan mari’atan,'' jedhu.
''Waraana Dhoombir irratti adda durummaan kan waraane Oromoo Baalee Jenaraal Waaqoo Guutuun durfamuudha. Waraana kanarratti osoo kutaan hunduu waliin hiriiree jiraatee akka milkaa’an dubbataa turan.''
Kanaaf jecha bara bulchiinsa Dargiis wayita waraana eegaluuf jedhan kutaa hawaasaa hedduu Gujii, Arsii, Boorana, Baalee walitti baasanii marii dheeraa deemsisan.
Wayita kana uummanni godaannisa waraana jalqabaa irratti isaan mudate eeruun waraanni biraan akka hin barbaachifne Waaqootti himan.
''Waaqoonillee jarana kan isin jettan sirriidha. Garuu biyya keenyarratti abdii kutannee, injifatamuu fudhannee taa’uu dandeenyaa? Jedhee gaafate.''
Duuba namuu akka isa walin hiriiru mirkaneessaniif.
''Yeroo Waaqoonfaa waraana marsaa lammataa eegalan akka waraana Dhoombir kophaa isaanii hin turre, mootummaarratti qabsoo fincilaa gaggeessaa kan turan heddummaatan,'' jedhan Dr Ilfinaan.
''Addi Bilisummaa Oromoollee yeroo kana qabsootti seeneera. Harar irraa Jaarraa Abbaa Gadaa gareesaa waliin qabsootti seeneera. Sabaa fi sablammoota biyyattii birattillee qabsoon fincila garbummaa eegaleera.''
Kan Waaqoofaa dabalatee gareen gurmaa’anii fincila gaggeessan kunneen kaayyoonsaa walfakkaata, cunqursaa ofirraa kaasuudha.
Wayita kana finciltoonni kumaatamaan lakkaa’aman walqabatanii gara Somaaliyaa imalan.
Yeroo sana Somaaliyaa waliin waraanatti kan ture mootummaan Dargii gareen biyya ganee diina waliin hojjetu jedhee maqaa balleesse.
Kan bara Dhoombir Haayilesillaaseen gochaa ture ammas irra deebi’ame jedhan Dr Ilfinaa Uddeessaa.
''Dargiin namoota kunneen akka ergamtoota Somaaleetti farraje. Ammoo Somaaleenillee dhuguma yeroo sana lafa Itoophiyaa dhufee hanga Harariin ba’u (hanga Awwaashillee fulla’u) kanshee ta’uu himachaa turte, fudhachuufillee qabsaa’aa turte,'' jedhan.
Fedhiin Somaaliyaa fi imalli garee finciltootaa [Waaqoo Guutuufaa] walirra bu’uun waan mootummaan jedhu mirkaneessuutti geese.
''Jarri kun yeroo sana 'Soowraa' jedhanii maqaa baafatan, Somaaleen garuu Somaalee Aabboo jettee waamti turte,'' jedhan.
Haata’u malee jarri kun marsaa lammataa gara Somaaliyaa imalan irratti kan jalqaba Dhoombir 42 fi baazuqaa lama qofa argatan osoo hin taane, meeshaalee waraanaa ammayyaa [kilaashii fi kaan akkasumas boombii] hedduu qabatanii deebi’an.
Waraanni haala kanaan mootummaa dargii irratti gaggeeffamaa ture hanga bara 1980 gara jalqabaatti itti fufe.
Haata’u malee dargiin humna dabalataa Kuubaa, Sooviyeet Yuuniyen fi biyyoota sooshaalistii ta’an kaanirraa waammachuun humna finciltootaa dadhabsiise.
Naannawa bara 1985 humni waraanaa finciltootaa loltoota Dargii waliin wal waraanu akkaan laafe.
Yeroo kana Jenaraal Waaqoo Guutuu fi gareen isaa akkasumas gareewwan mootummaadhaan lolaa turan kaanis gara Somaaliyaa deebi’an.
Alana ammoo qaamaan adda waraanaarratti argamanii loluurraa gara riphee lolaa leenjisanii ajajuutti seenan.
Wayitasaan Somaaliyaa taa’anii riphee loltoota ijaaran ajajan Addi Bilisummaa Oromoo fi Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) biyya keessaa Dargii dadhabsiisaa turan.
Wayita Dargiin kufuu jala ga’u TPLF qondaaltota gameeyyii Somaaliyaatti Waaqoofaatti ergee ture.
Kanneen ergaman keessaa tokko Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa kan turan Obbo Siyyum Masfin.
Mootummaa Dargii kuffisaa jiraachuu fi akka walta’anii mootummaa hundeessaniif wayita Waaqoofaa affeeru, akka waliin hojjechuu hin barbaanne itti himanii ofirraa gaggeessan jedhan Dr Ilfinaan.
Waaqoo fi garee isaa Somaaliyaatti maaltu mudate?
Dr Diimaa Nooggoo bara 1980 Somaaliyaatti Jenaraal Waaqoo Guutuu qaamaan arganii akka walbaran dubbatan.
''Yeroo sana namni Oromoo Somaaliyaa keessa hedduudha. Humna waraanaa isaanii keessayyuu Oromoonni hedduudha. Sadarkaa koloneelaa kan ga’anillee turan,'' jedhan.
''Yeroon isaan arge sana dhaabota lama mootummaan Somaaliyaa ijaare, Adda Bilisummaa Somaalee Dhihaa fi Adda Bilisummaa Somaalee Aabboo, keessaa Waaqoo Guutuufaa Adda Bilisummaa Somaalee Aabboo keessa turan. Waaqoon dura taa’aa dhaaba kanaa ture,'' jedhan Dr Diimaan.
''Adda Bilisummaa Somaalee Dhihaa keessas Oromoonni hedduutu turan.''
Haalli yeroo sanaa rakkisaa ture kan jedhan Dr Diimaan ''Waaqoo fi namoonni akkasaa hedduun dhiibbaa mootummaa Somaalee jala waan turaniif, waa’ee qabsoo Oromoo bilisummaan haasa’uun hin aanja’uuf ture,'' jedhan.
''Sagantaa Somaaleen baafattetu ture. Somaaliyaa guddittii- Great Somalia ijaaruu ture. Lafa Somaalonni irra jiran qofa osoo hin taane daangaalee ollaa ishee marsanii jiran irraas lafa kuttee ofitti dabalachuun galma kana bira ga’uuf ifaajaa turte.''
Haala kanaan kutaalee kibbaa fi baha Itoophiyaa dabalata. Akkasumas Jibuutii fi Kaaba-baha Keenyaa- Northern Frontier District jedhamus dabalachuuf qabsaa’aa turte.
Kana milkeessuuf tarkaanfii Somaaliyaan fudhatte keessaa tokko waraana bara 1977 fi 78 Itoophiyaarratti lola gaggeessiteedha jedhu Dr Diimaan.
''Akeeka kana bakkaan ga'achuuf jaarmiyaalee Somaaliyaan ijaarte keessa waan turaniif bilisummaa ofiiyyuu hin qaban turan.''
Obbo Diimaan wayita Somaaliyaa turanitti ofiis miidhamaniiru, hidhamuus himan. Garee Waaqoo Guutuu dabalatee qabsaa’onni Oromoo haala aanjeffachuuf achi turan hedduunis hidhamuu , kaanis ajjeefamuu ibsan.
''Mootummaan Somaaliyaa namoota kunneen kolonii diinagdee jala galchuudhaanis to’ataa ture. Mana kenneefii jireenyasaanii to’ataa ture,'' jedhan.
''Oromoonni humna waraanaa fi jaarmiyaalee Somaaliyaa keessa turan 'nuti Oromoodha' jedhanii falmachuu eegaluunsaanii ana dabalatee namoonni Oromoo achi turre akka hidhamamnuuf sababa ta’e.''
Waaqoo Guutuu fi bara chaartaraa
Wayita mootummaan Somaaliyaa Ziyaad Baaree jalatti bulu kufu, biyyaa ammoo Dargiinis osoo baayyee hin turin kufe.
''Kun carraas rakkinas isaanitti [Waaqoo Guutuufaa] fidee dhufe,'' jedhan Dr Diimaan.
Booda mootummaa Somaaliyaarraas dhiibbaan wayita itti heddummaatu gara Sudaan imalanii, maqaasaaniillee Somaalee Aabboo (Soowraa) irraa gara Adda Tokkummaa Bilusmmaa Uummata Oromoo jijjiirratanii mootummaa ce’umsaa seenan.
''Wayita dargiin kufu carraa kana fayyadamuuf jecha mootummaa Sudaan waliin haasofnee [Addi Bilisummaa Oromoo] isaaniif haala mijeessinee gara Sudaan waamne. Achitti dhimma Oromoorratti waliin dubbannee, dhaabbii walfakkaataa qabaachuu akka qabnurratti waltaane,'' jedhan Dr Diimaan.
''Akkasittiin mootummaa ce’umsaa ijaaruuf gara Finfinneetti dabarre,'' jedhan.
Dhaaba Waaqoofaan Somaaliyaatti keessa turan- Adda Bilisummaa Somaalee Aabboo keessaa dhaaba haaraa lamatu hundaa’e kan jedhan Dr Diimaan ''kan Waaqoon qabatee chaartara seene Adda Tokkummaa Bilisummaa Oromoo kan jedhamu,'' jedhan.
Chaartara keessa erga seenanii akkuma dhaabbilee Oromoo kaanii, kanneen Adda Bilisummaa Oromoo, dhiibbaan itti heddummaachuu himachuun booda keessaa ba’an.
Waaqoo Guutuu- Chaartara booda hanga lubbuun darbuutti
Waaqoon erga chaartara keessaa ba’anii booda dhiibbaan TPLF itti hammaan Keeniyaatti baqatan jechuun haala yeroo sana ofiis keessa turan ibsan Dr Diimaan.
''Wayyaaneen hamma Keeniyaatti duukaa dhufte. Isa booda mootummaan Keeniyaa Maalindiitti dabarse. Achitti anatu dhaqee dubbise.''
Jenaraal Waaqoon ergasii gara Ertiraa Imaluu fi booda garuu Keeniyaatti deebi’ee jiraataa akka ture himan Dr Diimaan.
''Lubbuunsaas asitti dabarte. Umriinis guddaadha, dhukkubsataas ture. Kanumaan boqote,'' jedhan.
Jenaraal Waaqoo Guutuu bara Chaartaraa booda erga gara biyya alaatti baqataniis dhaaba tokko hundeessuun hoogganaa turan.
''Erga biyyaa baafamaniis bara 2000 keessa dhaaba United Liberation Front of Oromia- ULFO jedhamu, kan dhaabota Oromoo walitti fiduuf kaayyeffate, Ertiraatti hundeessuun Waaqoon dura taa’aa ta’ee ture. Yeros Galaasaa Dilboo barreessaa isaanii ture,'' jedhan Dr Diimaan.
Jenaraal Waaqoo Guutuu dhukkabsachuun Guraandhala 03, bara 2006 Keeniyaatti boqote.
Maqaan Waaqoo Guutuu uummata Oromoo biratti baayyee faarfama. Jechi inni jedhee ture ''Garbummaa hiddaan buqqifna, yoo dadhabne dhaloota itti guddifna,'' kaasuun namoonni hedduun ni leellisu.
Fincila sirna mootummaa cunqursaa irratti taasifame keessatti kutannoo fi gootummaa agarsiiseen uummanni filatee jenaraalummaa akka kenneef maatii fi namoonni seenaa Waaqoo Guutuu barreessan BBCtti himaniiru.
Maqaa Waaqoo Guutuun Faawundeeshiniin dhaabbateera, buufati xiyyaaraa roobee maqaa isaan moggaafameera.
Siidaan isaas magaalaa Roobee keessatti dhaabbatee jira.