Danqaaleen imaammata Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu maal fa'i?

Itoophiyaan biyya sab-daneettii afaanonni saddetamaa ol keessatti dubbatamudha. Biyyattiin ammaatti mootummoota naannolee 11 fi bulchiinsa magaalotaa lama qabdi.
Heerri mootummaa Federaalawa Itoophiyaa bara 1995 afaanonni hunduu fudhatama walqixaa qabaachuu tumeera. Heera Itoophiyaa bara 1995 keeyyata 5 muraa 2 fi 3 jalatti afaan hojii Mootummaa Federaalaa Afaan Amaaraati; naannoleen ammoo afaan hojii mataasaanii murteeffatu jedha.
Ganna shaniin dura (bara 2020)tti ammoo imaammanni afaanii afaanota Itoophiyaa afur afaan hojii dabalataa mootummaa Federaalaa taasisuuf Ministeera Aadaa fi Ispoortiitiin bahee ture.
Afaan Oromoo kan ummata dubbatu guddaa qabus afaanota kanneen keessaa tokko ta'ulleen, hamma yoonaatti garuu hojiirra hin oolle. Maaltuu danqee?
Hayyuun Afaanii dhimma kanarratti qorannoo taasisan imaammatichi "akkasuma maqaadhaaf, callisameedhuma kana gooneerra jechuudhaaf malee silumayyuu garaarraa miti" jechuun komatan.
Qabsoo siyaasa Oromoo keessattis dubbiin Afaan Oromoo dhimmoota akka ijootti ka'an keessaa isa tokkodha.
Artistii beekamaan Oromoo duraanii Alii Birraas "Afaan Oromoo Hundee Oromummaa" jechuun, hidhata cimaa Afaan Oromoon jiruuf-jireenya Oromoo waliin qabu miira onnachiisummaa guddaan akkasiin wellisee ture.
Galmaa Aadaa keenyaa eegaa seenaa keenyaa
Kallacha Tokkumaa Hundee Bilisummaa
Afaan Oromoo Hundee Oromummaa
Gurratti mi'awaa yaa'aan sagaleekee
Cirracha bishaanii baay'inni jechakee
Kan rafe dammaqsa weedduuf walaloonkee
Lakkaawamee hin dhumuu hibboof mammaaksikee...
Ofii sababoonni ijoon hojiirra oolmaa Immaammata Afaanii Itoophiyaa danqan maal fa'i? Qorattootaa fi ogeessa seeraa dubbisneerra, dhiyaadhaa.
Qorattoonnii fi hayyoonni seeraa maal jedhan?
Qorannaan hayyoota Afaanii Yunivarsiitii Jimmaa sadiin mata-duree, "The New Ethiopian Language Policy and its Limiting Factors for Implementation: The Case of Afaan Oromo as one of Federal Working Languages in Ethiopia" jedhuun taasifame ammoo sababoota ijoo hojiirra oolmaa imaammata kanaa danqan adda baasuun yaada furmaataas kaa'eera.
"Imaammanni Afaanii bara 2020, waggaa shanan har'aatti bahe ergasiitii haaluma hamma jiruun jira. Xiyyeeffannaan qorannichaa immaamanni bahe kun waggaa shan waan lakkoofsiseef, hojiirra oolchuudhaaf maaltu danqaa kan jedhurratti kallattii gara garaan qorachuufidha.
''Qabiyyeewwan labsicha keessatti hammataman xiinxaluudhaan kanneen danqaa ta'an, gufuu ta'an maalfa'i akka ta'an sakatta'uuf" jechuun kaayyoo qorannaa isaanii ibsu, Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa fi qorataan Afaan Oromoo Alamaayyoo Faqqadaa (PHD).
'Callisameedhuma kana gooneerra jechuudhaaf malee silumayyuu garaarraa miti'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imaammi Afaanii biyyattii waggaa shanan kana bahe. Qabiyyeen imaammatichaa gaarii ta'uu kan dubbatan hayyuun afaanii Dr. Alamaayyoon, "Afaan hojii dabalaa ta'uu jedhanii labsicha keessatti kan kaa'aman afaanota afur ta'uu kaasu.
Afaanota daangaa Itoophiyaa ce'anii dubbataman, walitti hidhaminsa dinagdee, siyaasaafi nageenya Gaanfa Afrikaatiif gumaachuu danda'u jedhamanii afaanota yaadaman Afaan Oromoo, afaan Tigiree, afaan Somaaliifi afaan Affaaridha'' jechuun kaasu.
Isaan kunneen Itoophiyaan alattis afaanota dubbatamanidha. Kanaafiyyuu dhimmoota Gaanfa Afrikaafi Itoophiyaa keessa jiraaniif, bu'uura jedhamee amanameetu labsicha keessa kan jiru.
''Haata'ummoo hojiirra ooluudhaaf Heerri Mootummaa fooyya'uu qaba jedhee haalduree jedheetuma barreesse" jechuun danqaa akka imaammatichi hojiirra hin oolle taasisan ibsu.
Erga Heerri Mootummaa fooyya'ee boodammoo labsiiwwan kanaan walqabatan biroon ni qophaa'u jedha.
Labsiiwwanii boodammoo qajeelfamoonni gara garaa ni tolfamuu jedha. Ammasitti labsiin kun hojiirra ooluu hin danda'u jedhee guduunfee kaa'eera.
Karaa kanaaf, waggaa shanan kana guutuu maaliif sochiin tokkoyyuu hin jiru jedhamee yoo gaafatame, Heerri Mootummaas waan fooyya'e hin jiru, fooyyessuudhaafis sochiin tokkollee hin jiru.
Namoonni hedduun akka kaasan imaammanni kun mallattoodha (symbol)dha; akkasuma maqaadhaaf. Callisameedhuma kana gooneerra jechuudhaaf malee silumayyuu garaarraa miti. Hojiitti hiikuudhaaf kutannoon jiru rakkisaadha jedhu hayyuun kun.
Osoo heerri mootummaa hin fooyya'iin [imaammata] qopheessuun maaf barbaachise?
"Waajiraaleen mootummaa dhimmichi isaan ilaallatu Ministeera Aadaafi Ispoortii, Aadaafi Turizimii Oromiyaa, akkasuma Caffee Oromiyaa fi [kaan] hojiirra oolmaasaa maaltu danqe kan jedhu qorannoo kana keessatti yaada isaanii hammachiisuu yaalleerra" jedhu hayyuun afaanii kun.
Heerri Mootummaa ofuma isaatiin gaafa tumamu, 'Afaan Itoophiyaa hundumtuu walqixa' jedhee keeyyata shanaffaa irratti kaa'a. Afaan Amaaraa ammoo Afaan hojii Mootummaa Federaalaati. Naannoleen Afaan Hojii mataasaanii murteeffachuu danda'u jedha.
Heera Mootummaa kanarratti afaan tokkichatu taa'e jechuudha. Kanaaf, [imaammata afaanii kana] hojiitti hiikuudhaaf, afaanonni biroo dabaltaa heerri mootummaa keessatti akka hammatamaniif irra deebi'amee fooyya'uu qaba.
Kanaaf, ''heerri mootummaa danqaa tokkodha. Labsichumti mataansaayyuu danqaadha" kan jechan qorataan kun, "Otoo heerri mootummaa hin fooyya'iin [labsii] qopheessuun maaliif barbaachise? Labsiin tokko ofumasaa asii'ol deebi'ee heerri mootummaa akka fooyya'u, akka jijjiiramuuf yaada kennuu danda'aa? " jechuun imaammaticha irratti gaaffii kaasu.
Labsiin Heera Mootummaarraa baha malee, labsiin asii'ol heera mootummaaf [yaada hin dhiyeessu] 'recommend' hin godhu. Kanaaf, silumayyuu waanti waljala daddarbe jira jechuudha jedhun adeemsa qeequ.
Dhaabbileen mootummaa federaalaarra jiran kana raawwachiisuu danda'an waa tokko qopheessan, labsii baasan kaanaan, hojiirra oolchuudhaaf dhama'uutu irra jira.
''Yoo isaan hojiirra oolchuutti harkifatan, Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessaa dhimmi Afaan Oromoo kan isaan ilaallatu, Waajira Aadaafi Turizimii ta'ee, Caffee Oromiyaa, ykn Biiroo Barnoota [Oromiyaa] ta'uu danda'a, kan mootummaan dhimma afaaniirratti dirqama itti kenne dhimmasaa kana fuulduratti dhiibbachuu, gaafachuu, falmachuu danda'a. ''
Kanaaf, ''sadarkaa mootummaa naannoottis, sadarkaa Federaalaattis dhaabbileen mootummaa jiran xiyyeeffannoo kennanii hojiirra oolmaa isaarratti socho'uu irratti hanqinni jira" jechuunis hanqina jiru dabaluun ibsu.

'Gaafiin ummata Oromoo yeroo dheeraa ture deebii akka argatu kan gochuu qabu mootummaa Oromiyaati'
Qorannoon deeggarsa Yunivarsiitii Jimmaafi Inistuutii Qorannoo Oromoo yunivarsiitichaatiin geggeefame kun, "Akka yaada furmaataatti, inni jalqabaa dhimmuudha. Qaamonni dhimmi isaan ilaallatan dhimmuu qabu'' jedhu.
Dabalunis ''dhimma Afaan Oromoo gara afaan hojii federaalaatti guddisanii, ummanni Oromoo waan fayyadamuu qabu akka fayyadamuuf, gaafiin ummata Oromoo yeroo dheeraa ture deebii akka argatu kan gochuu qabu mootummaa Oromiyaati. Mootummaan Oromiyaa dhimmi Afaan Oromoo dhimma kooti jedhee, hojiirra oolmaa isaatiif mootummaa federaalaa duukaa cimee hojjetee milkessuu danda'uu qaba" jechuun gorsa.
Hayyoonni gara garaa kora Yunivarsiitiin Amboo fi Instuutii Qorannoo Oromoo waloon qopheessan kanarratti akka kaasanitti, ''hojiirra oolmaa imaammatichaatiif dirqama heerri mootummaayyuu fooyya'uu dhiisuu danda'a yaada jedhu kaasu" kan jedhan hayyuun waraqaa qorannaasaanii koricha irratti dhiyeessan.
Kunis karaa hiikkoo heeraatiin ta'uu akka danda'udha. Hirmaattota korichaa BBC'n dubbises yaadicha akka furmaata tokkootti kaasaniiru.
Namoonni yaada kana kaasanis, Heerri Mootummaa 'Afaan Amaaraa afaan hojii mootummaa federaalaa ta'uun tajaajila' jedha malee afaanichaan ala afaanonni biroo tajaajiluu hin danda'an jedhee waan hin daangessineef, hiikkoo heeraatiin afaanota kaanis akka hammatu gochuun ni danda'ama yaada jedhu kaasu.
Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa yeroon inni ta'u fagoo miti'
Mohaammad Ahimad (Qophee) miseensa Mana Maree Baakka Bu'oota Ummataati. Namoota koricharratti hirmaatan keessaa tokko yoo ta'an, dhimmi Afaan Oromoo afaan hojii mootummaan federaalaa taasisuu "waan bilchaatedha" jechuun ibsan.
Heerri Federaalawa Itoophiyaa Afaan Amaaraa afaan hojii mootummaa ta'uun tajaajila jedha "malee afaan biraa afaan hojii mootummaa federaalaa ta'uu hin danda'u wati jedhu hin jiru. Afaan biraa dhorkaadha, yoo afaan biraa hojiirra oole miidhaatu dhufa" jedhee akka hin amannes kaasu.
"Bara Hayilasillaaseedhaa Itoophiyaa ummannishee afaan tokko yoo dubbate, amantii tokko yoo qabaate tokkummaan biyyaa cima jedheetu yaada. Yoo namni hundi, sabni hundi, afaan hundi walqixxaate biyyi ni diigama jedheeti yaada. Sun dhabamee jira,'' jedhu.
Har'aan tana kan jiru, afaan biyyaa hunduu walqixa; garuummoo hojiidhaaf mootummaan federaalaa Afaan Amaaraatiin fayyadama jedhee jira. Kana oggaa jedhu Afaan biraa Afaan hojii Mootummaa Federaalaa ta'ee hojiirra yoo oole biyya miidha wanni jedhu hin jiru; dhorkaan hin jiru'' jechuun cimsanii ibsan.
''Heera mootummaa hiiknee, osoo heerri hin jijjiiramnellee hojiirra oolchuun rakkoo miti" kan jedhan miseensi paarlaamaa kun, adeemsuma seeraa eeganii deemuuf jecha akka harkifate BBC'tti himan.
'Kanarratti Oromoo gidduutti garaagarummaan yaadaa hin jiru'
Dhimma Afaanii qofa osoo hin taane dhimmoonni biroo heera mootummaa keessaa akka fooyya'an "gaafileen adda addaa waan ka'aniif" adeemsa kanaan akka sirraa'u itti deemaa jirra. Kanarratti mootummaan amma jiru haala gaarii uumee jira,'' jedhu miseensi paarlaamaa kun.
''Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa'ee naannoleen hundi gaaffii qaban, garaa garummaa kanatu waliigaluu nu dhorkaa kan jedhan, waan fedhus dhiyeeffatee mariin akka biyyaatti geggeeffamee, rakkoon sabaafi sablammoota giduutti waliin jiraachuurratti gufuu ta'an akka furmaata argatan, nus akka Oromootti gaafilee hunda Komishiniichaaf dhiyeessinee jirra" jechuun dhimmi Afaan Oromoollee adeemsa kanaan ilaalamuu akka danda'u akeeku.
"Ammaan tana waan bilchaatedha, wanni ofduuba deebisuu hin jiru. Seeruma kana eeguudhaaf, adeemsa sirraawaadhaan haa xumuramuudhaaf malee jibbuudhaaf ykn sodaachuudhaaf [miti]'' jedhan.
Ministeera Muummee irraa jalqabee mootummaan biyya bulchu hamma garjallaatti Afaan Oromoo sadarkaa isaaf malu kanaa'ol akka deemu barbaadu. Hayyoonni keenya kan Yunivarsiitii fi biyya alaa jiran hundi kanarratti hojjetaa jiru.
''Kanarrattis Oromoo gidduutti garaagarummaan yaadaa hin jiru. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa yeroon inni ta'uu fagoo miti" kan jedhan Mohaammad Qophee, qulqullinni barreeffamaafi dubbii Afaan Oromoo xiyyeeffannoo cimaa akka barbaadu kaasu.
'Waanuma mootummaan godhu ilaaluun ala wanti biraa hin jiru'
Afaan Oromoo eessaan geenya kan jedhu, "Tarsiimoo seeraan lafa kaa'anii socho'uun barbaachisaadha. Barri kun bara baay'ee jijjiiramaadha. Bara hubannoo nam-tolchee (AI), bara Chat GPT'ti.
Bara teknoolojiin hedduun gara afaaniitti dhufedha. Kanaaf, waggaa digdama, soddoma keessatti Afaan Oromoo eessaan geessisa jedheetu tarsiimo baafatee socho'uu qaba qaamni mootummaa jedhu Dr Alamaayyoon.
Yoo mootummaan aangoo siyaasaatiin waa murteesse qofa, hayyoonni waan afaan kanaaf gumaachan ogummaa isaaniitiin gumaachuu danda'u kan jedhan haayyun kun, kanaaf, jalqaba irratti kan barbaachisu aanga'oonni siyaasaa waan hojjechuu qaban hojjechuudha jedhu.
Itti aansee hayyoonni waan godhan gochuu danda'u. ''Kanaaf, tarsiimoofi karoorri Afaan Oromoo eessaa kaaseen eessa geessisa jedhus ifatti mootummaan lafa taa'uu danda'uu qaba. Bu'uura sanaan malee hayyoonni waa deeggaruu hin danda'an" jechuun barbaachisummaa murtoo mootummaa kaasu Dr. Alamaayyoon.
"Gara fuulduraatti maaltu ta'uu qaba isa jedhu [irratti], tarii yeroo gabaabaa keessatti fooyya'insi barbaachisus jiraachuu danda'a. Inni kaan ammoo marii biyyoolessaa keessatti furmaata argata kallatti jedhus kanneen kaasan jiru. Waanti guddaan garuu fedhii qabaachuufi dhimmuudha'' jedhu.
''Yaadn 'Mootummaan dhimminaan, fedhiin jiraannaan, raawwachuudhaaf yeroon kana caala mijataan hin jiru' jedhu kaa'eera" jechuun yaada koricharratti ka'ee yaadatu.
"Kanaaf amma qabatamaatiin waanuma mootummaan godhu ilaaluu malee wanti biraa hin jiru. Sababiinsaa, dhimmichi harka mootummaa waan jiruufi dhimma murtee siyaasaati waan ta'eefidha" jechuun egereensaa harkaa mootummaa akka jiru akeekan qorataan kun.
Yunivarsiitii Jimmaatti qorataafi barsiisaa Afaan Ingilishii fi hayyuu qorannoo kanarratti hirmaata kan biraa, Dr. Malkaamuu Duumessaa, "Seenaadhuma biyyattii keessattuu imaammanni afaanii bahee ummata bira gahuunsaa carraa guddaadha'' jedhu.
Itti dabalee ammoo imaammata kana keessatti Amaariffatti dabalee afaanota afur afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta'u kaa'amunsaa carraa guddaadha jechuun gaarummaa imaammatichaa dubbatu.
"Haata'u malee hojiitti jijjiiruurratti danqaaleen jiru. Kanaaf Afaan Oromoo gara Afaan hojii federaalaatti jijjiiruudhaaf, akka danqaatti kan qoranne, Heera mootummaarra waan hin jirre, imaammataan yoo taa'eyyuu gara hojiitti jijjiiruudhaaf akka rakkisudha. Rakkoo kana furuudhaaf afaan ilaalchisee Heerri Mootummaa fooyya'uu qaba.''
Afaan hojii Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa akka barbaachisutti, afaanota biraas gara afaan hojiitti guddachuu danda'u kan jedhu osoo keeyyata heeraa sanarratti fooyya'ee, gara hojiitti jijjiiruun hin rakkisu ture jedhu Dr. Malkaamuu.
Afaan Oromoo qofa osoo hin taane afaanota arfan imaammatichi afaan hojii mootummaa federaalaa dabalataa taasisuuf kaa'e gara hojiitti jijjiiramuuf "Waajiraalee mootummaa federaalaa keessattis akkamitti hojiirra oolee saba ittiin tajaajiluu dandeenya, saboonni garagaraa afaan kanneen dubbatan hirmaannaa walqixaafi madaalliisaa eeggate biyya kana keessatti abbummaadhaan hojjechuu danda'an gochuuf qophiin gahaan waan geggeeffamaa jiru waan hin taaneef, ammumaa kaasee itti yaadamee hojjetamaa deemuu qaba'' jechuun ibsu.
Hayyoonni afaanii kan dhimmicharratti hojjetan erga danqaan heera mootummaafi imaammatichaan walqaabatee jiru furameen booda kan jedhan Dr. Malkaamuun, danqaaleen qorannoon adda bahan dursanii hiikamuu akkan qabanis dubbatu.

Heerri osoo hin fooyya'iin hiikkoo heeraatiin Imaammanni Afaanii hojiirra ooluu danda'a?
Dhimma kana irratti BBC'n ogeeyyii barsiisaan Seeraa Yunivarsiitii Bulee Horaa duraanii fi Gorsaan seeraa, Daanyee Gurmeessaa dubbiseera.
Isaanis imaammanni Afaanii kun hiikkoo heeraatiin hojiirra ooluu akka danda'u hima. Ogeessi kunis kanaaf dhimmoota kanaan dura osoo Heerri Mootummaa guutummaatti hin fooyya'iin jijjiiraman yookaan fooyya'an akka fakkeenyaatti kaasan.
"Heera fooyyessuun dirqama miti; hiikkoodhaan godhuun waan danda'amu jedheen amana. Yeroo adda addaatti hiikkoodhaan qaamuma heera kanaa keessaa kan fooyya'an ni jiraatu. Adeemsuma fooyyee [heeraa] sanas guutummaasaa osoo hin eegiin kanneen fooyya'insi irratti taasifame keeyyatoonni ni jiru, kana durayyuu'' jedhu.
Fakkeenyaa ''Keessumaa keeyyata 98 irratti dhimma gibiraatiin walqabatee foyya'insi tasifame ni jira. Keeyyata 103 irrattis lakkoofsa ummataatiin walqabatee yerootti fooyya'insi taasime jira. Manneen Maree biyyattii lamaan waliin ta'uudhaan fooyyessanii beeku jechuudha. Kanaaf, kunis gama kanaan ta'uu waan danda'udha,'' jechuu adeemsa seeraa ta'u malu kaasu.
Manni Maree lamaan: Manni Maree Federeeshinii fi Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa waliin ta'uudhaan murteedhaan godhuu waan danda'anidha jedhu.
Hiikkaadhaanis ammoo ''akkuma yeroo biyyattiin rakkoo keessa turtetti yeroo filannoo dheeressan sanatti fooyyessuun inuma danda'ama. Wanti guddaan kutannoofi fedhii irartti qabaachuudha malee wanti fooyya'uu hin dandeenyeef hin jiraatu" jechuun yaadasaanii BBC'tti himan.
Obsinaan Girmaayee, Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa seeraa akkasumas dhuunfaan ammoo abukaatoodha. "Yaadumti ka'e kun jalqabumarraa kaasee gaaffiiwwan duraan ka'aa turan, miira namootaa to'achuudhaaf sana bu'uureffatee kan ka'edha malee deeggarsa heeraas, seeraas hin qabu [ilaalcha] jedhutu baay'ata" jechuun miira yeroo imaammanni afaanii bahu ture kaasa.
Imaammata kana hojiirra oolchuuf foyya'insi heeraa barbaachisaa ta'uu ogeeyyiin falman, "Dhimmi kun dhimma mootummaan calliseetuma imaamma baasee afaan afur ykn shan godheera jedhu osoo hin taane, keeyyanni kun Heera Mootummaa 1995 bahe Keeyyata 5 muraa 2 ifadha waan ta'eef" bu'uuruma kanaan heerri fooyya'ee afaanota akka afaan hojii mootummaa federaalaa ta'aniif karoorfamaniif beekamtii kennuun ta'uu akka qabu ibsa Obsinaan.
Afaan Amaaraa Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta'uun ifatti kan kaa'ame waan ta'eef waan walfalmisiisee gara hiikkoo heeraatti nama geessu akka hin taane kan kaasu Obsinaan, "dhimma hiikkoodhaan furmaata argatu miti. Kanaaf, kara paarlaamaatiin heerri fooyya'uu qaba" jedha.
'Fuulduraan gaafattee raawwachuu osoo dandeessuu...'
"Hojimaanni mootummaa tokko lammiisaatiin fudhatamaa ta'uu qaba. Hojimaanni yeroo sana turmaata daangaa yeroo filannoo dheeressuudhaaf fudhatame hagam ummata keessatti fudhatameera? isa jedhudha malee kan bu'uureffachuu qabnu, barmaanni tokko waan kaleessa godhameef har'as keessa deebinee goona osoo hin taane, inni kaleessaa rakkoonni fide maalidha? Fudhatamummaa mootummaa irratti [dhiibbaa] maal uume?" qabxiileen jedhaman ilaalamuu qaban jechuun jijjiirama osoo heerri hin fooyya'iin kanaan dura raawwatan kaasa Obsinaan.
"Osoo seerri ifaan jiruu, karaa paarlaamaatiin fooyyessuun otoo danda'amuu, [karaa] falmisiisaafi fudhatamummaasaa gaaffii keesa galchuu hordofuun, karaa hiikkoo [heeraan] deemna jechuun irra jireessaan fudhatamaa miti. Afaan Oromoo afaan Federaalaa ta'uun dhimma gaaffii keessa galu miti" jechuun karaa fooyya'insa heeraatiin deemuun gaarii ta'uu gorsa Obsinaan.
"Erga imaammanni afaanii mootummaan hojiirran oolcha jedhee baasee waggaa shan gaheera. Barjaalee fi [Fuula] Feesbuukii aanga'ootaa irratti [Afaan Oromootiin] maxxansuurra darbee hojimaatatti waanti seename hin jiru. Mirga amansiisaa tokko, gaaffii ummataa tokko karaa duubaa fiduun barbaachisaa miti,'' jechuun cimsanii falmu.
''Fuulduraan gaafattee raawwachuu osoo dandeessuu, dhugaarratti bu'uureffatee gaaffii dhiyaateef furmaata kennuu osoo dandeessuu alkallattiidhaan ykn karaa sududaan deebiin kenna jechuun waan sanatti amanuu dhabuurraa ykn akka galtee siyaasaatti fayyadamuu waan akeekudha" jedha ogeessi seeraa kun.
Jalqabumarraa yaanni afaan tokkoon hawaasa sabdaneessaa tajaajiluuf murteessuun dogongora ta'uu kan kaasu barsiisaan seeraa kun, "waan kana sirreessuudhaaf kutannoon yoo jiraate, qaaniin barbaachisaa miti.
Karaa barjaan deebisaa, alkallattiidhaanan kana gochaan jira, [yaanni jedhus] jalqabumarraa kaasee sirrii miti" jechuun adeemsa heeraafi seera biyyattii hordofuun gaaffii hawaasni yeroo dheeraaf gaafachaa ture deebisuun akka danda'amus dubbata.
Garramoo Abarraa abukaatoo fi gorsaa seeraa yoo ta'an, yaada Obsinaan kaaseen waliigala. Imaammata Afaanii hojiirra ooluudhaaf "Jalqabumarraayyuu foyya'insa heeraa barbaada jedheen amana" jechuun dubbata.
"Hiikkoon heeraa fayyadamuudhaaf, heerri tokko ofiimasaa [hanqina] kan qabu yoo ta'e, Heerri biyyattii homaa tokko hin jedhu callisee taa'eera yoo ta'e, waanti ifa hin taane baheera yoo ta'e" jiraachuun akka ka'umsaatti akka oolan ibsa Garramoon.
Afaan hojii mootummaa Federaalaa Amaariffadha jedhee ifaaf bilisaan kaa'ee jira waan ta'eef wanti gara hiikkoo heeraatti geessu akka hin jirre dubbata ogeessi seeraa kun.
Taateewwan kanaan dura osoo heerri hin fooyya'iin ta'an irrattis, "biyya kana keessatti waanti tokko raawwatame jechuun, wantichi seera qabeessadha jechuu miti" jedha gorsaan seeraa kun.
Kanaaf, Afaan Oromoo dabalatee afaanota biroo Afaan hojii dabalataa Mootummaa Federalaa taasisuuf foyya'insi heeraa barbaachisaa ta'uu dubbata.
Obsinaaniifi Garramoon barbaachisummaa imaammata afaanii kan wal nama hin gaafachiisne ta'uu kaasuun, karaa fooyya'insa heeraa afaan hojii Mootummaa Federaalaa dabalataa ta'uun akka tajaajilan taasisuun akka danda'amu dubbatu.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












