Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa gochuurraa wanti boodatti harkisu maali?

Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa gochuun mirga uumamaa Oromooti hayyuun sirna Federaalizimiifi namni siyaasaa Milkeessaa Miidhagaa Gammachuu (PHD).
“Mootummaan giddu-galeessaa Finfinnee taa’u dachee Oromiyaafi ummata Oromoorraa gibira sassaabbatu; baayyinni ummata biyyattii yoo xiqqaate %40 ummata kana ta’ee osoo jiruu; afaan dhalootaa tokkoffaa biyya kana keessatti dubbatamu ta’ee osoo jiruu [afaan hojii Federaalaa gochuu dhabuun sirrii miti.
“Yoo waan kana hin godhu jette mirga uumamaan Oromoon mootummaa isaa afaan isaatiin ijaarratee afaan isaan tajaajilamuu qabu dhorkite waan ta’eef yakka guddaadha. Callifamee wanta bira darbamu miti. Yakka guddaa itti gaafatamummaa guddaa fidudha,” jedhu Milkeessaan (PhD).
Mootummaan amma aangoorra jiru Afaan Oromoo kan ilaallatu dabalatee gaaffilee murteessoo ummanni Oromoo gaafachaa ture saffisaan akka deebisan waadaa galuu kan yaadatan hayyuun kun, “imaammata haaraa fidneerra jechuun afaanota baayyee afaan hojii goone jechuun diraamaa hojjetu,” jedhan.
Gaaffilee Oromoo waggoota 50 darban keessa gaafatamaa turan keessaa tokko dhimma Afaan Oromooti.
Gaaffiin kun waggoota ja’a dura gaaffiilee ummata Oromoo akka dhimma ‘Maaster Pilaanii’ fa’aa dabalatee daran ‘ija babaasanii’ dhufanii bara 2018 mootummaa jijjiiruuf sababa ijoo ta’an keessati.
Carraaqqii muraasa [tarii kan hayyoota hedduu shakkii keessa kan galcheyyu] akka dhaabaafi dhuunfaatti mul’atanirraa kan hafe waggaa ja’a boodas gaaffiin kun ammallee deebii hin argatiin jira.
Hayyoonniifi namoonni siyaasaa dhimma Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa gochuurratti BBCn yeroo garagaraa dubbise, “Itti harkisaan itti uwwisaa hin ta’u!” jechuun dhimmicha dhimma siyaasaa ykn dhaaba siyaasaa qofaan yaalamu akka hin taane mammaaksan ibsu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana yeroo jedhanis murtee Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoo dabalatee afaanota Itoophiyaa shan ykn ja’a afaan hojii dhaabichaa akka ta’uuf dabarse akka fakkeenyaatti kaasuudhaanidha.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PHD) gara aangootti akka dhufaniin gaafiin angafaa hunda duraa deebisuu qaban isa kana ture jedhu hayyuun Xiin-qooqaa dhimma afaaniifi siyaasa Itoophiyaarratti qoratan Amaanu’eel Raagaa Noorway irraa.
Gaaffii Qeerroon gaafataa tureefi aarsaa itti kafale tokko ‘Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa nuuf haata'u kan jedhu akka ta’es kaasuun, gaaffiin Afaan Oromoo ajandaa siyaasaa ta'uu kan hin malleefi gaaffii atattamumaan deebii argachuu qabu ture jedhu Dr. Amaanu’eel.
Namoonni siyaasaafi hayyoonni BBC dubbise mootummaan gaaffii kanaaf deebii sirnaa kennuu harkifachuu isaa qofa osoo hin taane, murtee Paartiin Badhaadhinaa afaanota biroo shan ykn ja’a waliin makuun deebisuuf yaaluun isaa qabatamaaan hojiitti hiikuurratti rakkisaa ta’a jedhaniiif yaadda’uu himu.
Gaaffiifi deebii dhimma kanarratti OMN waliin kanaan dura taasisaniin namni siyaasaa Obbo Baqqalaa Garbaa, Afaan Oromoo duraaniyyu afaan hojii dhaaba Oromiyaa bulchuu waan tureef murteen Paartii Badhaadhinaa waan haaraa miti jedhan.
Nama siyaasaa buleessi afaanirrattis qorataniifi barreessan Obbo Baqqalaan, ejjennoon Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoorratti qaba jedhe karaa yaaddoo qaba jedhuun hubatu.
"Kana dura kan hin raawwanne afaan biroo itti dabalamee dirqamaan yoo xiqqaate tokko itti dabalamee [Oromiyaa] afaan hojii paartii kanaa ta'a jechuudha."
Kana jechuun jedhu Obbo Baqqalaan, duraan Afaan Oromoo qofaasaa akka afaan hojiitti fayyadu amma afaan biraa itti daballeerra kan jedhudha jedhu.
Afaan biraa tokko dirqamaan Afaan Oromoo waliin afaan hojii taasiisuu miidhaa inni qabu dubbatu.
"Amma afaan tokko akka fudhannu dirqamaa jirra. Afaan tokko yeroo dabalaa deemnu ammoo humna afaan sanaa [Afaan Oromoo] akka inni keessaa hir'isu beekamaadha.
"Kanaaf, amma afaan tokko itti dabalamuun isaa mirga tokkotu itti dabalameef osoo hin taane, mirga inni duraan qabutu walakkaatti irraa cite jechuudha."
Qorataan Federaalizimii dargaggoo Moonenuus Hundarraas ejjennoon Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoorratti qaba jedhu kana, “achii-dhuftee aadaa siyaasa biyya Itoophiyaa ilaalcha keessa hin galchine fakkaata,” jedha.
Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa gochuuf dirqama afaan biraa Oromiyaa keessatti afaan hojii gochuun hin barbaachisu ture jedha.
Silumayyu bulchiifni naannoo Oromiyaa waajiraalee keessatti Afaan Oromoon xalayaa barreessanillee, haasaan isaanii, hojiin isaaniifi yaadni isaanii afaanuma Amaaraa akka ta'e kan himu Moonenuus, aadaa siyaasaa af-daneessaa keessatti afaan ol-aantummaa qabu akkasii ni dhuunfata jedha.
"Kan jechuun maal jechuudhaa Afaan Oromoo afaan Amaaraatiin liqimfamaadhuma deema. Kun [beekamaadha].
Akkasumaaniyyu magaalaaleen Oromiyaa Afaan Oromoo jalaa ba'aniiru, waajiraaleen mootummaa Afaan Oromoo jajjabeessaa hin jiran. Kun ammoo afaan Amaaraa seera qabeessa taasifnaan liqimsuutti deema," jedha Moonenuus.
Gaaffii hin gaafatamne itti dabalanii diraamaa hojjechuun akka gaaffiin Afaan Oromoo lammata hin kaane gochuu barbaadan kan jedhan Dr. Milkeessaan, “Affaar gaaffii hin gaafanne, ummanni Tigraayis Tigrinyaan afaan hojii Federaalaa nuuf haa ta’u jedhee hin gaafanne,” jechuun sadarkaa garagaraarrati afaanota afaan hojii gochuun ni danda’ama garuu qixa Afaan Oromootiin sabni Itoophiyaa hunduu baratee ta’uu qaba kan jedhu qabatamaan akkan hin deemsifne ibsu.
Gaaffiin Afaan Oromoo akka gaafatametti deebii argachaa hin jiru kan jedhe ammoo Gargaaraan Pirofeesaraa Fedhasaan Taaddasaa Yunivarsiitii Wallaggaarraati.
"…tapha ijoollee wayii ta'e. Afaan ummata miliyoona 4 fi kan ummata miliyoona 40 waliin [afaan hojii gochuuf] yaaluun qabatamaan hojiitti hin hiikamu. Baajatni afaan shaniif ramadame hin jiru.
Afaan shan takkaatti afaan hojii federaalaa gochuuf biyya hanqinni baajataa jiru akka biyya Itoophiyaa kanatti rakkisaa ta'uu isaa qofa osoo hin taane, afaanota kana tarreessanii kaa'uun Amaariffa akkuma duraatti itti fufeetu afaan hojii federaalaa akka ta'u hawwuudha," jedha Pirof. Fedhasaan.
Maaltu dhorke?
Sababiin Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa akka hin goone dhorke maalidha? Gaaffii jedhu kan gaafataman Dr. Milkeessaan, "rakkoo ilaalchaarra kan hafe wanti dhorku hin jiru. Aanga’oota sadarkaa olaanaarra jiran dabalatee fedhii dhabuu danda’u.
Kanarraa kan hafe, naannoon Amaaraa fincila nurratti kaasa jedhamee wanti yaadamu soba, waan hin fakkaannedha. Ummanni Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa hin ta’u jedhee hiriira ba’es hin jiru," jedhan.
Ji’a ja’an jalqabaa bulchiinsa MM Abiy jalatti ummannii guutummaa biyyattii kan deeggarsa guutuu taasiseef tokko Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa ta’a jedhanii akka turan dubbatu.
Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaatti dabalamee biyyi haa tasgabbooftu; ‚hunduu Afaan Oromoo barannee Oromiyaa keessa deemuufi hojjechuu ni barbaadna; ummanni Oromoo mootummaa Federaalaatti dhufee tajaajilamuu qofa osoo hin taane nuufillee carraadha‘ jedhamaa akka ture yaadatu Dr. Milkeessaan.
Ummanni Amaaraa Afaan Oromoo yoo barate, ummanni Oromoos duraan afaan dhiibbaan irratti fe’amedha jedhee kan ilaalu afaan Amaaraa fedhee barata kan jedhan Dr. Milkeessaan, "akkasiin ummanni wal keessa gala, tokko ta’a jedhee ummanni hunduu abdiin eeggatee ture, MM Abiy baayyee deeggare,“ jedhu.
Booda garuu gara ilaalcha duriitti luucca’aa deemuun ture, keessumaa dubbii ‚gara Itoophiyaa guddittii duriitti deebiyama‘ jedhamee kan haasa’ame sanatu akka bacancaru godhe malee [ummanni hedduun hawwiin eeggatee ture].
"Osoo duubatti gara bara 2018tti deebitee ilaaltee fedhiifi kaka’umsi namni Afaan Oromootiif qabu guddatee ture. Maaliif jennaan MM Abiy Oromiyaarraa dhufe waan ta’eef, qawween osoo hin taane, fincilaan dhufanii, biyyis ni tasgabbooftii, gaaffiin ummataas deebiyee namni gara hojiisaatti deebiya jedhamee ture.
"Gaaffchi gaaffii sirrii waan ta’eef namni gadi bahee morme hin jiru. Dargaggoonni Amaaraa gaaffii ummanni Oromoo Afaan Oromoo afaan hojii mootummaan Federaalaa nuuf haa ta’u jedhee qabatee ture hin mormine. Deeggersa guddaa gochaa turan,“ jedhu Dr.Milkeessaan.
Furmaanni maali?
Gaaffilee gurguddoo sadan ummatni Oromoo waggoota dheeraaf gaafataa ture keessaa tokko Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuudha kan jedhan hayyoonni afaaniifi xiinxaltoonni federaalizimiifi imaammataa, gaaffii kana sirnaan deebisuu malee dhikkifannaa miira ummataa ilaalanii dhimma siyaasaa godhachuun waan hin malle jedhan.
Itoophiyaa keessatti lakkoofsi ummataa Afaan Oromoo dhalootaan dubbatu hunda caalee osoo jiruu yerooo Heerri mootummaa federaalaa qophaa'etti ta'e jedhamee diida qabamuun bira darbamuun dogoggora ture jedhu Dr. Milkeessaan.
Yeroo Heerri mootummaa tumametti Afaan Oromoo akka kaadhimamaa tokkotti dhiyaatus, Amaariffa qofa afaan hojii federaalaa gochuun filatanii darbuun loogii mootota Itoophiyaa duriirraa jalqabee Afaan Oromoo irratti raawwatamaa ture itti fufsiise.
Humna guddaafi bal'ina qabuun, teessuma lafaatiin, hawaas-dinagdee keessatti barbaachisaa ta'uutiin Afaan Oromoo ulaagaa afaan hojii Federaalaa ta'uu waan guutuuf gaafficha akka gaafatametti deebisuu akka barbaachisu akeekkachiisaniiru.
Sirna bulchiinsa federaalaa tokko keessatti afaan federaalaa ta'uudhaaf ulaagaalee bu'uuraa hanga barbaadamuu ol guutee osoo jiruu Afaan Oromoofi gaaffiin ummata Oromoo 'qabdii siyaasaa' ta'ee ture jedha Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisaafi qorataan afaanii Obbo Qulqulluu Ijoo.
Dhimmi Afaan Oromoo dhimma paartii siyaasaa ta'ee 'ho'ee qabbanaa'uu' siyaasaa waliin deemu miti.
Murteen siyaasaa kan barbaachisu ta'ullee afaan tokko afaan federaalaa gochuun atakaaroo hedduu hin barbaadu kan jedhu Moonenuus, bu'uura fedhii ummata bal'aafi akkaataa gaafichi itti gaafatamaa tureen deebisuun bulchiinsaadha jedha.
"Afaan Oromoo afaan federaalaa gochuun ummanni Oromoo osoo akka keessummaatti itti hin dhaga'amiin, anis biyya kana keessaa qoodan qaba jedhee akka inni yaaduuf karaa banaaf.
Kanaa achi, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu dhiisuun akka ummanni Oromoo biyya isaa keessatti keessummaa ta'uufi shakkii keessa galu gochuudha waan ta'eef gaaffii keessa galuu hin qabu."
Furmaanni jedhu Dr. Amaanu'eel, akka biyya tokkootti yoo itti fufna ta'e, Itoophiyaan yoo Itoophiyaa taatee itti fufti ta'e ykn akka biyyaatti itti fufsiifna jennee yaadne Afaan Oromoo afaan hojii gochuudha.












