'Yoon ani hojiirra hin jirre namni deessuu aanichaa gargaaru biraa omtuu hin jiru'

Madda suuraa, Getty Images
"Guyyoota muraasa dura dubartoonni shan da'umsaaf gara mana yaalaa ani hojjadhu dhufan. Shanan isaaniituu tokko tokkoonan deessise.
''Tokkoonshee deessee yoo siree irraa buutuu, isheen itti aantu ni yaabdi. Wanti ani gochuu danda'u dafee harka dhiqadhee gara ishee itti aantuutti ce'uu qofa ture," jechuun mudannooshee kan himtu narsii deesistuu qofaashee dubartoota heddu tajaajiltuudha.
Itti dabalunis, "guyyaa sana osoo narsiin deesistuun biraa na waliin jiraattee na gargaartee natti tola ture jedhee yaadaan."
Kibba dhiha Afgaanistaan aanaa Chaaghaansuur, kutaa Nimroz jedhamu k keessatti Arzoon narsii deessiftuu qofaati.
Isheenis ummataa naannichaa 16,000 keessatti dubartoota ulfaa fi daa'imman reefuu dhalatan hundaaf itti gaafatamummaa qabdi.
Aanichi kilinika xiqqaa tokkittii kan qabu yoo ta'u, namoonni yeroo baayyee hiriira dheeraa qabatanii ishee argachuuf eeggattu.
Baay'inni lakkoofsa dhukkubsattootaa ''guddaadha'' jedha Arzoon, kanaafuu hojjettoonni sadarkaa kunuunsa namootaaf malu kennuu hin danda'an.
Kutaa dahumsaa keessa siree tokkicha qofaan sababii jiruu osoo dubartoota lama yeroo tokkotti ciniinsuun qabatee, haatii tokko hanga narsii deesisiiftuun ishee tokko tajaajiltee xumurtuutti eeggachuun dirqama.
Kanneen eegataa jiranis tarii dabareen kutaa siree gahuu ykn ammoo bakka eeggataa jiraniitti dahu danda'u.
Narsiin dahumsaa umuriinshee waggaa 32 fi waggoota jahan darbaniif qofaashee aanicha keessatti dahumsa irra hojjataa jirtu tunis, kilinikicharraa imala daqiiqaa shanii fagaattee jiraatti.
Duraan qofaashee gara hojii deemaa turte. Amma garuu mootummaan Taaliibaan dubartoonni waardiyyaa dhiiraa malee qofaa deemuu akka hin dandeenye gaafate. Kanaaf, Abbaa manaasheetuu kilinikicha geessee ishee deebiisa.
Yeroo hojiishee sa'aatii 2:30 hanga 9:30tti t'ulleen, yeroo hunda akka bilbilameefiitti jira.
''Haalli hojii dadhabsiisaadha. Halkanii guyyaan hojjadha. Halkan dubartiin yoo mixuun qabate, bakkan fe'e jiraadhuuf gara kilinikaatti fiiguun qaba'' jetti Arzoon.
Osoo kilinika qaqqabuu dadhabdee hoo?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu yoo garmalee fagoo jiraattee ykn mana yaalaa gahuu dadhabde maaltu ta'a?
"Yoo ani hin jirre yookaan deessiftuu yeroo rakkinaaf bakka naaf buutuu hin jiraannee, salphaadhumatti namni da'umsaaf haadhoolii gargaaru kan biraa hin jiru. Dubartoonni ciniinsuun qabe karra kilinikaa cufamaarra gahuun garagaluu," jetti.
Deessiftuun duubatti yeroo tasaa bakka ishee buutuu tokkas kilinika aanaa biraa keessa ojjetaa sababii jirtuuf, yeroo baayyee hin argamtu.
Ameerikaan dhiheenya kana gargaarsa hir'isuu hordofee, dameen fayyaa kan miidhaa guddaa irra gahe keessaa tokko ta'eera.
Akka Hogganaan Gargaarsa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN), Toom Filechar jedhanitti, bulchiinsa Afgaanistaan kibbaa keessatti ji'oota muraasa darbaniitti wiirtuuleen yaalii gara 400 ta'an cufamanii jiru.
Haata'u malee, Taalibaan hanga ammaatti lakkoofsa waliigalaa dhaabbilee fayyaa fi kilinika cufamanii ilaalchisee ragaa sirrii ifa hin goone.
Bulchiinsoota Afgaanistaan 421 keessaa gara afur keessaa tokko qofatu hospitaala qaba.
Motoraan gara hospitaalaa

Madda suuraa, Getty Images
Faaxumaan (kan nageenyaaf jechan maqaanshee jijjiirame) ulfa ji'a saddeet yeroo turtetti dhiibbaan dhiigaashee akka tasaa ol ka'uun yaalli fayyaa hatattamaa ishee barbaachise.
Garuu akka jiraattuu bulchiinsa gaarreeniin marfame Alaah Yaar, ganda Ghoor, kan giddugala Afgaanistaan keessatti argamutti, gara dhaabbilee fayyaa xixiqqoo lamaan aanaa sanaa keessaa tokkoo bira deemuuf daandii dheeraa imalu qabdi turte.
"Gargaarsa fayyaa argachuudhaaf gara sa'aatii shanii hanga ja'aa motoraa deemuun narra ture. Yeroon kilinika tokko ga'utti daa'imnikoo garaakoo keessatti du'ee ture," jetti.
Ghoor duraanuu daandii rakkisaafi haala hamaa jireenya namaatti qormaata ta'u qaba. Haata'u malee, hanqinni deessiftootaa fi dhaabbileen eegumsa fayyaa ammoo ulfa caalaa rakkisaa akka ta'u taasiseera.
Jiraataan Alaah Yaar tokko BBCtti akka himaniitti, dubartoonni aanichaa harki 90n manatti dahu.
Arzoon mataanshee kun aanaashee keessattis akka mudatu dubbatti.
''Dubartiin ulfaa tokko hospitaalaa gahuudhaaf sa'aatii lamaa hanga sadii konkolaataadhaan imalu qabdi. Baayyeen isaanii ammoo kana sababii hin dandeenyeef, manumatti dahu.''

Hir'ina narsii deesistuu
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa(WHO)n namoonni 10,000 deessiftoota 10 akka qabaatan gorsa.
Kanaaf Afgaanistaan tilmaamaan baay'inni ummataasaa miliyoona 40 ta'uuf, deessiftoota 40,000tu barbaachisa.
Qondaalli fayyaa duraanii dhiheenya kana Afgaanistaan gadhiise bahee tokko, biyyattiin deesiftoota 5,000 qofa qabdi jedhu.
Haata'u mlaee, qondaalli ammaa Ministeera Fayyaa Hawaasaa Taalibaan tokko BBCtti akka himanitti, guutuu Afgaanistaan keessatti deessiftoonni gara kuma 10 ta'an hojjechaa jiru.
BBC'n baayina ofiiseelaa Taalibaan irraa argachuuf yaalus, milkaa'u hin dandeenye.
Qondaaltonni mootummaa duraanii sirna eegumsa fayyaa keessatti madaalliin saalaa akka hin jirre amananiiru.
Ministirri itti aanaan Fayyaa Hawaasaa duraanii, Dr Baashir Normaal akka jedhanitti, osoo Taalibaan gara aangootti hin dhufiin dura hojjettoonni eegumsa fayyaa %32 dubartoota qofaa turan.
Qondaalli duraanii Ministeera Eegumsa Fayyaa hawaasaa Taalibaan duraanii tokko BBCtti akka himaniitti, aangaaleen baadiyaa biyyatti 20 hojjattoota fayyaa dubartootaa omaa hin qaban.
Jiraattoonni muraasni BBCtti akka himaniitti ammoo, sababii oggeessoonni fayyaa hin jirreef dubartoonni baadiyaa barnoota yaalii omaa hin qabne ''deessiftoota'' jedhamuun waamamaa jiru.
Duutii dahumsaan wal qabatus baayyee naasisaa akka ta'u tilmaamamaa jira.
Bara 2020tti WHOn guyyaan dubartoonni 24 rakkoo dahumsaan wal qabateen biyyattii keessatti lubbuu akka dhaban tilmaamee ture.
Gabaasni UN bara 2024 ammoo dahumsa 100,000 keessaa haadhooliin 620 akka du'an ibse. Kunis addunyaarratti du'a haadhoolii isa olaanaadha jedhameera.
Haata'u malee lakkoofsi kun attamiin akka fooyya'u arguun baayyee rakkiisaadha.
Taalibaan bara 2021tti erga aangoo qabateen booda dubartoonni manneen barnootaa fayyaa akka hin seenne dhorke, achinis wiirtuuleen leenjii deessiftootaa cufamanii jiru.
Arzoon mataanshee dhaabbata miti mootummaa biyya alaa kan amma Afgaanistaan keessa sochoo'uu dhaabe tokkoon leenjiite.
Haalli kun yoo jijjiirame malee, waggoota dhufaa darbaatti lakkoofsi deessiftootaa haalaan hir'achaa adeema, kunis Arzoof yaada nama jeequdha.
"Yeroon ani soorama bahu maaltu ta'a kan jedhu na yaaddeessa. Daa'imman deessisuuf eenyutu achitti argama? Balaa guddaatuu ta'u mala."












