Tiraamp Kuubaa akeekkachiise: 'Osoo hin barfatin waliigalteerra ga'uu ykn balaa dhufuuf qophaa'uu'

Doonaald Tiraamp Amajjii 9, 2026 Waayit Haawus keessatti marii hoji raawwachiistota boba'aa fi zayitaa waliin taasise irratti, gaaffii gaazexeessitoota irraa yeroo fuudhu

Madda suuraa, Getty Images

Doonaald Tiraamp ammammoo Kuubaa doorsisuu eegale. Biyyattiin ''waliigaluu'' ykn ''balaa dhufuuf itti gaafatamummaa fudhachuuf qophaa'uu qabdi,'' jechuun boba'aafi maallaqi Venezuweelaa gara Kuubaa fe'amuu akka hin qabne akeekkachiise.

Pirezidantiin US kun erga Amajjii 03, 2026 Pirezidantiin Venezuweelaa Nikolaas Maduuroo magaalaa Karakaas keessaa humnoota USn qabamee booda xiyyeeffannaasaa gara Kuubaa deebiseera.

Venezuweelaa fi Kuubaan michummaa yeroo dheeraa qabu. Venezuweelaan guyaatti boba'aa barmeela kuma 35 gara Kuubaa ergiti.

Ministirri dhimma alaa Kuubaa biyyisaa ''qaamni kamuu osoo gidduu hin seenin,'' boba'aa gara keessaa galchuuf mirga qabdu fayyadamuu akka itti fuftu ibsan.

Pirezidant Tiraamp ammoo ''waan goonu qaamni biraa nu ajajuu hin danda'u,'' jedhe.

Bulchiinsi Tiraamp mala malee boba'aa Venezuweelaa dhaaluun Kuubaa keessatti rakkoo boba'aa fi ibsaa uumuu eegaleera.

Jimaata darbes taankarii boba'aa shanaffaa fudhatan. Boba'aa Venezuweelaa qoqqobbii jala jiruudha jechuudhaan saaman.

''Kuubaan waggootaaf boba'aa fi maallaqa hedduu Venezuweelaa irraa galchituun jiraachaa turte. Bakka kanaa ammoo aabbootii irree Venezuweelaan lamaan duraaniif 'tajaajila eegumsaa' kennaa turte [Kuubaan]. Garuu kanaan booda hin danda'amu,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse Tiraamp.

''Kanaan booda boba'aa fi maallaqi gara Kuubaatti fe'amu hin jiraatu. ZERO. Akka waliigalteerra ga'an cimseen yaada koo dhiheessa. OSOO HIN BARFATIN.''

Tiraamp Kuubaa akeekkachiisuun alatti qabxii waliigaltee ykn balaa biyyattii eeggatu hin ibsine.

Haata'u malee Ministirri dhimma alaa Kuubaa Biruunoo Roodiriigeez biyyisaanii biyya fedhii agarsiise kamirraayyuu ''boba'aa galchuuf mirga guutuu qabdi,'' jedheera.

Kunis giddu-seentummaa qaama kamuu malee akkasumas eeggattummaa tokko malee kan raawwatamu ta'a jedhe qondaalli Kuubaa kun.

Kuubaan akka US dhimma biyya biraa keessa seentee maqaa balleessuu ykn humna waraanaan cabsuuf karoora hin qabdu jedhe.

Tiraamp dhimma Kuubaa irratti tarkaanfii fudhachuu yeroo dubbatu, waa'ee qabamuu Maduuroo fi haadha warraa isaa, Siiliyaa Filoorsi, kaase.

Maduuroo fi haat manaan isaa yeroo ammaa US keessatti daldala qoricha sammuu hadoochuu fi yakkoota kaaniin himatamaa jiru.

Kuubaan waggootaaf Nikolaas Maduuroof dhuunfaatti humna nageenyaa ramaduun eegaa turte.

Mootummaan Kuubaa oppireeshinii US magaalaa guddoo Venezuweelaa, Karakaas irratti gaggeessiteen lammiileen isaa 32 ta'an jalaa ajjeefamuu ibseera.

Tiraamp gamasaan ''haleellaa torbee darbeen lammiileen Kuubaa hedduun du'aniiru. Kanaan booda Venezuweelaan saamtota kunneen irraa eegumsa barbaaddu hin qabdu,'' jedhe.

Pirezidantiin Kuubaa Miguweel Diyaaz-Kaanel oppireeshinii US Venezuweelaa keessatti gaggeessite mormaa ture

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Kuubaa Miguweel Diyaaz-Kaanel oppireeshinii US Venezuweelaa keessatti gaggeessite mormaa ture

''Amma Venezuweelaan eegumsa isheef humna US, humna addunyaarratti isa cimaa ta'e qabdi. Kan isaan eegu fi isaan baraaru humna kana,'' jedhe Tiraamp.

Roodiriigeez gamasaan Kuubaan ''tajaajila nageenyaa kennitu kamiifuu maallaqa ykn beenyaa fudhattee hin beektu,'' jedhe.

Tiraamp Kuubaa irratti karoorri isaa inni sirriin maal akka ta'e hin ibsine, garuu duraan biyyattiin ofiinuu ''kufuuf qophoofteetti waan ta'eef,'' humna waraanaan keessa seenuun barbaachisaa akka hin taane dubbatee ture.