Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bobbaan waa'ee fayyaa keenyaa maal hima? Si'a meeqa mana fincaanii deemnu?
Isin nama guyyaatti si'a sadii bobbaa godhumoo yeroo baayyee darbee darbeeti kan mana fincaanii deemtan?
Bobbaan keessan waa'ee fayyaa keessanii waa hima jedha Saayinsiin. Barreeffama kanarraas saayinsiin dhimma kana ilaalchisee maal jedha is jedhu hubannoo gaarii argattu.
Hammi guyyaatti bobbaa goonu namaa namatti garaagarummaa qaba. Yeroo hunda yoo nyaata nyaannu mar'imaan furdaan kottoonfachuun nyaata nyaanne gara bakka bullaa'utti dhiiba.
Gochi 'Gastrolic Reflex' jedhamuun beekamu kuni ammoo hormoonii akka bobbaa gochuu qabnu nutti himu maddisiisa. Irra hedduun keenya miira akka bobbaa goonu nutti himu kana irra darbina.
"Yeroo tokko tokko hojiidhaan qabamnee bobbaa gochuuf yeroo dhabna" jedhu hospitala Kambeeraa kan Awustiraaliyaa jirutti ogeessa fayyaa kan ta'an Martin Veysey.
Akka waliigalaatti guyyaatti si'a tokko bobbaa gochuun miira fayyummaa qaama bobbaa akka ta'etti fudhatama. Kana dura garuu adeemsa bobbaa gochuu kanarratti hammeentaan 'Idileen' hammana jedhamu akka hin turre himu.
Har'a garuu galatni saayintistoota UK akka Ken Heyatoniif, haa ta'uutii amma hubannoo gaariitu jira.
Dhuma bara 1980 keessa Keyaton fi hiriyoonnisaa jiraattota Baha Biristol guyyaatti si'a meeqa bobbaa akka godhan gaafatanii qorannoo taasisan.
Bu'a qorannoo kanaa sirnaa bobbaa gochuu irratti hubannoo turerraa bu'aa garaagarummaa guddaa qabu mul'ise.
Adeemsi Bobbaa gochuu baratamaa ta'e guyyaatti si'a tokko ta'ulleen dhiirota harka 40 fi dubartoota harka 30 qofatu deebii kanaan walfakkaatu kenne. Kaan torbeetti si'a tokkoo gadifaa, kaan ammoo guyyaatti hanga si'a sadii akka bobba'an himan.
Namoonni torbanitti yeroo afur bobbaa laafaa ta'e taa'an harkaa 1.78 namoota torbanitti si'a torba bobbaa haaluma barameen taa'an caalaa waggaa shan keessatti carraa du'uu qabu.
Akka tasaa gumaachi Heyaton saayinsii bobbaa keessatti godhe kana qofa hin turre. Qorannoon isaa kuni Boodarra meeshaa 'Bristol Stool Forme scale' jedhamuu qopheessufis gargaareera. Meeshaan kuni doktoroonni rakkoo bullaa'insa nyaataa waliin jiru ittiin adda baafachuuf baay'inaan dhimma itti bahu.
Zoonii 'warqee cufamaa' jedhamu
Dhaabbileen fayyaa irratti hojjetan adeemsi bobbaa gochuu guyyaatti si'a sadii fi torbanitti si'a sadii gidduu ta'e rakkoo kan hin qabnedha jedhu. Garuu rakkoo hin qabuu fi fayyaa qabeessa jechuu gidduu garaagarummaan jira.
Saayintistoonni qorannoo gaggeessaniin namni guyyaatti yookan torbanitti si'a meeqa bobbaa godha isa jedhu adda baasaniiru. Kuni jechuun garuu guyyaatti si'aa meeqa gochuu qabna isa jedhu hin deebisu.
Qorattoonni garuu adeemsi bobbaa gochuu nama tokkoo waa'ee fayyummaa nama sanaa waan himu qaba isa jedhu qorannoon ifoomsaa jiru.
Fakkeenyaaf bara 2023 Ameerikaa keessatti adeemsi bobbaa gochuu namoota 14,573 irratti qorannoon taasifamee ture.
Irra hedduu fi baratamaa kan ta'e torbanitti si'a torba warra bobbaa godhani. Kuni harka 50.7. qorattoonni kunneen eegasii namoota saamuda ta'an kana waggoota shaniif hordoffii irratti taasisuun akkaataa bobbaa fi du'a gidduu hariiroo akkamiitu jira isa jedhu qorachaa turan.
Bu'aan qorannoo isaaniis namootni torbanitti si'a afur bobbaa godhan namoota torbanitti si'a torba bobbaa godhan caalaa harka 1.78 carraa du'uu qabu.
Warri dafanii dafanii bobbaa godhan ammoo carraa Kaansariin du'uu harka 2.42 fi dhukkuboota sirna hargansuu waliin walqabataniin ammoo carraa du'uu harka 2.27 qabaatu.
Siyaatilitti Makiroobaayolojistii kan ta'an Sehan Gibbon bobbaa hammamii gochuu qabna isa jedhurratti qorannoo gaggeessan. Isaan namoota 1,400 irratti qorannoo gaggeessan.
Namoota kana garee afuritti kan qoodan yoo ta'u, kanneen torbanitti si'a tokko hanga lamaa bobbaa godhan, kanneen si'a sadii hanga ja'aa torban keessatti godhan, fi kanneen guyyaatti si'a tokkoo hanga sadii godhani.
Kanneen guyyaatti si'a tokkoo hanga sadii bobbaa godhan kuni warra garaa kaasaan qabelleen dabalata. Qorannoo kanaanis hammeentaan namni tokko bobbaa godhuu fi fayyummaasaa gidduu hariiroo jiru qoratan.
Gibbon qorannoo isaanii Kanaan namootni guyyaatti si'a tokko hanga sadii bobbaa godhan warra kaan caalaa baakteeriyaan garaa isaanii keessa jira. gama kaaniin kanneen torbanitti si'a sadii gadi bobbaa godhan dhukkuboota kalee fi waa dagachuu dura qaban waliinis hariiroo kan qabudha.
Akka Gibbon jedhutti, sababni namootni bobbaa dafanii hin goone dhiiga isaanii keessatti summii miidhaa geessisu baayyee qabaataniif namni bobbaa dafee hin goone tokko bobbaan isaa naannoo qaama bobbaa isaa yeroo dheeraa akka turu waan ta'uufi.
Kuni ammoo baakteeriyaan ulaa bobbaa keessa jiru faayibarii achi keessa jiru hunda akka nyaatu gochuun gara waan fayyaa namaatiif fayyaduutti jijjiira. Rakkoon isaa garuu yeroo faayibariin hundi nyaatamee dhume baakteeriyaawwan kuni pirootiinii qopheessu. kuni ammoo wantoota summaa'oo ta'an gara hidda dhiigaatti akka deemu godha.
Wantoonni summaa'oon kuni ammoo miidhama kutaalee qaamaa akka kalee fi Onnetif nama saaxilu.
"Yoo marsaa dhiigaa keessan keessatti meetaabolaayitiin kuni olka'aa ta'e, ujummoon dhiigaa jabaachuu fi sirna onnee fi ujummoole dhiigaa irratti miidhaa geessisuu danda'a" jedha Gibbon.
Gibbon akka jedhutti dhaabbileen fayyaa guyyaatti bobbaa si'a sadii hanga torbeetti guyyaa sadi gidduu godhan fayya qabeessa jedhanii gorsanis, gaafa baayyee gadi bu'u garuu sirna dhiigaa keessatti summiiwwan miidhaa geessisaniin miidhaa fidu mala.
"Baayyee rakkisaadha. Sababnisaas namootni kunneen fuuladuratti dhukkubsachuu akka danda'an ragaan hin hin jiru.
''Garuu ragaa amma argannerraa yoo ilaallu guyyaa tokko oolanii bobbaa gochuudhaa fi guyyaatti si'a sadi bobbaa gochuu gidduu kan jiru fayyummaa qaba" jedhan.
Bobbaan keessan waa'ee keessan maal hima?
Hammeentaa bobbaa namni tokko godhu kan namaa namatti garaagarummaa qabu caalaa wanti ofeeggannoo gochuu qabnu jijjiirama adeemsa bobbaa goonu irratti jirudha jetti Leming.
Kanaaf jechas amalaa fi hammeentaa bobbaa goonu irratti jijjiiramni yoo jiraate sirnaan of hordofaa deemuun gaaridha jechuun gorsiti.
"Hundi keenya bobbaa keenya seeran hordofuu qabna. Sababni ammoo qorannoo fayyaa keenya irratti gaggeessinuu fi tolaan raawwachuu dandeenyu waan ta'eefi" jetti.
Hordoffiin taasifamuu qabu ammoo si'a meeqa bobbaa goona qofa osoo hin taane, bifaa fi boca bobbaa keenyaas hordofuun barbaachisaa akka ta'e himti.
Bobbaa keenyarratti waan gurraacha yookan diimaa ta'e argina yoo ta'e tari dhiigni keessa jira jechuudha. Yeroo hedduu mallattoon kuni fayya qabeessatti kan ilaalamu ta'ulleen, tari mallattoo kaansariis ta'uu waan maluuf doktara bira deemuu barbaachisa.
Kana malees garaa kaasaa yoo qabaannee fi mana fincaaniitti nudeddeebisa yoota'es, erga nyaata nyaattee garaan bokokuu fi garaa keessa gaaziin yoo sijiraate mana yaalaa dafanii deemuun barbaachisaadha jechuun gorsiti.
Dhumarrattis gibbon akka jedhutti, bobbaa idilee ta'e akka qabaannuuf namoota qorannoo keessatti hirmaatanirraa kan hubanne namootni kuduraa fi muduraalee soratan bobbaa laafaa ta'e kan qabaatanii fi si'aayina kan qabanidha.