Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi waggaa lama keessatti dubartoota 42 ajjeese mana hidhaatii miliqe
Waggoota lama keessatti haadha warraasaa dabalatee dubartoota 42 ajjeesuu kan amane lammiin Keeniyaa mana hidhiaatii miliqe. Poolisiin barbaacha eegale.
Adoolessa darbe kan to'atame Koolins Jumayiis Kaluushaa erga bara 2022, haadha warraasaa dabalatee dubartoota 42 ajjeesuu amanuu Poolisiin beeksiseera.
Abukaatoonsaa garuu dararaa irra gaheen akka amanu godhamee jedheera.
Shakkamaan kun erga Adoolessa darbe to'atamee buufata poolisii keessa kan ture yoo ta'u, Kibxata har'aa hidhamtoota biroo 12 waliin ta'uun mana baaxii shiboorraa hojjetame tarsaasanii mooraa dhaagaarraa hojjetamerra utaalanii miliqan jedhame.
Buufata Poolisiirraa gabaasa baheen ganama Poolisoonni dabareerra jiran wayita ciree nyaatan miliqan.
Namootni 12 biroon Kaluushaa waliin miliqan lammiilee Eertiraa seeraan ala daangaa Keeniyaa seenuun to'ataman ta'uu Poolisiin beeksiseera.
Dargaggeessi ganna 33 kun to'annoo jala kan oole magaalaa Naayiroobii keessatti reeffi dubartoota sagalii qaamnisaanii murame argamuu hordofeeti.
Akka gabaasa Poolisiitti dubartootni reeffisaanii argame umrii 18-30 gidduu argamu. Haalli itti ajjeefamanis wal-fakkaataadha.
Ajjeefamanii argamuun dubartoota kanaa Keeniyaa keessatti dheekkamsa guddoo kaase. Dubartootni 42 waggoota lama gidduutti nama tokkoon yeroo ajjeefaman Poolisiin akkamiin quba qabaachuu dhabe gaaffiin jedhus ka'eera. Bakki reeffi isaanii argamee buufata poolisiirraa 100m qofa fagaachuun isaas gaaffii biraa kaase.
Qaamni hojimaata Poolisii sakkata'u ammoo Poolisoonni yakka kana keessaa qooda qabaachuufi dhiisuu qorachuu eegaleera. Himannaan Poolisiin hidhaa seeraan alaa keessaa qooda qaba, namas butuu keessatti hirmaata jedhu qorata. Ammatti bu'aa qorannoosaa ifa hin goone.
Mormii diddaa gibiraan walqabatees ajjeechaa fi nama qabanii achi buutee dhoksuun Poolisiin Keeniyaa himatamaa jira.
Battala Kaluushaan to'annoo jala oole daayireektarri qorannoo yakkaa poolisii Keeniya Mohaammed Amiin yaada kennaniin nama rakkoo xiinsammuu qabu , lubbu namaaf kabaja hin qabnedha jechuun isa ibsan.
Abukaatoon Kaluushaa Joon Mayinaa Degwaa yaada BBCf kennanii tureen Kaluushaan akka amanu dararameera, sodaachifameera jedhan.
Shakkamaan kun Jimaata darbe mana murtiitti dhiyaatee ture. AFPn akka gabaasetti abbaan alangaa qornnoosaa raawwachuuf guyyaa dabalata 30 irratti gaafateera.
Reeffi dubartoota haala sukkaneessaan ajjeefamnii kun kan argame biyyattiin reeffi hordoftoota amantaa 400 ol bosona Shakahoolaa keessatti awwalamanii argamuun lammiilee biyyattii wayita naasisee jiruttidha.
Hogganaan amantaa hordoftootnisaa nyaata lagatanii akka du'an kakaaseera jedhamu Pool Makeenzii, mana murtii biyyattiindu'a namoota kanaarraa bilisa jedhameera.