Tiraampi Huutii loluu hin barbaannu jechuun haleellaa Yaman irratti raawwatan akka dhaaban himan

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gareen Huutii 'Harka kennateera' waan ta'eef, Ameerikaan Huutii irratti duuluu ni dhiifti jedhan.
sababiin isaas garee Iraan deeggaramu kana waliin ''dhukaasa dhaabuu'' irra ga'amuu fi kana booda, dooniiwwan Galaana Diimaa irratti xiyyeeffachuu akka dhaaban mirkaneessuu himan.
Itti aansuunis Tiraamp murtee Ameerikaan haleellaa xiyyaaraa Yaman irratti raawwattu hatattamaan dhaabuuf murteessuu ishee labsuun, "murtee Huutiin lola dhaabuuf dabarsan nan fudhadha, haleellaa keenyas hatattamaan dhaabuuf murteessineerra" jechuun MM Kaanaadaa Maark Kaarnii waliin Waayit Haawus keessatti dubbataniiru.
Ministirri haajaa alaa Omaan yeroo muraasa booda waliigaltichi ''bilisummaa sochii dooniiwwaan Galaana Diimaa mirkaneessuu fi daldalli idil-addunyaa haala gaariin akka darbu ni taasisa'' jedhan.
Huutiin dhimmicha irratti hanga ammaatti yaada hin kennine.
Taamp, bulchiinsi Ameerikaa daawwannaa isaanii gara Baha Giddugaleessaatti taasisuun dura tarkaanfii guddaa labsuuf akka yaadullee ibsaniiru. Garuu tarkaanfiin kun maal akka ta'e bal'inaan hin ibsamne.
Tiraamp Caamsaa 2025 torbee lammaffaa keessa Baha Giddu Galeessaa ni daawwata jedhamee eegama
Ameerikaan baatii Bitootessa keessa haleellaa qilleensaa Huutii irratti raawwattu cimsitee kan turte yoo ta'u, ergasii waraanni Ameerikaa Yaman keessatti bakka 1,000 rukutuu hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp Waajjira Ovaal keessatti haasawa taasisaniin, Huutiin ''kana booda doonii hin dbarbadeessan'' jedhan.
"Hutiin kana booda akka hin lolle, ykn yoo xiqqaate kana booda qabsaa'uu akka hin barbaanne nu beeksisaniiru... Kanaaf hunda caalaa yaada isaanii kana ni fudhanna."
"Kana booda doonii akka hin haleellee waan mirkaneessan waan ta'eef kanaaf hojjechaa jirra..Ministirri Dhimma Alaa Omaan Badr Al Busayidi akka jedhanitti biyyi isaanii tasgabbii deebisuuf tattaaffii taasifamaa jiru gidduu seenuun gahee guddaa taphattee jirti.
"Tarkaanfiin kun gara fuulduraatti dooniiwwan Ameerikaa dabalatee kanneen biroo Galaana Diimaa fi Bab al-Mandab keessa bilisummaan akka socho'anii fi geejjibni daldalaa idil-addunyaa haala gaariin akka ta'u taasisa" jedhan.
Huutii dooniiwwan Galaana Diimaa keessa darban haleeluu kan jalqaban tumsa Falasxeemota Gaazaa keessa jiraniif yoo ta'u, erga gareen Hamas fi Israa'el Onkoloolessa bara 2023 waraana eegalanii booda ture.
Ergasii dooniiwwaan daldalaa irratti haleellaa misaa'elaa fi diroonii hedduu raawwateera. Hojjettootaa afuris ajjeesuun isaanii ibsameera.
Haleellaan kun dhaabbileen doonii gurguddoon illee Galaana Diimaa fayyadamuu akka dhaaban dirqisiiseera

Madda suuraa, EPA
Yeroo baayyee daldalli galaanaa addunyaa %15 jechuun kan danda'amu keessa darbu sababa haleellaa kanaan daandii baayyee dheeraa naannoo kibba Afrikaa akka fudhatan dirqisiiseera.
Gareen biyyoota Ameerikaan durfamu haleellaa Huutiin doonii irratti raawwataa ture hedduu fashaleessuun preezdaantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayiden haleellaa qilleensaa Ameerikaan Huutii irratti jalqaban bara Tiraamp jabaatee itti fufee jira.
Ji'a darbe keessa Huutiin haleellaa qilleensaa Ameerikaan giddugala tursiisaa kaaba dhiha Yaman irratti raawwateen yoo xiqqaate godaantotni Afrikaa 68 ajjeefamaniiru
Huutiin tibbanallee misaa'ela gara Israa'elitti dhukaasuu kan itti fufe yoo ta'u, Dilbata darbe gareen Huutiii nannawa buufata xiyyaaraa Israaa'el rukutee ture.
Israa'el kanaaf deebii kennuudhaan buufata xiyyaaraa idil-addunyaa guddicha Yaman magaalaa guddoo Sanaa irratti haleellaa bal'aa raawwatteetti , kunis "guutumaan guututti barbadaa'uu" miidiyaaleen gabaasaniiru












