Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haadha manaa tokko abbootii warraa lama: Sirna gaa'ilaa falmii kaase
Indiyaa ollaa xiqqoo Himaaliyaa keessatti mana tokko keessa shamarreen tokko uffata aadaan faayamtee dhiirota gammachuun irraa mul'atu lama gidduu teessi.
Suuraan kun sagantaa cidhaa irratti ture kan kaafame. Suuraan akkasii kan baratame miti.
Sunitaa C obboloota lameen Kaapiil N fi Piraadiip N waliin gaa'ela godhatte.
Indiyaatti abbaa manaa tokkoo ol (Polyandry) fi haadha manaa tokkoo ol (Polygamy) qabaachuun seeraan dhorkaadha.
Sirna gaa'elaa dubartiin tokko obboloota lameen waliin raawwatte kanarratti suuraan kaafame miidiyaa hawaasummaarratti baayyee qoodameera.
Taateen kun maatiin akka arrabsamanii fi kabaji isaanii akka gadi bu'u taasisuun alatti akka biyyaatti mata duree falmii ta'eera.
Misirroonni sadeen gosa Hatii jedhamuuti. Gosi kun Indiyaa keessatti gosa ganamaa jedhamuun kan beekaman yoo ta'u ollaa yaa'a lageen Giirii fi Toons irratti argaman Himaachaal Piraadheesh fi Utaraakahaandi jedhaman keessa jiraatu.
Hawaasi uummata kuma 300 ta'u qabu kun naannocha keessatti gandoota argaman 400 keessa jiraatu.
Indiyaan gosoota 700 caalaniif beekamtii kennitee kan jirtu yoo ta'u gosoonni kunneenis baayyina uummata biyyattii keessaa dhibbeentaa 8.6 ta'u.
Waggoota kurna lama dura mootummaan biyyattii gosa Haatii jedhaman kanaaf beekamtii murtaawaa ta'e kenneefiira.
Gosti kun hawaasa amantii Hinduu hordofan jalatti ramadamanis aadaan fuudhaa fi heerumaa isaanii duudhaa amantichaarra adda.
Sirni gaa'elaa isaanii ''"jodidara" ykn "jajda'' jedhamu kanarratti mirroowwan namuu osoo gidduu hin seenin kallattiin wal ilaalaa waadaa waliif galu.
Akkaataa duudhaa Hinduutiin garuu misirroowwan waan barmaataan abidda eebbifamaa jedhamee beekamutti yeroo torba naanna'uu qabu.
Dhimmi biraan fuudhaa fi heeruma hawaasa kanaa kan Hinduu irraa adda taasisu, akkaataa aadaa hawaasa kanaan misirrottiitu gara mana gurbaa deemee adeemsa gaa'elaa raawwatti.
Gaazexeessaan hawaasa Haatii keessaa ba'e Sheer Juungi Chaawuhaan ''akka duudhaa ganamaatti obboleessi tokko horii eeguuf fagaatee wayita deemu obboleessi inni kaan manatti misirrottii faana tura. Kan fageetee deeme sun wayita manatti deebi'u innimmoo dabareesaa misirrottii waliin jiraachuu eegala,'' jechuun aadaasaanii ibse.
''Ijoolleen dhalattu abbaa kamiin waamamti kan jedhuuf ammas maatii lamaantu waliin mari'atanii murteessu,'' jedhe.
Hawaasi Haatii sirna amantii Hinduu fi amantii Animism jedhamu kan bineensonni, biqiloonni, bishaan ykn uumamni kamuu hafuura qabu jedhu walitti makuun hordofu.
Obboloonni dhiiraa qabiyyeen lafaa isaanii akka hin qoqqoodamneef dubartii tokko akka fuudhan jajjabeessu hawaasi kun.
Bakkasaan jiraatan lafti misoomaaf ta'u muraasatu jira.
Ammoo dhaala ijoollee dhiiraaf qooduun qabeenya maatii haphisa ykn hir'isa jedhanii amanu.
Hanga mootummaan kallattii adda ta'een dhorkaa hin keenyetti heerri mootummaa Indiyaa hawaasi akka Haatii kunneen duudhaa fi aadaasaanii akka eeggatanii fi hojiirra oolchan ni eeyyamaaf.
Bulchaa jalqabaa Himaachaal Piraadeesh kan ta'an hayyuun seenaa Yaashwaanti Siingi Paarmaar ''aadaan dubartoonni dhiira tokkoo olitti heerumuu kan dhufe haala teessuma lafaa mijataa hin taane fi naannawa kana dhiphisu irraa kan ka'e lafa muraasa jiru eeggachuufi,'' jedhan.
Hayyuun kun yaada kana kitaaba isaanii Polyandry in Himalayas jedhamu keessatti ibsan.
Haata'u malee fuudhaa fi heerumni akkasii kun bara keenya keessa hafeera jedhan.
Naannawa kanatti barnoonni fi misoomni babal'achuun akkasumas qaroominni hammayyaa dubartoonni dhiirota lamatti heerumuu hambisaa dhufeera jedhu.
Haata'u malee jiraataa naannawa kanaa kan ta'an Kaapil Paawuhaan ollaawwan naannawa sana jiran hunda keessatti yoo xiqqaate maatiiwwan afurii hanga ja'aa ta'an sirna fuudhaa fi heerumaa kana hojiirra oolachaa jiru jedhan.
''Ibsituu eenyummaasaanii ykn kabaja isaaniiti. Dubartoonni dhiira tokkoo olitti heeruman maatiinsaanii hanga itti tolee jirutti nama biraatti rakkoo ta'uun irra hin jiraatu,'' jechuun BBCtti himan.
Naannawa kanatti quuqamaa mirga namoomaa kan ta'an Raameesh Siingitaa ''yeroo ammaa gaa'elli akkanaa osoo namni hin dhagahin gadi qabaadhaan raawwatama,'' jedhan.
Filannoo moo dirqamaan?
Ollaa kana keessatti dubartiin tokko dhiirota lama, sanuu obboloota ta'anitti, heerumuun miidiyaa hawaasummaarratti mata duree falmii ta'eera.
Hedduun eeyyama waliitiin akkasumas filannoodhaan kan raawwatamu ta'uu kaasuun falmu.
Gariin ammoo mirga dubartootaa kan sarbuudha jechuun falmaniiru.
Kanneen sirna fuudhaa fi heerumaa kana deeggaran ga'ee inni lafaa fi tokkummaa maatii cimsuu keessatti qabu eeruun aadaa kana jajan.
Gareen sirna kana qeeqan ammoo adaan kun booddeetti kan hafe, mirga koorniyaa kan sarbuu fi faayidaa akkasumas mirga dubartootaa kan hacuucuudha yaada jedhu kennan.
Kaan ammoo dubartoonni dhiira tokkoo olitti heerumuun fudhatama argatee dhiironni ammoo dubartii tokkoo ol akka hin fuune dhorkuun sirrii miti jechuun kan falmanis jiru.
Maatiin gamasaaniin filannoo misirroowwan kunneen deeggaraniiru. Aadaa bareedaa ijoollee isaanii gammachiisu ta'uutti akka gammadan ibsan.
Namni siyaasaa naannawa kanaa, Ministirri Industirii, Haarshiwaard Chaawuhaan ''Piraadiip fi Kaapil aadaa keenya kana itti fufsiisuun eenyummaa keenya nuuf kabachiisaniiru,'' jedhan.
Kaan ammoo dhiibbaa mana keessatti dubartittiirratti heddummaatu eeruun haalli kun baayyee hamaa ta'uu dubbatan.
''Aadaan kun humna dubartootaatti taphachuu fi garmalee itti fayyadamuu jajjabeessa. Mirga dubartootaa kan sarbuudha,'' jedhan Paartii Dimokiraasii Indiyaatti Hooggantuu dhimma hawaasummaa fi dubartootaa Maariyam Diwaalee.
Dubartiin tokko dhiira lamatti heerumuun daa'imman hedduu akka godhattu waan taasisuuf kunis dhiibbaa mataasaa fidee dhufa jedhan Maariyam.
Bakka gaa'elli akkanaa itti raawatu kana kan jiraatan dubartiin Ashaa Deevii jedhaman garuu sirni gaa'elaa ''jodidara'' jedhamu kun mirgaa fi walabummaa dubartootaa akka hin sarbine ibsan.
''Akka yaadamu kana osoo hin taane dubartoonni gaa'ela haala kanaan raawwatan diduu ykn dhiisanii ba'uu danda'u. Dubartoonnis dhiironnis gaa'ela kanaaf hin dirqisiifaman,'' jedhan.
Misirroowwan dhiheenya walfuudhan fi ijoo dubbii ta'an kunneen guutummaatti jireenya aadaadhaa dabaalame hin jiraatan.
Misirrottiin, Sunita C, wiirtuu leenjii industirii irraa barattee kan baate ogeettii teeknikaati.
Dhirsi ishee inni tokko, Piraadiip, hojjetaa mootummaati, kaan ammoo hojii keessummeessuu hojjeta.
Sunita C gaa'elaa akkanaatti kan seente fedhii isheetiin ta'uu gaazexeessitootatti himteetti.
''Murtee kiyya. Duudhaa keenya ganamaa kan baroota hedduu lakkoofsise fudheera,'' jette.
Abbootiin warraa ishees yaaduma ishee kana qabu.
Sadeenuu jaalalaan jiraachuu fi hawaasummaa isaanii cimuuf waadaa seenaniiru.