Hidha haaromsaa waliin maqaansaanii kan ka'u Injinar Simmanyoo Baqqalaa maaliin yaadatamu?

Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa hoogganaa kan turan Injinar Simmanyoo Baqqalaa
Ibsa waa'ee suuraa, Injinar Simmanyoo Baqqalaa yeroo dhagaan bu'uuraa kaa'amurraan eegaluun waggaa torbaaf ijaarsa pirojektii Hidha Haaromsaa Itoophiyaa hooggananiiru

Maqaan Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa wayita ka'u fuulli nama tokkoo ija duraa nama hin badu.

Ga'eessa fuulli rifeensa uffate, kan aduun Gubaa fuula jijjiire gamoo guddicha duubaan mul'atu waliin kan mul'atan- Injinar Simmanyoo Baqqalaa.

Gamoon sun pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa waaggaa 14f ijaaramaa ture amma eebbifamaa jirudha.

Mallattoon gama sana bakka bu'an, Injinar Simmanyoon garuu har'a hin jiran.

Injinar Simmanyoon maqaa masoo hedduu qabu. Maqaan gammoojjii sanatti argatan hedduudha.

Goota Gubaa, abbaa mul'ataa, kutataa, gara laafessa, danda'aa... waan danuu jedhuun.

Gubaa fi Hidhi Haaromsaa manasaanii ture, walumaa galatti fakkii pirojektichaa turan.

Namoota seenaa hojjetan jedhaman kanneen hidha kana waliin maqaansaanii gargar hin baane keessaa tokko Injinar Simmanyoo Baqqalaa.

Erga dhagaan bu'uuraa bara 2011, Ebla 30 kaa'amee ijaarsa pirojektichaa waggoota torbaaf hooggananiiru.

Waggoota kunneen keessatti gammoojii Gubaa keessaa dhabamanii hin beekan turan.

Maatiin, waahillan hojii, namoonni isaan beekan hundi waa'ee nama kanaa yoo gaafataman yeroosaanii hunda pirojektii kanaaf akka aarsaa godhan himu.

Hojiisaanii kana guddaa hanga xiqqaatti hunduu ragaa ba'aaf.

Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa kan turan Siyyum Masfin, yeroo tokko gaaffii fi deebii taasisan keessatti ''Simmanyoon ijoollee, haadha manaa fi maatiisaa dhiisee hidha haaromsaatti gale,'' jedhanii turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boqochuu Injinar Simmanyoo Baqqalaa booda miseensi maatii maqaasaanii eeruu hin feene tokko ''inni biyya koo, hojii koo osoo jedhuu nama hunda dagateera. Xiyyeeffannaansaa hojiisaa qofarratti. Fira quba hin qabu,'' jechuun BBCtti himanii turan.

Miseensi maatii kun Injinar Simmanyoon jireenya hawaasummaafillee yeroo argatanii hin turre jedhan.

Injinar Simmanyoon yeroo daa'imman, haadha manaa, miseensota maatii dadhaboo ta'anii fi firoota isaaniif qaban hunda Hidha Haaromsaaf aarsaa godhan jedhan.

Wayita isaan pirojekticha hoogganaa turan waahila isaanii kan turte Injinar Biruuktaawit Ishetuu ''Injinar Simmanyoon boqonnaa hin qaban turan,'' jechuun BBCtti himte.

Ijaarsi hidha haaromsaa sa'atii 24 kan hojjetamaa ture waan ta'eef halkanillee ka'uun iddoo ijaarsa pirojektichaatti argamuun hordofaa turan jette.

Haala rakkisaa kana hunda keessa ta'aniillee ''obsi isaanii nama ajaayiba,'' jette waahilli isaanii kun.

Beekumsi fi kabaji isaan namaaf qaban qalbii hojjettootaa akka hawwataa ture yaadatti Injinar Biruktaawit.

Ho'a Gubaa hanga digirii seentigireedii 43 ga'u dandamannee akka hojii itti fufnu namni isaan innachiisaa turan Injinar Simmanyoo ta'uu dubbatte.

Hoogganaa pirojektii akka bulchaa biyyaatti ilaalaman

Gaazexaa Wall Street Journal jedhamutti gabaastuu dhimma Afrikaa kan taate Maatiinaa Isteeviis Giriidinif boqochuu Injinar Simmanyoo booda ''isaan kan dhufaniif mul'ata biyyaalessaa kana galmaan ga'uufi,'' jechuun BBCtti himte.

Injinar Simmanyoo itti dhiheenyaan akka beektu kan himte gaazexeessituun kun ''nama jaalala biyyaa qaban, biyyisaanii akka jijjiiramtuuf nama lubbuusaanii aarsaa kaffalan turan,'' jechuun ibsite.

Injinar Simmayoon erga dhagaan bu'uuraa kaa'amee waggaa tokko booda ETv waliin turtii taasisaniin guddinni pirojektichaa, iddoon itti ijaaramu, hojjettoota hirmaachisu, bakka maatiinsaanii jiraatan Finfinneerraa fageenya inni qabu eeruun pirojektii guddaa kana ijaarsisuun akka ulfaatu ibsanii turan.

''Guddinni biyya keenyaa milkaa'ee arguu feena. Kanaaf ammoo anniisaan bu'uura. Namni hojii ijaarsa hidha kanaarratti hirmaatu hundi waa'ee ho'aa fi fageenyasaa hin yaadu. Sababi isaa mul'ata qabna,'' jedhan.

Mul'ati isaan kaa'an akka injinara pirojektii tokko hoogganuutti qofa osoo hin taane akka hoogganaa biyyaa, biyyaa fi dhalootaaf quuqamuuttidha.

''Yeroosaan dhufan akka hoogganaa pirojektiitti osoo hin taane akka bulchaa biyyaatti simanna turre,'' jetti Biruktaawit.

Beekumsii fi tasgabbiin isaanii akka nuti kana goonuuf nu dirqamsiise jette.

''Bakkichi baayyee ulfaataadha. Gaarreeniin kan marfamedha. Salphaatti kan ibsamu miti. Laboobi ho'a gammoojjii sanaa ni mul'ata,'' jetti Injinar Biruktaawit.

''Jiraatanii eebba pirojektichaa osoo arganii waan gaarii ture, pirojektichaafis isaaniifis kabaja guddaa ture. Ammas taanaan osoo pirojekticharratti siidaan dhaabameefii haala kanaan dhalooti isaan yaadatee baayyee na gammachiisa.''

Hidha Gibee tokkoffaarraa eegaluun hanga Hidha Haaromsaatti waggaa lama kan waliin hojjetan Injinar Kiflee boqochuun Injinar Simmanyoo booda hoogganaa pirojektichaa ta'an.

''Injinara ogummaasaaf bakka guddaa kennudha. Hojii fi kaayyoo isaaf kutatataa nama ta'e. Yeroosaa gara caalu hojiisaaf aarsaa kan godhu hojjetaa cimaadha,'' jechuun boqochuu Injinar Simmanyoo booda BBCtti dubbatan.

''Bu'aa hojiisaa osoo hin argin darbuunsaa baayyee na gaddisiise,'' jedhan.

Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa

Madda suuraa, Grand Ethiopian Renaissance Dam

Ibsa waa'ee suuraa, Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa waggaa 14 fudhate, birriin biiliyoona 233 itti ba'uutu himame

Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa wayita dhagaan bu'uuraa kaa'amurraa eegalee dhiibbaan siyaasaa daangaa darbe mudateera.

Pirojekticha ijaarsisuu qofa osoo hin taane ijaaruun sirrii ta'uusaa amansiisuun mataansaa hojii guddaa ture.

Injinar Simmanyoon akka hoji gaggeessaa pirojektichaa qofatti osoo hin taane akka dubbi himaa fi qabsaawaa pirojektichaatti hojjetaa turan.

Pirojektiin kun utubaa misoomaa akka ta'e, hunda akka fayyaduu fi gurmuu lammiilee Itoophiyaa qofaan kan ijaaramu ta'uusaa Gubaa irraa addunyaaf ibsaa kan turan Injinar Simmanyoodha.

Hidhi haaromsaa ijaarsi isaa erga eegalamee booda harkifateera jedhamuun komiin irratti heddummaatus, Injinar Simmanyoon ijaarsa pirojektichaa wayita dhagaan bu'uuraa kaa'amerraa kaasanii dhibbeentaa 60 ol irraan ga'uunsaanii ibsameera.

Boqochuu Injinar Simmanyoo booda hoogganaa pirojektichaa kan ta'an Injinar Kiflee Horroo itti gaafatamummaa kana erga fudhatanii waggaa tokko booda sadarkaa pirojektichi irra ga'e BBC'f ibsanii turan.

''Hojiin siivilii dhibbeentaa 84, hojiin elektiroo makaanikaalaa dhibbeentaa 28, walumaagalatti ijaarsi pirojektichaa dhibbeentaa 68 qaqqabeera,'' jedhan.

Injinar Simmayoo Baqqalaa iddoo Hidhi Haaromsaa jiru Gubaa irraa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Injinar Simmayoo Baqqalaa iddoo Hidhi Haaromsaa jiru Gubaa irraa

Injinar Simmanyoo Baqqalaa pirojektoota humna ibsaa biyyattii hedduu hooggananiiru, Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa qofa miti.

Pirojektii humna ibsaa Gibee tokkoffaa fi Gibee lammaffaa hoogganuun ijaarsisaniiru.

Hoogganaa pirojektii humna ibsaa Afrikaa keessatti isa guddaa ta'ee kan turan Injinar Simmanyoo Baqqalaa, Gondar magaalaa xiqqoo Maaksanyit jedhamtu keessatti dhalatan.

Barnootasaanii sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa Infiraanzi, Dassee fi Waldiyaatti baratan.

Isa booda Abbaa Taayitaa Humna Ibsaa Itoophiyaatti Giddugala Leenjii Humna Ibsaa Kotobee seenuun barnoota elektirikiin dippiloomaan eebbifaman.

Ittaansuun Yuuniversitii Finfinnee mana barumsaa Teeknooloojiitti barnoota Siivil Injineriingiin digirii fudhatan.

Biyya keessaa fi biyyoota alaa adda addaattis leenjii oppireeshinii fi pirojektii humna ibsaa irratti fudhataniiru.

Erga hojiitti seenaniis barsiisummaan tajaajiluurraa eegalanii hanga pirojektoota humna ibsaa biyyattii keessatti gurguddoo ta'an hoogganuutti tajaajilaniiru.

Qalbii uummataa keessa kan seenan akkasumas xiyyeeffannaa kan argatan garuu erga Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa hoogganuu eegalaniiti.

Du'a Injinar Simmanyoo fi gaaffilee deebii hin argatin hafan

Injinar Simmanyoo Baqqalaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa waggaa torbaaf erga hooggananii booda ture waqtii gannaa ji'a Adoolessaa keessa boqochuunsaanii kan dhagahame.

ALI Adoolessa 19, 2010 ganamaan konkolaataasaanii Land Cruser V8 adda babayii guddicha magaalaa Finfinnee keessatti argamu keessa dhaabbachaa turte keessatti reenfisaanii argame.

Oduun sun namoota hedduu rifaasise, gadda gudda uume, baayyeen dheekkamaniiru.

Injinar Simmanyoon hidha haaromsaa akka agartuu isaaniitti ilaalaniin akkamiin akka adda ba'an hanga guyyaa har'aa hibboo hin hiikamne ta'ee jira.

Yeroo sana poolisiin Injinar Simmanyoon lubbuusaanii balleessuu ibsee ture.

Yoo ta'es maaliif of ajjeesan? gaaffii jedhu garuu hanga ammaa qaamni deebise hin jiru.

Du'a Injinar Simmanyoo booda magaalaa Finfinnee fi kutaalee biyyattii adda addaatti mormiin dhagahamee ture.

Abbaa ijoollee dhiiraa lamaa fi dubara tokkoo kan turan Injinar Simmanyoo Baqqalaa, yeroo sirni awwaalchaa isaanii raawwatu ijoolleensaanii haqa abbaasaanii gaafachaa turan.

Erga yeroo sanaatii garuu maatiisaaniis ta'e namoonni isaan beekan waa'ee du'a isaanii irratti callisuu filataniiru.

Du'i Injinar Simmanyoo Baqaalaa kan dhagame erga MM Abiy Ahmad pirojektichi akkaataa itti deemaa tureen waggaa kudhan keessatti hin xumuramu jechuunsaanii miidiyaa hawaasummaarratti bal'inaan qoodameeti.

Oduu kana hordofee adeemsa ijaarsa pirojektichaa gaafachuuf BBCn Injinar Simmanyoof bilbilee ture.

Injinar Simmanyoonis du'uusaanii guyyaa tokko dura yaada kana BBCf kennanii turan.

''Waan jedhame an hin dhageenye. Qindoomina uumaatii karaa Biiroo Kominikeeshinii na quunnamaa. Yoos deebii sirrii ta'e isiniif nan kenna.''

''Hidhi kun pirojektii keetis. Ibsa kennuuf qophiidha. Adeemsa eeguun ammoo gaariidha. Pirojektichi ammoo ijaaramaa jira,'' jedhan.