Gaaffiin mootummaa ce'umsa waloo ABO fi KFO dhiheessan eessa gahe?

Torbee muraasaan dura paartileen siyaasaa Kongiransiin Federaalawaa Oromoo (KFO) fi Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n marii guyyoota lamaaf Abbootii Gadaa, jaarsolii biyyaa fi dhaabbilee sivikii waliin taa'aniin booda ibsa ejjennoo yaadawwan jajabaa hammatan baasuun isaanii ni yaadatama.

Ibsa ejjennoo kana irrattis rakkoo amma Oromiyaa keessatti deemaa jiru ijibbaata itti godhuuf 'Mootummaa Ce'umsa Waloo' hundeessuun akka barbaachisuu fi qabsoo hidhannootti kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoos kanatti qooda akka fudhatu kan akeeku ture.

Dura taa'aan KFO Piroofeesara Mararaa Guddinaa marii guyyoota lamaa sanaan booda ijoo marii isaanii fi yaadota furmaataa akeekaman kana mootummaatti dhiheessuun adeemsichi akka itti fufu dubbatanii ture.

Tibbuma sana ammoo Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa dhimmi mootummaa ce'umsa waloo fi yaada furmaataa jedhamee KFO fI ABOn dhihaate waan fudhatama hin qabnedha jechuun VOAtti dubbatanii ture.

Eegasii gama mootummaatiin dhimma kanarratti wanti jedhame hin jiru. Marii guyyoota lamaaf Hoteela Ililliitti taa'amee ture sanarratti kan hirmaatanii fi hogganaan kominikeeshinii dhaaba KFO Obbo Sulxaan Qaasiim dhimma kanarratti addatti BBCtti dubbataniiru.

Ka'umsa yaada marii waloo paartilee lamaanii fi qaamolee hawaasa adda addaa hammatee gaggeefame kuni hoggantootuma dhaaba isaanitiin akka itti himamee fi baasiin kora kanatti bahes maddisaa eenyurraa akka ta'e quba akka hin qabne himu.

"Hawaasni marii sanarratti hirmaate cuunfaa marii fi yaada furmaataa keenye kana uummata biraan gahaa irratti mari'adhaa jedhe. Kanaaf dhaabni lamaanuu yaada kana galmaan gahuuf sochiitti jiru" jedhan.

Haa ta'uutii malee mariin sun erga taasifamee torbeewwan muraasni darbus cuunfaan marii sanaa fi dhimmi yaada furmaataa jedhamee dhihaate hanga ammaatti mootummaatti dhiheessanii akka hin haasa'amne dubbatu.

"Ibsa tibba sana karaa biiroo kominikeeshiniin jedhame dhageenyeerra. Kun waanuma eegamu. Isaan ejjennoo akkasii qabachuu malu. Nutis gaaffii sabaa gaafachuu, adeemsa kennanii fudhachuu jedhuun ittifufnee kan deemnu taha" jedhan.

Hanga ammaatti yaadichi mootummaaf dhihaachuu baatus fuuladuratti akkuma biiroon komikeeshinii jedhe yaada furmaataa keenye kuni yoo fudhatame tarkaanfii itti aanu dhaabni lamaan waloon kan murteeffatan ta'a jechuunis dubbatan.

"Rakkoon biyya keenyaa waan torbanootatti furmaata argatu miti. Rakkoo walxaxaatu jira. Kanaaf torbeewan keessatti furmaata argachuu qaba jennee waan jarjarruuf hin jiru. Yeroo fudhate fudhatee rakkoon Oromiyaa keessaa furmaata siyaasaa argachuu qaba jennee yaanna," jedhu.

Tattaaffiin amma dhaabonni siyaasaa lamaan taasisaa jiranis rakkoo Oromiyaa keessaa kana furuuf carraa harka 100 qabna jechuu osoo hin taane carraa xiqqoon harka 10 taatulleen yoo jiraatte yaaluu qabna ejjennoo jedhu qabna jedhu Obbo Sulxaan.

Gama Biraatiin Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa itti aanuuf yeroo waggaa tokko ta'utu hafee jira. mariin amma dhaabonni siyaasaa Oromoo taasisan kun filannoo asdeemaa jiru kanaafuu haala mijataa uumuuf kan gargaaru akka ta'e himu.

"Filannoo haqa qabeessa gaggeessuudhaaf jaarmiyaaleen dimokiraasii bu'uura ta'an rifoormii taasifamuu qabu kan jedhu ijoo marii keenyaa ture. Filannoo dhufu Kanaan dura mariidhan furmaata argachuu qaba jennee kan yaannu kana," jedhan.

Filannoo darbe irratti KFO fi ABOn akka filannoo irratti hin hirmaanne danqaa kan ture waltajjiin siyaasaa dhiphatee, hoggantoonni hidhamanii, biiroon keenya cufamee dhaabota harkii fi milli hidhameetti kan filannoo keessaa akka hafnu taane jedhan.

"Ammalleen filannoon haqa qabeessi akka gaggeefamu kan barbaadamu yoo ta'e rakkooleen nuti eerre kuni mariin furamuu qabu. kuni ittigaafatmni guddaan kan mootummaati. Gaaffii keenyaa fi gaaffii sabaa kanaaf deebii kennuu qaba," jedhan.

Gaaffiilee fi yaadotni furmaataa marii waliinii ABO fI KFO qooda fudhattoota adda addaa hirmaachisuun dhihaate kuni gama mootummaatiin fudhatamee carraan mariin rakkoo furuu yoo hin jiraanne garuu carraan filannoo haqa qabeessa gaggeefamuus gaaffii keessa akka galu akeekan Obbo Sulxaan.