Namni haadhaafi ijoollee afur waraanee ajjeese hidhaa umrii guutuun adabame

Maatii Wiikraamaasiingeen yeroo guyyaa dhalootaa kabajan

Madda suuraa, AAPC Lawyers

Haadhaafi ijoollee afur dabalatee Kaanaadaa Attoowaatti dargaggoon namoota ja'a ajjeese hidhaa umrii guutuun adabame.

Faabriyoo Dii Zooysaa nama ganna 20 yoo tahu maatii wajjin jiraatu waraanee ajjeese.

Daarshaanii Ekaanaayaakee nama ganna 35 yoo taatu ijoolleeshee afur, Inukaa, kan ganna torbaa, Ashwiinii kan ganna afurii, Raanaayaa kan ganna sadii akkasumas daa'ima baatii lamaa Keelii wajjin ajjeefamte.

Namni maatii kanaaaf ollaa tahan namni ganna 40 Gaamiinii Amaaraakoonillee akkasuma ajjeefamaniiru.

Kamisa darbe daanyaa Keeviin Fiilips yeroo murtoo kennan 'ati gochaa nama ''sururu'' gochaa ''bulguu'' raawwatte, ''gaddaafi eela guddaaf'' sababa taateetta ittiin jedhan.

Qabiyyeen armaan gaditti dubbistan miira isin jeequu mala.

Dii Zooysaa hamma waggaa 25tti mana murtii dhiifama gaafachuu hin danda'u.

Barataan Sirii Laankaa yeroo gochaa kana raawwate kutaa jalaa(basement) maatii Wikraamaasiingee faa jiraata ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaa raawwate kana kantiibaan magaalaa Atoowaa seenaa magaalattii keessatti taatee ''akkaan rifaasisaa dha,'' jedhan.

Dii Zooysaan Kamisa yeroo dhaddachaatti dhiyaatu yeroo qorannoo yakkaa waan jechaa ture maatiin kun isaaf ''gaarii'' akka turan garuu yeroo gochaa kana raawwate ''nagaa'' akka hin turre hime.

Abukaatoon isaa Iwaan Liitil gochaa De Zoysaa yakka ''sammuun namaa yaaduun ol raawwate garuu yeroo sana dhibee sammuun rakkachaa ture,'' jedhan.

Akka miidiyaaleen Kaanaadaa gabaasanitti Dii-Zooysaan yeroo dhaddachatti dhiyaatu miira tokkoyyuu agarsiisaa hin turre.

Daanyaa Fiilips waan jedhu yoo qabaate yakkamaa kana yoo gaafatan, dhiifama gaafate.

''Balleessaa dalage amanuun jireenya koo hafe dabarsa,'' jedhe.

Namoonni ajjeefaman daa'ima Kaandaatti dhalatteen ala hunduu Sirii Laankaa irraa waggoota muraasaan dura Atoowaa galan.

Dii Zooysaan qorattootatti yakka kana gaafa Bitootessa 6,2024 raawwachuu himuun qarshii qabu akka fixeefi viizaan barataa isaa yoo dhumu gara Shirii Laankaatti deebi'uu akka hin barbaanne hime.

Albee adamoo seentimeetira 38 dheeratu ajjeesuuf itti fayyadame baatii tokko dura kan bite yoo tahu of ajjeesuuf jedhee akka bite dhaddachatti himeera.

Dii Zooysaan namni jalqaba ajjeese ollaa Amaaraakoon jedhamu fiilmii daawwadhu jedhee kutaasaatti erga waameen booda dha.

Ikaanaayaakee sagalee iyyaa Amaaraakoon dhagahuun abbaa warraashee waamtee boodarra Dii Zoooysaaf bilbillaan, fiilmii otoo ilaalanii akka iyye itti himuun sobe.

Boodarra Dii- Zooysaan kutaasaatii bahee ol adeemuun Ikaanaayaakeefi ijoolleeshee afur waraanee ajjeese.

Sa'aatii muraasa booda abbaan manaa Wiikraamaasiingeen manatti gaafa deebi'u isaatiinis haleeluu jalqabe garuu irraa hafe.

Wiikraamaasiingeen maatiin koo ajjeefame jedhee yoo iyyu dhagahuun ollaan poolisii waaman.

Poolisiin yeroo achi gahu Dii-Zooysaan balbala maatii kanaarra taa'ee, ''biyya kanaa arii'amuufan ture. Filannoo tokkoyyuu hin qabu. Hundasaanii ajjeeseera,'' jechuun poolisii isa qabetti hime.

Mucaan isaanii isheen ganna sadii ''yeroo hunda isaatiin gaafatti,'' jechuun intalli ollaa dhaddachatti himti, kana booda waan tokkoyyu akka durii hin tahu.''

Wiikraamaasiingeen, ''addunyaa koo hunda balleesse, gaabbii gochaasaa kana keessaa yoomiyyuu hin bayyanatu,'' jedhan.

Maatiisaa gara Kaanaadaa kan fide jireenya fooyya'aa argachuu akka tahe miidiyaa CBCtti himeera.

''Maaloo nagaa biyya kanaa hin booressinaa. Haa eegnuun, haa kabajnu.''