Gabaa gurraacha viizaa Shangan biyyoota Awurooppaa nama galchuu

Madda suuraa, Getty Images
Shangan viizaan gosa viizaa dhiheenya kana lammiilee Itoophiyaa irratti dhorkaan bahee yoo ta’u, tokkicha yoo argatame biyyoota Awurooppaa hunda ittiin seenamu danda’amudha.
Haata’u malee, viizaa kana aragchuurratti rakkoon waan jiruuf gabaan gurraachi daran cimuutu himama.
Yaazan akkuma imaltoota gara Awurooppaa biraatti, walgahii maatii yeroo dheeraatiif viizaa Xaaliyaan eeggataa ture.
Garuu lammii Sooriyaa umuriin waggaa 20 fi Landaniitti barataa jiru kunis, garuu Gara Awurooppaa deemuuf beellama viizaa argachu hin dandeenye.
Halkan osoo hin hafne marsariitii viizaaf beellamni itti qabamu ilaalaa ture. ''Baatii lama guutuun yaale. Haalkanis sa'aatii sagaliifi kudhaniitti ka'es yaalaan ture, garuu naaf hin milkoofne'' jechuun BBCtti hime.
Dhumarrattis abdii kutate. Kanaafuu maatiisaa karaa viidiyoon qofa dubbisuu danda'e.
Beelama viizaa eegaa kan jirus Yaazaan qofaa miti. Namoota viizaa Shangan argachuuf hin dandeenye biyyoota garaagaraa irraa BBCn dubbiseera.
Malawwan gorsaa
Namoonni tokko tokkos gorsa barbaacha gara gareewwan miidiyaalee hawaasa kan akka Facebook, Telegraamii fi kaaniitti naanna'an.
Kanneen gorsa 'kanfaltiidhaan' kennan jiru. Kana keessattis beellamni viizaa gabaa guraachaa ho'eera. Saffiisaan beellama argachuuf ykn bakka (slots) beelamaa galmeessuufidha gabaan gurraachi kan eegalame.
Daldalli gabaa gurraacha bakka beellamaa fi sooftiweeriin beellamaa saffisaan qabachuuf godhamu, rakkoo imaltoonni biyyoota Naannoo Shangan 29’f viizaa argachuuf godhan irratti guddachaa kan jiru fakkaata.
Viizaan Shangan lammiilee Gamtaa Awurooppaa (EU) hin taane biyyoota kana keessaa tokko ykn isaa ol daawwataniif yeroo guyyoota 180 kamiyyuu keessatti hanga guyyoota 90tti hayyama seensaa kan kennuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo Covid'n booda
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo weerara Covid-19n booda, amma imalli addunyaa gara duraasaatti deebii'aa jira.
Bara 2023tti Gamtaan Awurooppaa viizaa Shangan miiliyoona 10 kenneera. Bara 2022tti kan kenname miiliyoona 7.3 ture.
Turizimiin Dhabbata Biyya Gamtoomanii akka jedhuutti, baatiiwwan sadan jalqaba bara 2024tti, turistoonni miiliyoona 285 addunyaarra imalaniiru. Waqxii walfakkaataa bara 2023 kan ture %20n caala.
Iyyanniiwwan gaaffiilee viisaa Shangan, akka keessummeessaniif dhaabbilee biraa bakka EU bu'uun akka hojjataniif itti gaafatamummaa kennan. Dhaabbileen kunneenis sanadoota iyyataa sassaabuuf beelama qabu,akkasumas barruu qubaas ni fudhu.
Dhaabbilee hojii kana hojjechiisan lama; TLSContact fi VFS Global yeroo dubbifneetti, bakki beellama marsariitii isaanii irratti gadhiifamu qoonsilaa biyyoota bakka bu’anii jiraniin kan murtaa’uu fi kan to’atamu ta’uu himan.
Dubbi himaan Komishinii Gamtaa Awurooppaa Kiristaan Wiigaandi BBC'tti akka himanitti, uggura imala Covid biyyoonni miseensaa tokko tokko lakkoofsa hojjettoota hir'isuu fi waliigaltee dhaabbilee alaa waliin qaban akka haqan dirqisiiseera. Kunis fedhii dabalaa dhufe kana keessummeesuu akka hin dandeenye isaan taasiseera jedhan.
Akkasumas komishiniin Gamtaa Awurooppaa yeroo beellamaa dheeratu gabaabsuuf tarkaanfii fudhachaa akka jiru dubbata. Kunis daballii kaffaltii viizaa dhiheenya taasifame Yuuroo 10 fayyadamuun hojjettoota dabalataa iyyannoo akka keessuummeessan mindeessuuf akka fayyadaman kaasan.

Madda suuraa, Getty Images
Gabaa viizaa
Imaltoonni biyya Naannoo Shangan itti seenan, ykn yoo biyyoota Shangan hedduu daawwachaa jiraatan, iyyata viizaa isaanii gara biyya imala isaanii yeroo dheeraa itti dabarsanitti dhiyeessu qabu.
Qoonstilaawwan biyyoota tokko tokkoo kanneen biroo caalaa garmalee barbaadamusaanii irraa kan ka’e, imaltoonni hedduun mala "viizaa bitachuu" jedhanii ibsan fayyadamuun viizaa argachuuf baasii olaanaa baasu.
Itti aanaan pirezidaantii Federeeshinii Ejentoota Imala Hindii, Aniil Kaalsii, “Namoonni biyya beellamni viizaa yeroon itti kennamu kamiyyuu filachuuf dirqamu.
Imaltoonni tokko tokko seera Gamtaa Awurooppaa eeguuf jecha, bakka itti imalan maddiitti biyya biraa beellama viizaa caalaa qabu, daawwachuuf maallaqa dabalataa baasuu filachaa jiru.
Dubbii himaan Komishinii Gamtaa Awuurooppaa, Kirisitiyaan Wiingaandi, malli kun yeroo baayyee hanqina muudamaaf deebii ta'us, karaan kunis turtii beelama viizaa dabalataa akka dabalamuuf sababa ta'uu dubbatan.
Imbaasiin Faransaay Landaniitti argamu dhimma beelama viizaa dheeraa ilaalchisuun, bara darbe gaaffii dhiyaateef, dhiyeessitiin dandeettii dabaluun bittaa viizaa akka jajabeessuBBCtti himan.
Haata'u malee, ammoo adeemsi viizaa argachuu kunis namoota baayyeef qaaliifi yeroo dheeraa kan fudhatudha. Kunis daldaltoota gabaa gurraachaatiif daandii baneera.
Daldaltoonnis imaltoonni gara biyya filatan deemuuf beelama viizaa gabaabaa akka argataniif waadaa seenu.
Beelama onlaayinii gabaa gurraachaa
Lammii Masrii kan Landan jiraattu Nirvaanaan, cidha hiriyyaasheetii irratti Xaaliyaaniitti akka argamtuuf yeroon beellama viizaa argachuuf gabaa gurraacha irratti paawundii 100 (gara doolaara130) kaffalteetti.
“Firooniifi hiriyyoonni misirroo hedduun isaanii yeroon beellama viizaa argachuu waan hin dandeenyeef cidha kanarraa hafe,” jetti dubartiin ganna 37 kun.
Isheenis waltajjii hiriyyaan ishee gorse kan maamiltoota kaffaltii kaffalaniif beellama qabachuuf “bots” (karaa roobootiin saffiisaan beelama qabachu) fayyadamte.

''Bot' -jecha gabaabaa robotii- sagantaa kompitaraa sochii namaa fakkeessuu garuu saffisaa baay’ee ol’aanaa ta’eedha. Bakka bu'oonni (agents) gabaa gurraachas beellama akkuma gadhiifaman hordofuu fi baay’inaan galmeessuuf itti fayyadamu.
Ji'oota sadiif Landanitti konsartiidhaaf gara Nezerlaanditti imaluuf beellama argachuuf erga yaaltee booda, Siireene 'bot' kan akkuma beellamni marsariitii VFS Global irratti argameen isheef beeksisa erga jedhamee buufachuuf £30 kaffalte.
Lammiin Libaanos kan umuriin ganna 26 tun daataa dhuunfaashee bakka bu'aa gabaa gurraachaaf qooduurra filannoo gaarii ta'a jettee abdatte.
Chaanaalliin Telegiraamii tajaajila walfakkaatu kana kennu tokkos, maamiltoonni guyyaa tokkoo hanga sadii keessatti beellama akka argatan waadaa seena.
Haata'u malee ammoo namoonni kumaatamaan lakkaa’aman gara biroos beeksisa walfakkaatu argachuuf kaffaltii kaffaluu kan amantu Siireene, 'bot' kunis gargaaruu hin dandeenye. Yeroo isheen deebii kennitu hunda beellamni sun durse qabameera.
''Adeemsi kun baayyee cimaa waan tureef, dhumarrattis harka kennadheera,'' jetti. Siireeneen waggaan oliin dura tikkeettii ishee bitattuus amma konsartii kana irraa hafuu isheetiin hojii gadhiisteetti.
Qoonstilaa fi dhaabbileen viizaa teeknooloojiitti fayyadamuun “waliin dhahuu beellama” dhaabsiisuuf yaalaa jiru.
TLScontact ammoo BBCtti akka himeetti, jecha furtuu (password) yeroo tokko qofaa faayidaarra oolu kennuun, daldaltoota gabaa gurraachaatti haala cimsuuf yaalaa jiraachuu BBC'tti hime.
VFS Global akkasumagalme beellama bots ''baayyee cimaa'' ta'e fayyadamuun innis tarkaanfii walfakkaatu fudhachu beeksiiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Gabaa gurraachi attamiin hojjata?
Ahimad (maqaan isaa dhugaa kan hin taane) abbaa qabeenyaan dhaabbata imala gabaa gurraacha akka hin hojjenne dubbachuun, garuu akkaataa itti hojjetu beeka jedhan.
Daldaltoonni gabaa gurraacha tokko tokko, fi abbootiin qabeenyaa dhaabbilee imalaa maamiltootaaf beellama barbaadanii, hojjettoota ejensii tajaajila viizaa waliin hariiroo uumuudhaan kana akka raawwatan hima. Hojjettoonni kunneen yeroo baayyee sa'aatii fi guyyaa beellamni itti gadhiifamu sirriisaa ifa godhu jedha.
“Waliigaltee qaamolee lamaan gidduu jiru irratti hundaa’uun, dhaabbileen imalaa ykn daldaltoonni gabaa gurraachaatiis itti gadhiifamuuf eegamun dura yeroo gabaabaaf qaawwa dhuunfaa gadhiifamuu irraa fayyadamoo ta’uu danda’u,” jedha Ahimad.
BBC'n erga maddeen garaa garaa kanneen dhimma beellama viizaa gabaa gurraachaa irratti beekumsa qaban irraa himannaa walfakkaataa dhaga'ee booda, dhaabbilee tajaajila viizaa mootummoota bakka bu'uun socho'an irraa yaada argachuuf qunnameera.
TLScontact himannaan kunneen soba jechuun, innis “hojjattoota gabaa gurraacha ofii isaaniif amanamummaa uumuuf yaalan irraa kan maddu ta’uu hin oolu” jedheera.
Dhaabbatichi itti dabaluudhaan: “Dhaabbata keenya keessatti hojjettoota olaanoo baayʼee muraasa qofatu gabatee iccitii keenyaa argachuu dandaʼa. Gochi isaaniis sirna IT keenyaa fi kutaalee viizaa biyyoota nuti bakka buunuutiin itti dhiyeenyaan hordofama,” jedhe.
VFS Global'tti itti gaafatamaan Baha Jidduugalaa fi Kaaba Afriikaa, Ariipireesaad Viisiwaanaataan, dhaabbatichi “waa’ee gocha badaa akkasii kamiyyuu odeeffannoo hin qabu, garuu dhimmicha ni qorata.” jechuun deebii kennan.
VFS Global akka jedhutti “foddaan galmee dhuunfaa” akka hin jirree fi “bakki galmee beellamaa yeroo tokkotti nama hundatti ifatti ni mul'ata,” jedha.
Komishiniin Gamtaa Awurooppaas hojii viizaa kana hordofuu keessatti gahee kan qabu yoo ta’u, Mr Wiigaandiin dhiyeessitoonni tajaajilta alaa dirqama waliigaltee isaanii akka ba’anii fi seera fi tumaawwan koodii viizaa Gamtaa Awurooppaa akka hordofan gochuun itti gaafatamummaa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaati jedhu.












