Biyyoota gaggeessitoota isaanii mana murtii dhaabuun adabsiisan beektuu?
Pirezidaantin duraanii Ameerikaa Doonald Tiraamp dhiyeenya kana himatamuun isaa mata duree-dubbii turan.
Innis seenaa pirezidaantummaa US keessatti pirezidaantii jalqabaa yakkaan himatameedha.
Biyyoota birootti hoo haalli akkanaa kun ta'ee beekaa? Mee biyyoota muraasa gaggeessitoonni biyyasaanii itti mana murtii dhaabatan haa ilaallu.

Madda suuraa, Reuters
Xaanilyaanii: Silviyoo Barleskoonii
Silviyoo Barleskoonin gaggeessaa Xaaliyaanii si'a heddu filatamuun gaggeessedha.
Yeroo amma fayyaa dhaanii ciisaniijiru. Barleskoonin yeroo heddu bashannanuu kan jaalatu yoo ta'u michuu pirezidaantii duraanii Liibiyaa Mohamad Gadaafii ture.
Bara 2013 Barleskoonin shamarree umuriin hin geenye wajjin ciise jedhamuun himatame.
Barleskooninn sagantaa addaa addaa qophaa'urratti shamarran akka affeeraman gochuun wajjin ciisa jedhamuun hamatama.
Himata kanarraa bara 2015'tti bilisa jedhame. Bara 2012'tti ammoo gibira waliin dhahe jedhamuun himatee ture.
Himata kanaan hidhaa itti murteessurra hojii tola ooltummaatin akka bakka bu'uuf murtaa'ef.
Sana booda ammoo bilbila morkata isaa dhoksaan waraabsisuun icciitin isaa akka gaazexaadhaan bahu godheera jedhamuun adabbiin waggaa tokkoo itti murtaa'e.
Barleskoonin kilaba kubbaa miilaa dabalatee abbaa qabeenyaa gaazexaawwan hedduuti.
Hidhaa waggaa tokkoo itti murtaa'ee ture sana umuriin dulloomera jechuun osoo hin hidhamiin hafe.

Madda suuraa, Reuters
Biraazil: Luulaa Daasilvaa
Luulaa Daasilvaa Pirezidaantii Biraazili turan. Duraanis pirezidaantii ture; garuu malaammaltumman himatamee hidhaan itti murtaa'ee mana hidhaatti dabarse.
Luulaan mana hidhaatii bahee deebi'ee dorgomuun pirezidaantii ta'ee jira.
Luulan dhaabata ijaarsaa tokkorra matta'aa fudhateera jechuun himatamee hidhaan itti murtaa'e.
Kanarraa ka'uum guyyoota 580 mana hidhaatti dabarse. "Lubbuun osoon jiruu na awwaaluu yaalanii ture, garuu ka'eera," jechuun dubbatee ture Luulan.

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaa Kibbaa: Paark Yoon Hee
Paark dubartii yeroo jalqabaaf pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa taatedha.
Pirezidaantii biyyattii yeroo jalqabaaf karaa dimokiraatawaa ta'en aangoo qabattee tunis, booda malaamaltummaan himatamuun angorra hari'amte.
Kanarraa ka'uun bara 2017'tti himanni irratti baname.
Aangoo isheetti fayyadamuun abbootii qabeenyaa wajjin waliigaluun qabaeenyaa uummataa saamtetti kan jedhu ture himanni isheerratti dhiyaate.
Paark waggoota heddu mana hidhaatti erga dabarsitee booda bara 2021 dhiifamni godhameefii mana hidhaatii bate.
Faransaayi: Nikoolas Sarkoozii

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaanti duraanii Faransaayi Nikoolas Sarkoozin biyattiitti pirezidaantii jalqabaa himatamuun hidhaanitti murtaa'edha.
Abbaa alangaa matta'aadhaan sossobuu barbadera jechuun bara 2021tti himatamee ture.
Murteen sun garuu hanga ammaa hijiirra hin oolin jira. Hidhaan waggaa lamaa itti murtaa'us oliyannoo gaafachuun dhimmici ammayyuu mana murtii jira.
Isa dura pirezidaantii Faransaayi kan ture Zhaak Shiraakis bara 2011 himanni irratti dhiyaatee hidhaan waggaa lama itti murtaa'us dhiifamaan bira darbameef.
Afrikaa Kibbaa: Jaakob Zuumaa

Madda suuraa, AFP
Pirezidaantin duraanii Afrikaa Kibbaas himmanni irratti dhiyaatee mana murtii dhaabachuurra hin oolle.
Jaakob Zuuman kan ittiin himatame malaammaltummaa yoo ta'u mana murtiitti akka dhiyaatu gaafatamus hin dhiyaatin hafuu isaatin hidhaan waggaaf ji'a sadii itti murtaa'e.
Zuuman poolisiitti harka kennachuu dura hokkara uumameen namoonni 300 ol du'anii turan.
Israa'el: Ihuud Olmaart
Ministeerri Muummee duraanii Israa'el hidhaan waggaa lamaafi ji'a sadii itt murtaa'ee ture.
Angawaan duraanii kun bara 2017tti yeroo adabbii isaa xumuree mana hidhaatii bahe.
Hidhaan kan itti murtaa'e amoo himani waliin dhahuu irratti dhiyaateti.
Sana booda Ihuud Olmaart siyaasa keessaa soorama bahus yeroo tokko Beeniyaamin Netanaahoo maqaa balleessiteetta jechuun himatamee ture.












