‘Ishee yoomu dagachuu hin danda’u’- loltooti Miyanmaar siviilii ajjeessuu amanan

Looltoonni waraanaa Miyaanmaar keessaa lammilee nagaarratti darara, guddeedii fi ajjeechaa raawwachu saanii gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin amanan.
Loltoonni kunneenis yakkoota sarbama mirga namoomaa akka raawwataniif ajajamu isaanii yeroo jalqabaatiif ifatti kan himan.
Akeekkachiisa: Odeessi kun dhimmoota miidhaa saalaa fi dararaa ibsan of keessatti qabata.
“Akkan namoota nagaa saamuu, dararuu fi ajjeesuuf na ajajan,” jedha loltuu Ma’uung Oo. Innis humna waraanaa keessatti akka eegduutti akka qacarame itti fakkaatee ture.
Haata'u amlee, gartuu loltootaa kanneen Caamsaa 2022 keessa lammilee nagaa mana amanataa keessa dhokatanii turan ajjeesan keessaa tokko ture.
“Dhiiroota hunda marsuun akka itti dhukaasne ajjeesnuuf ajajamne,” jedha.
“Kan baayyee nama gaddisiisuu ammoo maanguddootaa fi dubartii ajjeessuu nurra ture.”
Korporaalii tokko dabalatee, loltoonni jaha, namoota miidhaan irra gahee muraasa dabalatee, humni waraanaa aangoorra turuuf wanta raawwatame ibsan.
Maqaan namoota asi keessatti seenaa isaanii nuuf qoodanii hundi nageenya isaaniif jecha geeddaramera.
Loltoonni dhiyeenya humna waraanicha gananii baqatan, amma gartuu milishaa sivilii biyyattii, dimokraasii deebisuuf lolan Humna Ittisa Ummata (PDF) jedhamu biratti koolii galanii jiru.
Humni waraanaa aangoo kan qabate mootummaa Aan San Suu Kii bara darbe fonqolchuunidha. Amma ammo warraaqsa siviloota hidhatanii barbadeessuuf yaala jira.
Bara darbe Mudde 20 irratti, hilikooptarooti sadii ganda Yee Miyeet keessatti, looltoota akka dhukaasa bananiif ajaja qaban buusani.
Namootni BBC’n dubbise loltoonni kunneen gartuu adda addaa sadiin seenanii, osoo hin filataniin dhiirota, dubartootaa fi daa’immanitti dhukaasuu eegalanii jedhu.
“Ajaji kenname wanta gartu hundatti dhukaasii kan jedhudha,” jedha Korporaal Aang.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni tokko tokko bakka nagaadha jedhanii yaadan keessa dhokatanii, yeroo loltoonni dhiyaatan garuu “fiiguu jalqaban, nutis itti dhukaasne,” jedha.
Korporaal Aang gartuun isaa namoota shan ajjeesanii awwaluu isaa amaneera.
“Dabalataanis gandicha keessa mana guddaa fi fooyya’aa ta’etti ibidda akka qabsiisnuuf ajajamneerra,” jedha.
Korporal Aang ofii isaan manneen afuritti ibidda qabsiiseera. Namootni BBCn dubbise manneen 650 ta’an akka gubaman, gandichi harka caalaa daaraa ta’e himaniiru.
Jiraattonni gandichaa hedduun isaani baqatanis, hunda miti. Manni qixxalamaan gandichaa jiru namni hin jiru ture.
Tiihan manicha keessatti waan uumame sirritti yaadata.
Mucaan durbaa tokko foddaa sibiilaa mana isaan gubuuf deeman keessa jiru duubattti danqamtee argani.
“Iyya ishee hin dagadhu, ammayyuu gurrakoo keessatti nan dhaga’aa, lapheekoo keessattis na yaadadhaani,” jedha.
Yeroo inni ajajaa (kappiteena) isaatti himu “nama agarru hunda akka ajjeestu sitti himeera” jedhee deebiseefi. Kanaf Tiihaan kutaa isheen jirtutti ibidda dhukase.
Korporaal Aangis achi ture, yeroo jiraan gubattutti iyyashee dhaga’eera.
“Sana dhaga’uun laphee nama cabsa. Yeroo manichi gubatu sagalee ishee irra daddeebiin gara daqiiqa 15f dhageenyeerra,“ jechuun yaadata
Intalli kun ijoolle dubaraa harka loltoota kanaatti miidhaman keessaa tokkodha.
Tihaan humna waraanaatti kan makame maallaqaaf jedhe akka ture himuun, garuu wantoota akka raawwatuuf dirqisiifamee fi hammeenya argeen ba’uu isaa hima.
Yee Miyeet keessatti ijoollee dubaraa to’annoo jala oolchanii, ajajaan isaanii shamarran kunnen loltoota gadiitti kennuun, “waan feetan godhaani” jechuu isaa niyaadata. Sana booda shamarran kunneen ni gudeedaman garuu inni akka sanaratti hin hirmaanne hima.
Shamarran kunneen keessa BBC’n lamaan isaan argateera.
Pa Paa fi Kiin Hawee ganda Yee Miyeet kan deeman uffata hodhisiisuuf akka ture himu. Yeroos daandii irratti utuu baqachuuf yaalani loltoota kunneeniin qabamuu himu.
Looltota PDF ykn jiraattota gandichaallee ta’uu baatanis, shamarran kunneen guyyaa sadiif mana barnoota gandichaa keessatti hidhamani. Galgala hunda, irra daddeebiin loltoota machaa’aniin haleellaa saalaa akka irra ga’e himu.
“Ijakoo uffataan haguugani lafatti gadi na dhiibanii, uffatakoo narraa baasanii na gudeedani,” jetti Pa Paan. “ Yeroo isaan na gudeedanitti nan iyyee.”
Looltooti kun akka dhiisaniiniif kadhattus, isaan garuu ishee reebanii shuguxiidhaan ishee dorsisani.
Kiin Haaweenis yeroo gudeedamtu nu ajjeesuu jedhanii waan sodaataniif hanga danda’an callisanii akka miidha irra ga’u ilaalan himtetti.
“Yeroo ijoollee dubaraa qabani, ‘kun waan ati PDF deeggartuufi’ jechaa gudeeduni,” jechuun Tiihaan ni hima.
Haleellaa Yee Miyeet keessatti gaggeeffameen yoo xiqqaata namooti 10 ajjeefamnii, shamarran saddeet ammo gara guyyaa sadiif gudeedamaniru.

Maang Oo ajjeechaa hamaa Caamsa 1, 2022 ganda Ohakee po keessatti rawwatame irratti hirmaateera.
Miseensonni gartuu isaa namoota bakka amantaa (gadaamii) keessa turan walitti qabanii yeroo itti dhuukasan ni yaadata. Yaadannoon isaa kun dhuga ba’umsa namoota ijaan arganii fi viidiyoo sukkaneessa battala haleellaa kun dhumeen booda waraabame, kan BBC’n argate kan mirkaneessudha.
Viidiyoon kun dubartii tokkoo fi manguddoo rifeensa harrii dabalatee reeffa namota sagalii laffarra tooraan kaa’amee jiruu agarsiisa
Viidiyichi namootni kunneen dhiyeenyarra duddubaan akka rasaasaan rukutaman mallatoolee agarsiisan qaba.
Dubartiin kun maqaan ishee Ma Moye Moye akka ta’eefi yeroo ajjeefamtetti daa’ima ishee akka baatte turte jiraattonni hameenya kan argan himaniiru.
Korojoo warqee qabu baattee waan turteef isa irraa saamuuf jecha akka ishee ajjeesan himuun, daa’imni ishee lubbuun oolte amma firoota bira akka jirtus ibsaniiru.
Maang Oo gocha raawwate akka gaabbu hima. “Kanaaf hunda keessanitti nan hima.“ jedha “Namni hundi carra walfakkaataa keessa galuu irraa of oolchuu akka danda’an akka beekanin fedha.''
Looltonnni ja’an BBC’n dubbise manneen fi gandooa gidduu galeessa Mayanmaar jiran gubuu isaanii amananiiru. Kun ammo deeggarsa humna warraaqsaaf jiru kamuu balleessuuf mala qindaa’inaan qophaa’e ta’uu isaa agarsiisa.
Myanmar Witness- gartuun qorattootaa sarbama mirga namoomaa hordofaa jiranii – gabaasaalee 200 wa’ee ji’oottan kurnan darban keessatti gandootni hedduu gubachuu ilaalee mirkaneesseera.
Aadaan itti gaafatamummaa dhabuu kan loltoonni akka fedhanitti samichaa fi ajjeechaa gaggeessaniif eeyyamu, akkuma loltoota kanaan ibsame, Miyanmaar keessatti waggootii dheeraaf raawwacha turuu isaa, dhaabbanni Humaan Raayitis Waach ibseera.
Himata hammeenyaa humna waraanaan raawwatamuuf, yeroo hedduu namoonti itti gaafatamummaan haqatti dhiyaatan hin Jirani.












