Barattuun qormaata kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fide jechuun leellifamaa turte, dubbiin itti garagale

Madda suuraa, Youtube
Barattuun Naayijeeriyaa ganna 19 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa qabxii isa olaanaa fidde jedhamtee leellifamtee turte, booda dubbiin waan biraa ta'e.
Dhimmi barattuu Ejiikeemee Jooy Imesoomaa paarlaamaa Naayijeeriyaa qaqqabee miseensonni irratti wal falmaniiru.
Jalqaba ummatatti as baatee qabxii waliigalaa 362 argachuun akka biyyaattii sadarkaan tokkoffaarra jiraachuu himte. Leellifamaas turte.
Imesoomaan mana barumsaa bulchiinsa Anaamibraa jedhamutti baratte kuni waraqaa qabxii barataa fakkaatu maxxansuun ragaa dhiyeessuu yaaltetti.
Kanaanis abbaan qabeenyaa naannoo ishee barnoota bilisaaf maallaqa biyyattii naayiraa miiliyoona 3 (dolaara 4000) nan kennaaf jedhan.
Haa tahu malee, abbaan taayitaa qormaata biyyaalessaa Naayijeeriyaa, qabxiin barattuu kanaa dhugaa tahu shakkee qoratuu eegale.
Boodarra qabxiin isheen argatte 249 tahuu hime.
Kana malees akkaataa barreffama waraqaa isheen ummatatti mul'istee qoratee waan dhugaa hin fakkaanne baay'etu jira jedhe.
Namoonni baay'ee waan barattuun kuni jette amanuun ishee deeggaraa, qondaala qabxiin sirrii miti jedhan waraqaa qabxii garagaraa lama maxxansitan jechuun qeeqaniiru.
Kana boodas dhimmi barattuu kanaa dubbii ijoo biyyaalessaa tahe.
Imeesoomaanis viidiyoo gadhiisteen, ''qabxii koo kan sobaati jedhamuun na miidhe,'' jechuun dhugaa ishee ta'u himte.
Bulchaan naannoo Anamibraa Chaarlas Soluudoo dhumarratti dhimma kana ifatti qorachiisuu jalqaban.
Akka gabaasni qorannoo kanaa Jimaata bahe agarsiisutti, Imesoomaan, ''qabxii qormaata sobaa ofiin qopheessuu amante.
''Qabxii sobaa qopheessites mana intarneetii deemuun waraqaadhaan maxxansite,'' jedhan.
Kana maaliif akka dalagde garuu sababiin kennite hin jiru.
Waan raawwatteef barreeffamaan dhiifama akka gaafattuufi tajaajila gorsaa akka argattuuf itti himameera.
Aabban taayitaa biyyattii qormaata to'atu, Imesoomaan waggoota sadan dhufaniif qormaata biyyaalessaa akka hin fudhanneef dhorkeera.












