Shakkamtoonni namoota seeraan ala daddabarsan 130 to’ataman

Waajira Yuroopool

Madda suuraa, Reuters

Shakkamtoonni biyyoota Awurooppaatti namoota seeraan ala daddabarsuu keessatti hirmaatan jedhaman 130 to’annoo seeraa jala oolchuu poolisiin himeera.

Roohitars Ejansii Poolisii Idil-addunyaa ‘Yuroopol’ eeruun akka gabaasetti, oppereeshinii qindaa’aa shakkamtoota daddabarsa namaa keessaa harka qaban irratti gaggeesse

Opeireeshiniin kun biyyoota 22 keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, namoonni yakka daddabarsa namaatiin shakkaman 130 to’annoo jala oolaniiru.

Akka ibsa Yuroopoolitti, tarkaanfii poolisiin fudhateen namoonni daddabarsa namaa seeraan alaa shakkamtoonni kunneen taasisaniif saaxilam 100 ol adda bahuu danda’aniiru.

Oppereeshinichi eejansii daangaa biyyoota Gamtaa Awurooppaa ‘Firoonteks’ jedhamu wajjin wal ta’uun kan gaggeeffamedha.

Tarkaanfii biyyoota 22 keessatti fudhatame kanaan namoonni miliyoona tokko fi konkolaattota 200,000 irratti sakatta'iinsi taasifameera jedhame.

Sakatta'iinsa kan taasifame daangaa biyyootaa irratti, galaana fi balalii qilleensaa fi karaa imaltoonni itti heddummatan irratti akka taasifame poolisiin ibsee jira.

Tarkaanfii kanaan biyyoota akka Bosniyaa, Herzogooviniyaa, Montenegiroo, Maqedooniyaa Kaabaa, Sarbiyaa, Yukreen , Biriteen, Lichtenisteyin dabalatee biyyoonni Gamta Awurooppaa 15 yoo irratti hirmaataniiru.

Qaamoleen seera kabachiisan lakkoofsan 22,500 caalan oppereeshinii kana keessatti qooda fuhataniiru.

Yeroo hedduu namoonni daddabarsa namaa seeraan alaa kanaaf saaxilaman lammiilee biyyoota harka qaleeyyii irraa jireenya fooyyee qabu barbaacha godaananiidha.

Kanaaf, ammoo lammiileen biyyoota Afrikaa irraa gara Awurooppatti baqachuuf jecha harka namoota dhala namaa seeraan daddabarsaniitti kufu.

Baruma kana dhalataan Ertiraa lammii Neezalaandis ta'e Joon Haptee jedhamu Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti to'atamee Neezalaandis'f dabarfamee kennamee ture.

Dhalataan Ertiraa kun godaantota Afrikaa karaa Singaappoor fi Filippiinsi gara biyyoota Awurooppaa seensisaa turuutu himama.

Bara 2018 tti ammoo Liibiyaan lammiilee biyyattiifi kan biyyoota biroo namoota seeraan ala gara Awurooppaatti daddabarsuun shakkaman 205 irratti ajaja hidhaa dabarsitee turte.