Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kanaan dura lafa qotuu suuraa qofaan argaa turre' - Horsiise bultoota Booranaa qamadii oomishaa jiran
Horsiise bultootni Booranaa hongeen loon jalaa fixe oomisha qamadiin abdii jiruu isaanii gabbifachaa jiru.
“Yoo kana caalaa daballee qonne of bira dabarree lafayyuu gargaaruu ni dandeenya. Lafaa mitii biyya alaattis baasuu dandeenya” jedhu horsiise bulaan godina Booranaa Obbo Bazzuu Guyyoo.
Loon 200 ol qaban keessaa heddu isaanii sababa hongee godinicha mudateen kan jalaa dhuman jiraataan aanaa Miyoo magaala Bokkuu Luboomaa Obbo Bazzuu Guyyoo, ammatti loon 30 qofa of harkaa qabu.
Haata’u malee qamadiin rooba arfaasaan yeroo jalqabaatiif omishaa jiran abdii itti horuu BBCti himan.
“Lafa qotuu kanaan dura gochaan osoo hin taane suuraa qofaan argaa turre” kan jedhan Obbo Bazzuun, horsiise bultootni aanaa Miyoo 32 waldaan gurmaa’uun lafa hektaara 35 irratti qamadii omishaa jiraachuu BBCti himan.
Lafti horsiise bultootni qamadii irratti omishaa jiran kun lafa gammoojjii kanaan dura midhaan irratti omishamee hin beekne ta’uus dubbatan.
“Lafa hektaara 35 irratti bifa ammayyaa’aa ta’een omishnee, Waaqnillee nu gargaaree itti milkoofnee jirra. Midhaan nuuf gahee jira,” jedhan.
Hojiin omisha qamadii godina Booranaa qaama inisheetivii misooma qamadii akkuma biyyaatti eegalamee ta’uu BBC'tti kan himan itti aanaa itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Qancoorroo, qamadiin godinichatti aanaalee torba keessatti lafa hektaara kuma 11 ol irratti omishamaa jiraachuu himan.
“Aanaalee akka Taltallee, Elwayyee, Yaaballoo, Dirree, Miyoo fi Gomolee keessatti hojiin inisheetivii qamadii kun bal’inaan gaggeeffamaa jira” kan jedhan aangawaan kun, oyruu hektaara kuma 11 ol kanarraa qamadiin kuntaalli kuma 300 ol ni argama jedhamee akka abdatamus himaniiru.
“Omisha qamadii sababa hongeetiin eegalle…”
Hongeen godina Booranaa mudate horii heddu fixe, bineensota bosonaafi qabeenya uumamaa biroos heddu miidhe. Horsiise bultoota godinichaa jiruun isaanii horsiisa loonii bu’uura godhates gaaga’ama diinagdeef saaxile.
Hongeen booda ji’a Bitootessaa keessa roobni roobuu akkuma eegaleen omisha qamadii irratti xiyyeeffachuun hojii eegaluu isaanii Obbo Jaarsoon himu.
“Ummata waliin mari’annee waggaa waggaan kadhachuun hin barbaachisu, namni hojjechuu qaba.Yoo Waaqni nuuf roobe lafti keenya midhaan baasuu ni dandeessi jechuun ummatni sochii waliigalaa taasise,” jedhan.
“Qamadii akka omishnuuf sababa kan nuf ta’e sababa hongeeti. Miseensootni waldaa namoota loon baay’inaan qaban ture. Hongeen loon waan nurraa fixxeef ‘maal hojjenna’ jennee mari’annee lafa qotuu eegalle,” jedhu Obbo Bazzuun.
“Qamadiin yeroo sana faca’e aanaa Taltallee keessatti waqtii kana haamamaa jira. Aanaalee akka Elwayyee, Yaaballoo fi Dirree keessattimmoo sadarkaa asheetaarratti argama,” jedhan.
Gama biraatiin “mootummaan waan guddoo nu gargaare” kan jedhan Obbo Bazzuu Guyyoo, mootummaan lafa qonnaa, sanyii midhaanii akkasumas ogeessa qonnaa isaan gargaaru bilisaan akka dhiyeesseef himan.
“Amma qamadiin keenya gahee gogee jira. Harkaan haamuuf muxxannoo waan hin qabneef mootummaa maashina midhaan haamu gaafannee nuf kennanii ammuma kanayyuu qe’ee keenya jira,” jedhan.
“Karoorri keenya lafa qonnee, waan lafarra dhaabbatu qabeenya dhaabbataa qabaachuudha malee waan horii horsiisanii raasa keessa deeman, waan waaltina hin qabne kutannee jirra,” jechuunis himan.
“Yoo kana caalaa daballee qonne of bira dabarree lafayyuu gargaaruu ni dandeenya. Lafaa mitii biyya alaattis baasuu dandeenya,” jedhan.
Haata’u malee, roobni waqtiisaa hin eegne roobaa waan jiruuf qamadii gahe kana haamuun qormaata akka itti ta’e himaniiru.
Waagii aanaalee tokko tokkotti mul’achaa jiru
Aanaa Dirree jiraataa ganda Tulluu Fardaa kan ta’an Obbo Godaanaa Nuuraa hojii qonnaa erga eegalanii bubbuluu himu.
“Ergin dhaladheyyuu oyruun qota; maatiinis lafa qotaa turan,” jedhan ga’eessi waggaa 52 Obbo Godaanaan bara darbe garuu sababa hongee godinicha mudateen oyruun isaanii lafa bahu himan.
Haata’u malee yeroo ammaa lafa hektaara lamatti siiqurratti qamadii omishaa kan jiran yemmuu ta’u, dhukkubni waagii qamadii omishaa jiran irratti mul’achuufi dhimmicharratti deeggarsa mootummaa kan barbaadan ta’uu BBC'tti himan.
“Qorichallee gama mootummaatiin hin arganne,” kan jedhan Obbo Godaanaan, “Wanni hamtuun waagii kana. Waagii kana hatattamaan qaamni dhimmi ilaalu yoo nuuf hin reebin omisha arganna waan jedhamtuyyuu hinqabnu,” jechuunis himan.
Itti aanaa itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Qancoorroo gama isaaniitiin yaaddoo waagiin hagas mara miidhaa guddaa ni qaqqabsiisa jedhu akka hinqabne dubbataniiru.
“Waagiin dhibee beekamaadha. Dhibee weeraraa miti. Haata’u malee qorichi karaa nama dhuunfaatiin kan bitamu dhiyaatee jira. Qonnaan bulaan immoo kan bittaa kana caalaa gama mootummaatiin nuuf dhiyaatee yaadni jedhu ni jira,” kan jedhan Obbo Jaarsoon, qonnaan bultoonni qoricha kana bituun biifuu akka danda’anillee himan.
Gama biraatiin “lafti kun midhaan haala gaariin kan kennu ta’uusaa, biyyeen keenyas biyyee gabbataa midhaan gaarii kennuu danda’u akka ta’e irraa hubanne. Ummatattis abdii baay’ee hore” kan jedhan Obbo Jaarsoon, gaafiin lafti qonnaa nuf yaa dabalamu jedhu bal’inaan dhiyaachaa kan jiru akka ta’es himan.
Jijjiirama qilleensaafi sababa baay’ina ummataan dhabamuu lafa dheedumsaarraa kan ka’es horsiise bultootni godinichaa akka durii horii lakkoofsa baay’ee bu’aa xiqqaa kennurra horii xiqqaa bifa amayyaa’aan bu’aa baay’ee kennuu danda’urratti akka xiyyeeffataniif hojjetamaa jiraachuus himan.
Gama omisha midhaaniitiinis “lafti kun midhaan haala gaariin kan kennu ta’uusaa, biyyeen keenyas biyyee gabbataa midhaan gaarii kennuu danda’u akka ta’e irraa hubanne. Ummatattis abdii baay’ee hore,” jedhan Obbo Jaarsoon.