ABO-WBO, waa'ee hidhattoota namoota nagaarra miidhaa geessisuun himatamanii maal jedhe?

Hidhattoota 'WBO' tibbana Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti karaa nagaa mootummaatti harka kennatan

Madda suuraa, Waajjira Komunikeeshinii Wallaga Bahaa

Hidhattoonni gara 200 tahan tibbana Godina Wallagga Bahaaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti mootummaatti harka kennachuu himame ''waraana keenya miti'' jedhe ABO-WBO.

Hidhattoonni kunneen gochaa gara jabinaa namoota nagaa irratti raawwachaa turuu jiraattonni aanichaa BBC'tti himaniiru.

''Waraanni jedhame kun kan keenya miti. WBO's bakka hin bu'an. Akka isaan Wallagga Bahaa keessa socho'aa turan ni beekna ture.

Garuu guyyaa ajajaa olaanaa irraa kallattii fudhachuu didanii eegalee kan keenya miti. Erga WBO irraa adda bahanii bubbuleera,'' jechuun dubbate Gorsaan Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa.

Dubbiin kun yeroo Diinaraasii fi Faqqadaa Abdisaa hidhattoonni jedhaman wamicha mootummaa fi abbootii gadaa godhameef fudhachuun galan akka jalqabe hime.

Diinaraas erga mootummaatti harka kennatee leenjii haaromsaa fudhatee booda Bishooftuutti ajjeefame.

Faqqadaa Abdiisaa namni jedhamu ammoo ergasii deebi'ee bosona galuun hidhatee socho'aa ture Obbo Jireenyaan himaniiru.

Dargaggoota hedduus leenjisaa akka ture himama. WBO Marroo Dirribaan hogganamu Faqqadaa kan bobbaase mootummaadha jechuun himataa turan.

Walii isaanii gidduus walitti dhukaasuun ture. Mootummaan garuu hidhattoota kanneen hundayyuu ''Shanee' jechuun waamaa ture.

Faqqadaa Abdiisaa fi Yaaddessaa kan jedhaman dhiyeenya Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horrootti mootummaatti harka kennachuu gabaafame.

Lamaan isaanii yeroo galan hidhattoota gara 120 tahan waliin akka galan himame.

Hidhattoonni kunneen akkamiin qofaatti socho'aa turan?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garee tokko ajajaa turuu kan himamu Faqqadaa Abdiisaa kan jedhamu duraan miseensuma WBO akka ture Obbo Jireenyaan BBCtti himan.

Bara 2005 jalqabee miseensa WBO ture. Gara Eertiraa deemuunis leenji'ee achi tureera.

Booda gara biyyaatti deebi'uun osoo socho'uu humnoota nageenyaa mootummaan to'atamuun shororkeessummaan himatamuun hidhame.

Bara 2018 yeroo MM Abiy aangoo qabatan namoota siyaasaa hidhaatii dhiifamaan gadhiifaman kaan waliin gadhiifame.

Garuu osoo hin turiin deebi'ee hidhattoota WBO ofiin jedhan Godina Horroo Guduruu keessa socho'anitti makame.

Waamicha Abbootii Gadaa fi jaarrolee biyyaan yeroo hidhattoonni kunneen karaa nagaa akka galaniif sochiin taasifamu Godina Wallagga Bahaa keessa ajajaa kan ture Diinaraas jedhamu waliin Faqqadaanis galuu ni yaadatama.

Lamaan isaanii leenjii haaromsaa erga fudhatanii ture. Haa tahu malee, Faqqadaan booda gara hidhannoon socho'uutti deebi'uun Horroo Guduruu fi Wallagga bahaa keessa socho'aa turuu himan Obbo Jireenyaan.

Faqqadaan gaafa Xoollaayitti karaa nagaan nan gala jedhee eegalee miseensa WBO miti. Maqaa sana ammoo dhahata. Waraana ammoo leenjisaa ture. Hogganaankoo isa jedhaa jedhee dubbataa ture,'' jedhe.

Haa tahu malee, Faqqadaanis tahe miseensonni isaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Marroo Dirribaa irraa ajaja fudhataa hin turre jedhan.

Hidhattoonni biroo garee tokko tokko ajajaa turan Yaaddessaa fi Moosee kan jedhamanis isaanuma [Faqqadaa] fa'aa waliin akka turan himuun booda sadan isaaniiyyuu wal dhabuun adda bahan jedhan.

Yaadessaan garee mataa isaa addatti qabatee socho'aa ture. Innii fi gareen isaa gara 57 tahan Horroo Guduruutti akka harka kennatan bulchaan godinichaa BBCtti himaniiru.

Moosee ykn Moosisaa maqaa jedhuun kan socho'uu fi maqaan isaa sirriin Moosee Asaffaa jedhamu qofaatti akka hafee ture.

Mooseen ammoo tibbana hidhattoota gara 200 tahan waliin mootummaatti harka kennachuu himame.

Hidhattoonni kunneen duraan miseensa keessan, yeroo galan ammoo maaliif kan keenya miti jettu? jedhee BBC'n gaaffii dhiyeesse.

Obbo Jireenyaan ''sababa galaniif osoo hin taane guyyaa ajaja fudhachuu didanii eegalee waraana keenya miti. Akeeka keenya erga hin fudhannee kan keenya miti jechuudha'' jedhan.

''Akka yakkaaf dhimma hin bahamneef sirnatti deebisuuf yaalun ture. Gaafa mootummaatti harka kennatan ammoo dhumate jechuudha'' jedhe.

Uummanni akka hidhattoonni kunneen miidhaa isaan irra gahaa turan himataa turan.

Erga waraana keessan hin taanee maaliif kan keessan akka hin taane uummataaf hin beeksine? gaaffii jedhuuf;

''Gara kaayyoo jalqaba [Waraana Bilisummaa Oromoo] tahuutti deebisuuf yaalaa turre.

Hidhattoota deebisne qabna. Leenji'anii hidhatanii waan jiraniif kanatti fayyadamuun akka yakka hin hojjenneef gorsinee deebisuuf yaalaa turre,'' jedhan Obbo Jireenyaan.

Namoota nagaa hedduu ajjeesuu, ukkamsanii maallaqa guddaa gaafachuun naannoo hidhattoonni kunneen socho'aa turanitti waanuma barame ture.

Jiraattonni tokko tokko waan isaan gahu saammatanii galan jechuun komatu.

Obbo Jireenyaan ''waa'ee sochii hidhattoota kanneenii hin dhoksine, addunyaatti himaa turre'' jedhe.

''Duraan hanga ajaja keenya jala turanitti waraana keenya turan. Erga ajaja fudhachuu didanii garuu waraana keenya miti.''

Obbo Jireenyaan waraanni keenya ofii isaa wareegamaa uummata bilisa baasa jedhee socho'a malee uummata irra miidhaa akkasii geessisuu hin danda'u jedhan.

Haa tahu malee hidhattoonni Baha Wallaggaatii haga Gidduugaleessaa keessa socho'an gochaa akkasii keessatti hirmaachuun yeroo dubbatamu Marroo Dirribaa gara Lixaatti hunda isaanii waamuu himan Obbo Jireenyaan.

''Hidhattoonni hundinuu ajajoota isaanii hunda waliin mari'achuu fi wal qeequun akka deebi'aniif gaafa waamu irraa hafan. Sanyii Nagaasaa, Yaadessaa fi Moosisaa fa'aa dabalatee irraa hafan.

Warri yeroo sana didanii hafan warra mootummaatti amma harka kennatanidha. Qeeqaa fi kallattii haaraa fudhachuuf eeyyamamoo hin turre,'' jedhan Obbo Jireenyaan.

Uummata irratti miidhaa dhaqabsiisuun kaayyoo irraa maquu fi hoggana olaanaa irraa ajaja fudhachuu irraa dhufe jedhan Obbo Jireenyaan.

Gara jabinni dubartii fi ijoollee ajjeesuu kun eessaa dhufe?

'Hammeenyi akkasii hojii seexanummaati'

Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu keessatti namoonni nagaan hidhannoo harkaa hin qabne hedduu hidhattootaan ajjeefamuu maatiin BBCtti himaniiru.

Haati ijoollee ishee sadii waliin bakka tokkotti ajjeefamtee boolla tokkotti awwaalaman akka jirtu maatiin BBCtti dubbatan.

Manguddoo biyyaa kabajaan qe'ee isaaniirra jiraatan yeroo adda addaatti butamuun maallaqa gaafatamanii fi reebaman jiru.

Kaan ammoo qe'ee isaanii keessatti ajjeefaman. Kan biraa ammoo manaa fuudhamanii ajjeefamuun awwaallachuuf illee reeffa isaanii akka hin arganne maatiin BBCtti himan jiru.

Harka akkamiitu daa'ima waggaa afuriitti rasaasa dhukaasee ajjeesa? Gara jabinni akka kanaa eessaa dhufe?

Obbo Jireenyaan ''sabaaf osoo hin taane ofumaaf yaaduu irraa madda'' jedhan.

''Hammeenyi akkasii garuu akka Oromootti saba kana keessa hin jiru. Eessaa dhufaan sun nama hundaafuu gaaffiidha.

Uummata siif jira jedhu irratti bifa kanaan hammeenya akka kanaa rawwachuun hojii seexanummaati.

Nama nagaa, ijoollee ajjeesuu, horii guddaa humnaa olii nama gaafachuun sun waan hamaadha.''

Itti dabaluun diina keenya waliin hariiroo qabu yoo tahe maqaa WBO balleessuuf kana gochuu danda'u. Nama shororkeessanii waa irraa argachuufis tahuu danda'a,'' jedhan.

Obbo Jireenyaan hidhattoota kanneen waraanni keenya loluun lafa itti dhiphisaa ture. Ammas kanumaaf galaa jiru. Uummanni nutti iyyataa ture.

Mootummaan nageenya uummataa kabachiisuu hin dandeenye jedhan.

Hidhattoota kanneen qofaan osoo hin taane hidhattoota Faannoodhaanis uummanni kun dararamaa ture kan jedhan Obbo Jireenyaan garee kanneen hundayyuu falmaa turre jedhan.

''Uummanni abidda meeqaan gubachaa ture. Kun waan garaa namaa gubudha. WBO ajaja keenya jala jiru waan kana dura dhaabbachaa ture. kanaaf aarsaa lubbuu kanneen kaffalanis jiru'' jechuun dubbatu.

Wallagga Bahaa aanolee akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Haroo fi Horroo Guduruu keessaas aanolee akka Jaardagaa Jaartee, Amuruu fi Abee Dongoroo fa'aa keessa hidhattoonni Faannoo socho'uun uummata miidhaa turan.

Mootummaan humnoota nageenyaa naannichatti bobbaasuun hidhattoota Faannoo lolaa turuu ibsaa ture.

Gam tokkoon mootummaan yeroo hidhattoota Faannoo loluun nageenya uummataa kabachiisuuf bobbaasu hidhattoonni WBO ammoo humna mootummaa akka lolaa turan mootummaan ibsaa ture.

Obbo Jireenyaan garuu yaada kana mormu. ''Jalqabuma Faannoo kan naannichatti hidhachiise mootummaadha'' jechuun himatu.

''Gaafa Faannoon uummata rukutu humni nageenyaa callisee ilaala. WBO gaafa uummata irraa ittisuuf bahu ammoo mootummaan humna guddaa bobbaasuun lola humna keenya irratti bana,'' jechuun himatu.

Obbo Jireenyaan dirqama nageenya uummataa tiksuu kan qabu mootummaadha jedhu.

Haa tahu malee, jiraattonni BBC dubbise hidhattoonni miidhaa nurraan gahaa turan seeraan nuuf gaafatamuu qabu jedhan.

Jiraataan maatii isaa keessaa ijoollee dabalatee namoonni afur bakka tokkotti ajjeefamuu himan seeraan nuuf gaafatamuu qabu jedhan.

Giddaa Ayyaanaatti haati tokko ijoollee ishee sadii waliin mana ishee keessatti hidhattootaan ajjeefamuun boolla tokkotti awwaalamte.

Jiraataan biraa abbaan isaa hidhattoota Moosee nama jedhamuun ajajamaniin ajjeefamuu hime, ergasii ofii rakkoo guddaaf saaxilamuun magaalatti baqatee waardiyaa tahee jiraachaa akka jiru hime.

''Dur namaafuu ni geenya. Abbaa nurraa ajjeesanii rakkinarra nu buusan. Harka akka nama nagaatti mootummaatti yeroo kennatanii galanii miidiyaa irratti haasa'an nama gaddisiisa. Seeraan mootummaan nuuf gaafachuu qaba jedhe.

Labsiin bara 2018 mootummaan Itoophiyaa baase qaamni hidhatee mootummaa lolaa ture dhiifama argachuu akka danda'u ibsa. Garuu lubbuu nama nagaa balleesseera yoo tahe carraa dhiifamaa kana argachuu akka hin dandeenye hima.

UN keessatti waggoota dheeraaf ogeessa seeraa kan turan Obbo Baayisaa Waaqwayyaa, hidhattoonnis tahe qaamni mootummaa hidhatee socho'u kamuu nama nagaa irratti sarbama mirga namoomaa yoo raawwatee argame dhiifamni godhamuufii hin danda'u jedhan.

Kun seera idil-addunyaa cabsuudha kan jedhan Obbo Baayisaan mootummaan hidhattoota sarbama mirga namoomaa raawwatan adda baasuun seeratti dhiyeesuu qaba jedhan.

Mootummaan dhiifama gochuufii kan danda'u kaayyoo siyaasaa jalqaba irratti wal dhabanii wal lolaa turan irratti malee yakka namoota nagaa irratti raawwataniif miti jedhan.

Mootummaan garuu hidhattoota simachuun leenjii haaromsaa galchuu malee kanneen yakka raawwatan seeratti dhiyaachuu ibsee hin beeku.