Musliimni jalqabaa kantiibaa Niiw Yoork ta'e, Zoohraan Maamdaanii, eenyuu?

Madda suuraa, Getty Images
Zoohraan Maamdaanii, miseensa mana maree kutaa biyyattii kan umuriin isaa ganna 33, kantiibaa magaalaa Niwu Yoork ta'edha. Namni kun kaadhimamaa paartii Dimokiraatotaa ta'uun filatameeti kan dorgome. Kanaanis, kaadhimamaa Musliimaa isa jalqabaa ta'uun seenaa galmeessan.
Zoohraan bulchaa duraanii Niiw Yoork kan turan Andireew Kuumoo, kan bara 2021tti himannaa miidhaa saalaatiin booda aangoo gadhiisan sagalee ummataatiin dursee mo'achuutiin taajjabdoota siyaasaa dinqisiisaniiru.
Falmaa mirga Filisxeemotaa, ilma baqataafi Musliima kan ta'e Zohraan Maamdaanii, siyaasaa warra 'Right wing' jedhamaniirra aanee Andireew Kumoo kan muxannoo siyaasaa bara dheeraa fi deeggarsa sooreessoota hedduu qaban ni injifatu jedhamee hin eegamne ture.
''Guyyaa sagalaeen itti kenname sanatti seenaa hojjenne,'' jechuun Mamdaaniin deeggartootaaf ibsaniiru. "Ani kantiibaa magaalaa Niiw Yoorkiif kaadhimamaa paartii Dimokiraatotaa keessanan ta'a," jedhan.
Zoohraan kun imaammatawwan tarkaanfatoo ta'an kan akka qoodinsa qabeenya duula filannoo, tajaajila ummataa babal'isuu fi iyyummaa magaalaa jijjiruu jedhan qabatee ka'e.
Zoohraan Niiw Yoork keessatti imaammatawwan jireenya jiraattootaa fooyyeessan kan akka geejibni atobisii hundi bilisa akka ta'u gochuu, kiraan manaa akka hin daballe dhorkuu, misooma manneen hawaasaatiin manneen gadaanaa ijaaruu, suuqiiwwan magaalattiin to'attu, dhiyeessitii shaqaxoota gadaanaa, kunuunsa daa'immanii bilisaa jedhan dhiyeessan.
Akkasumas, karoorawwan bajata poolisiin magaalattii hir'isuun, ogeeyyii fayyaa sammuu nageenya hawaasaa fi kennitoota deebii yeroo balaa tasaa fi hojiiwwan hawaasicha jidduugala taasifatan biroo hojjachuu qabateera.
Zoohraan namoota siyaasaa Israa'el morman keessa tokko yoo ta'u, wanti Gaazaatti raawwatamaa jiru ''duguuggaa sanyiiti'' jechuun irra deddeebiin sodaa malee dubbata.
Zoohraan baatii muraasaan dura turtii gaazexessaa beekamaa Mahidii Hasan waliin taasiseen, Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun Niwu Yoork osoo dhufanii maal goota? jedhamuun gaafatamee, rakkoon akka mudatu dubbateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Zohraan ija jabaatee ''akka kantiibaatti Netaaniyaahuun Niwu Yoork yoo dhufu nan hiisisa ture'' jechuun deebise.
''Magaalli kun kan dudhaawwan keenya ittiin seera idil-addunyaatiin wal simudha, gochaan keenyas sanuma calaqqisiisuu qaba'' jechuun deebii kennuunsaa miidiyaalee addunyaarratti ijoo dubbii ture.
Zohraan filannoo kantiibaa baatii Onkololeessaa keessatti taasifamuun kaadhimamaa Dimokiraatootaa amantiin isaa Islaama ta'e jalqabaa ta'uun seenaa hojjateera.
Tarkaanfattootaafi garee warra 'Left Wing' jedhaman, akkasumas tola-ooltoota kumaatamaan lakka'amaniin dabaalamee duula na filadhaa kan gaggeessee Zohraan, kantiibaa duraanii Andreew Kumoon %43 argachuun injifate.
Namni siyaasaa eddoo olaanaan kennameef sagalee %36.4 argatan.
Yeroo lakkoofsi sagalee gara Zohraaniitti caalaa adeemetti, qabsaa'aa bilisummaa Afrikaa Kibbaa Nilsan Maandellaa, ''hanga raawwatamuutti yeroo hunda kan hindanda'amne fakkaata'' jechuun eeruudhaan, ''Hiriyootakoo gooneerra. Isinitu kana gochuu danda'e. Kaadhimamaa kantiibaa Magaalaa Niwu Yoork ta'uu kootti kabajatu natti dhagahama'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Yugaandaa hanga Niwu Yoorkitti
Bakki dhaloota nama siyaasaa umuriin isaa waggaa 33 ta'e Zohraan Afrikaa, Yugaandaadha. Haatisaa damee filmiitiin maqaa kan horatte yoo ta'u, badhaasa hedduus argatteetti. Daareektara filmii yoo taatu, dubartii Indiya-Ameerikaa taate Miiraa Naadar jedhamti.
Abbaansaa ammoo kitaaboota mata-duree 'Saviors and Survivors', 'Good Muslim and Bad Muslims' jedhamaniin kan beekaman yoo ta'an, hayyoota Afrikaa jedhaman keessaa tokko kan ta'an lammii Yugaandaa Maahmuud Maamdaanii jedhamu.
Maahmuud yeroo ammaa Yunivarsitii Kolombiyaa keessa barsiisu. Maatiinsaa lamaanuu kan baratan Yunvarsitii Haarvaaditti.
Zohraan maatiisaa waliin gara Niwu Yoork kan deeme umurii waggaa torbaatti.
Mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Biroonksitti barnoota saayinsii kan barate yoo ta'u, Kolleejjii Boowudoyiinirraa qorannoo Afrikaatiin digiriisaa jalqabaa argateera.
Turtii isaa kolleejjii kanaanis barattoonni haqa Filisxeemiif sochii ''Student for Justics and Palestinian'' jedhu kaan waliin hundessaniiru.
Tarkaanfataafi kaadhimamaan Islaamaa magaalattii jalqabaa kun yeroo duula na fildhaattis bu'urasaa hin daganne.
Viidiyoo tokkorratti waa'ee qaala'insa jiraanyaa afaan Urduutiin waraabbii filmiiwan Booliiwuud itti makuun duula na filadhaasaatiif fayyadameera.
Bara kanatti ammoo dhalattuu Biruukliin fi siriin ishee Sooriyaa kan taatee artistii waggaa 27 Raamaa Duwaaj waliin wal fudhan.
Zohraan jireenyasaa kallattii hedduun argateen fiilmiirratti hirmaateera. Muziiqaa raappiis baaseera. Gara addunyaa ogbarruuttis seeneera.
Zohraan dhaadannoo ''Humni kan ummataati'' jedhuun sochiilee garaa garaa ijaaruun beekama.
"Taateewwan gaddisiisoon addungaa keenyaa gara abdii kutannaatti kan na hin geessine, yeroo hunda waanan ijaaruufidha'' jedha barreeffamni pirofaayiliisaarratti barraa'e.
Gara siyaasaatti osoo hin galiin dura jiraattonni Kuwiins galii gadaanaa qaban dirqiin akka manaa hin baafamneef qabsaa'uudhaaf gorsaa manneenii ta'uun hojjataniiru.
Amantaasaa Isilaamaas qaama duula filannoo taasifateera.
Yeroo garaa garaatti seenessoonni farra Islaamaa, jibbaa fi arrabsoon akka irra gahan irra dedeebiin dubbataniiru.
''Akka Isalaamaatti addabaabaayii dhaabbachuu jechuun nageenya dhokannee argannu haarsaa taasisuun akka ta'e beekaa'' jechuun hiriira deeggarsaa tokko irratti ibsee ture.
"Yeroo ammaatti Zohraan alatti dhimmoon dhiphadhuuf hunda bakka bu'uu kan danda'u eenyumtu hin jiru'' jechuun dubbatan Daareektarri dhaabbata haqa hawaasaa 'Dream' jedhamuu, Jaahigpiriiti Siing.

Madda suuraa, Reuters
Zohraan fi imaammatawwan tarkaanfatoo
Niwu Yoork magaalota qaalii ta'an Ameerikaa keessaa kan duraati. Baayyeef jireenyi qaalii akka tureefi hiyyummaaf saaxilamuu dubbata Zorhaan.
''Magaalaan kun jiraattotashee afur keessaa tokko hiyyummaa keessa jiraata. Ijoollee 500 hagabusaanii kan itti bulanidha'' jechuun BBCtti himan namni siyaasaa kun.
"Dhumarratti magaalattiin waan adda ishee taasisu fiduuf fiixeerra jirti'' jedhan. Zohraan furmaata jireenya jiraattoota fooyyeessu jechuun dhiyeessan keessaa tokko jiraattota magaalattii hundaaf tajaajila atobisii bilisaa kennuuf karoora qabateera.
Kan biraa ammoo imaammata maan jireenyaati. Jiraattonni magaalichatti ''kiraa gadaanaa kaffaluun jiraachuuf mirga qabu'' jechuun kireessitoonni akka hin daballe dhorkuuf karooreseera.
Dabalataanis, manneen jireenya gatii gadaanaa qaban akka ijaaramaniif ejjansii misooma manneen hawaasummaa hundeessuuf karoorseera.
Haala kollejjii mootummaa hammateen sirna soorata manneen barnootaa babal'isuu, kunuunsa daa'immanii bilisaa akka jiraatu waadaa galaniiru.
Jiraattota jidduugala gochuunis sagantaalee fooyyeessuu gibiraa banuufis yaada dhiyeesseera.
Fooyya'insa gibiraa taasifamu kanaanis waggaatti galii dolaara biliyoona 9.4 argachuun akka danda'amu yeroo duula gaggeessaa ture dubbateera.

Madda suuraa, Shutterstock
Deeggarsa Filisxeem
Zohraan namoota siyaasaa Ameerikaa waraana Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessitu cimsee ifatti morman keessaa tokko.
''Yeroo hunda jechikoo ifaafi kan dhugaarratti hundaa'edha. Israa'el duguggaa sanyii raawwataa jirti'' jechuun X irratti barreesse.
Kana malees, haala faallaa seera addunyaatiin Israa'el qubsuma gaggeessaa jirtuun haala walqabateen dhaabbileen gargaarsaa Niwu Yoork gibirarraa bilisa ta'e akka haqamuuf wixinee seeraa beeksiseera.
Israa'el Gaazaa keessatti duguggaa sanyii raawwataa jirti jechuun alatti, sirna Apaartaayidii gaggeessaa akka jirtuufi MM Beenjaamiin Netaaniyaahuun hidhamuu qabu jedhanii amanu. Israa'el himannaa duguggaa sanyi fi sirna Apaartaayidii irratti dhiyaatu hin fudhattu.
Zohraan Israa'el akka biyya Ayihudiitti akka jiraattu kan deeggaran yoo ta'e irra deddeebiin gaafatamanii ''biyya dhimmoota amantiifi kaan bu'uura godhachuun caasaa lammii qabu kamuu deeggaruun waan gaarii ta'ee natti hin dhagahamu'' jedhan.
Haata'u malee, mirga Israa'el akka biyyaatti dhaabachuu akka fudhatan ibsan. ''Akkuma biyyota kaanii mirga jiraachuu akka qabdu nan amana, akkasumas itti gaafatamummaa seera idil-addunyaa kabajuu dabalateeti'' jedhan.
Zohraan isaafi maatiisaarratti sababii amantaa Islaamaatiin dorsiifni akka gahe eeruun, ''biyya kanattis ta'e magaalaa kanatti farra Tsiyoonummaaf eddoon hin jiru'' jedhan.
Qeequmsi nama siyaasaa kanaas imaammatawwan mootummoota Israa'eliifi Ameerikaa irratti kan xiyyeeffate malee Ayihudoota irratti akka hin taane irra deddeebiin dubbatan.
Adeemsi ittaanu maal ta'a?
Filannoon kantiibaa magaalaa Niwu Yoork baatii Onkololeessaa dhufu keessa gaggeefama. Zohraanis dorgomaa paartii Rippablikaanootaa Riitiis Siilwaa waliin dorgomu.
Magaalaa Niwu Yook irra jireessaan jidduugala Dimokiraatootaa taatetti warri Rippablikaanotaa dorgommii Kantiibummaa kan injifatan bara 2001tti, Maayikil Bilumbargiin ture.
Duulli filannoo Zorhaan irratti tola-ooltoota kuma 22 ol, akkasumas Ameerikaatti tarkaanfattoota siyaasaa kan jedhamaniifi namoota siyaasaa maqaa gaarii qaban Barnii Saanadars, Aleksaandiriiyaa Okaasiyoo Kortiiz bakka jiranitti deeggarsi kan kennameef.
Ta'us Andriwuu Kumoo fi kaan magaalaa Niwu Yoork kan bajata biiliyoona 115 fi hojjattoota mana qopheessaa kuma 300 ol qabduuf muuxannoon ni hanqata jechuun qeequ.
Kana malees, imaammatawwan isaa kan harbeeffamanii fi kan haala qabatamaa lafarra jiru yaada keessa hin galchiinedha jedhuun.












