Iraan garee teeknikaa Ejansii Nikularaa UN simachuuf akka jirtu beeksifte

Madda suuraa, Office of the Supreme Leader of Iran via Getty Images
Iraan garee teeknikaa qaama UN nikulara to'atu Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) torbee dhufu Teehraanitti daawwannaa akka taasisan waliigaluu beekisfte.
Ittaanaa ministiira dhimma alaa Iraan kan ta'an Kaaziim Ghaaribabadi waabeffachuun maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti torbee dhufu gareen teeknikaa UN gara Iraan imaluun dhimma nikularaa irratti ni mariyatu.
"Gareen [UN] gara Iraan dhufuun marii ni gaggeessu, garuummoo bakka gabbisa nikularaa hin deeman," jechuun dubbatan qondaalli Iraan kun kaleessa wayita walgahii UN irratti hirmaachuuf Niwu Yoork deemanitti.
Daayireektara Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) kan ta'an Raafaa'eel Giroosii "qaamolee dhimma nikularri Iraan isaan ilaallatu hunda waliin dubbataa akka turan" dhaabbatichi beeksise.
Haleellaa ji'a darbe Israa'elifi US buufataalee nikularaa Iraan irratti gaggeessuu isaanii hordofee hordoffii itti fufuu akka barbaadu beeksise dhaabbanni IAEA.
Iraan boombii nikularaa akka hin hidhanneef jechuun Israa'eliifi US haleellaa gaggeessanis Iraan gabbisi sagantaa nikularaashee kaayyoo nagaaf qofa akka ta'e irra deddeebin beekisisaa turte.
"Dhaabbanni Anniisaa Atoomikii keenya miidhaa bu'uuraalee nikularaa irra gahe qorataa jira, bu'aa qorannoo isaanii eegaa jirra. Kuni hojii baay'ee balaaf nama saaxiluudha. Sababa raadiyeeshiniif saaxilamuun jiruuf..maaltu akka achitti raawwate hin beeknu," jedhan ittaanaa ministiira dhimma alaa Iraan kan ta'an Kaaziim Ghaaribabadi.
Iraan yuraaniyeemii baay'ee gabbate kg400 qabaachuunsheefi dhaabbata UN nikularii to'atu IAEA beeksisuu dhabuunshee dippilomaatonni Iraanirratti gaaffii akka kaasan godheera.
Gareen teeknikaa gara Iraan deemuu ilaalchisee qondaalli Iraan akka jedhanitti ammatti IAEAn waa'ee yuraaniyeemii Iraan gabbistee homaa akka hin gaafanneefi gareen Anniisaa Atoomikii Iraan hanga qoratee bu'aasaa beeksisutti Tehraan homaa jechuu akka hin dandeenye kaasan.
Haleellaa Israa'elifi US irratti banuu hordofee Iraan dhimma nikularaasheerratti ejansii nikularaa UN waliin akka hin hojjanne ibsitee turte.
Haa ta'u garuu, Iraan gara fuulduraatti sagantaa gabbisa nikularaashee ilaalchisee marii gaggeessuf dhaabbata IAEA waliin hojjachuu ishee barbaachisa.
Gama biraan ammoo Iraan Jimaata, Adoolessa 25, dhufu biyyoota Awurooppaa sadi: UK, Faransaayifi Jarman waliin marii gaggeessuf beellama qabattee jirti.












