Waldaan barattootaa himannaan ajjeechaa, gudeeddii fi dararaa irratti dhiyaate

Madda suuraa, AFP
Waldaaleen barattootaa Ayivorii Koosti cufamuu isaanii mootummaan biyyattii beeksise. Kunis, erga barattoota lama ajjeefamuun booda Federeeshinii Barattootaa fi Manneen Barnootaa humna guddaa qabu (Fesci) irratti komiin dhiyaachuu eegaleeti.
Ajjeechaan barataa Kaalifaa Diiyomandée fi Ziiguyii Maars Aubiin Deegowue kan baatii Hagayyaa fi Fulbaana keessa raawwatameen walqabatee miseensonni Fesci hedduun to'annoo jala oolfaman.
Magaalaa guddittii biyyattii Abijaaniitti Yunivarsiitii Félix-Houphouët-Boigny keessatti qorannoo gaggeeffameen ulaan lafa jalaa kan namoota dararuu fi bakki yakki sagaagalummaa itti raawwatamu argamuusaa qondaaltonni himan.
Barattoonni BBC'tti akka himanitti, Waldichi seeraan ala dararaafi miidhaa qaqabsiisaa turuunsaa iccitii ifa ta'ee ture, garuu namni hundinuu baay'ee waan nageenyasaaf sodaatuuf dubbachuu hin danda'u.
"Yunivarsitii biyya mootummaa qabdu keessa akka jirtu hin amantu turte," jetti barattuun duraanii maqaanshee akka hin eeramne gaafatte tokko.
"Yeroo hedduu waldichi na doorsiseera, na gudeeduu yaalan," jechuun BBCtti himte. "Jaalalleenkoo naaf falmuuf yaalee garuu reebameera," jechuun himatti.
Yeroo biraa ammoo miseensota waldichaan qabamtee gadhiifamuu fi maallaqa akka kaffaltu gaafatamuu dubbatti.
Haga ammaattilleen miirrii sun akka itti dhagahamu kaasuun, waggoota saddeet dura sababii rakkinashee mudatee kanaatiin barnoota addaan kuttee as gara mooraa sanaatti akka hin deebine dubbatti.
"Dhimmi kun attamiin yeroo dheeraa akka fudhate hin beeku, garuu amma miidhamtootaaf boqonnaan natti dhaga’ama," jechuun dabalti.
Dararamuun waanuma baramaa ture jedhu barattoonni.

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Kutaan keessa jiraadhuuf kootiif ji'atti doolaara 100 (£77) kaffaluun qaba ture,'' jechuun ibsa Joozee Aristide, ''haata'u malee ji'aan doolaara 250 akkan kaffalu na dirqisiisaa turan. Filannoon biraa hin turre. Namni hundinuu isaan sodaate."
Kamisa darbe Manni Maree Nageenyaa Ayiveerii Koost sakatta’iinsa walduraa duubaan yunivarsiitiiwwan Abidjaan fi giddugala magaalaa Bowuaké irratti gaggeessee meeshaalee qara qabaniifi boombiiwwan 100 ol to’achuu ibse.
Akkasumas jiraattota hayyama hin qabne 5,000 mooraa yunivarsiitii guutuu Abidjaan, Bowuaké fi Dalo'aa keessatti argaman ari’an.
Erga uggurri gamtaa barattootaa kanaa labsameen boodas namoonni gammachusaanii ibsachaa turan.
Barsiisaan tokkos uggura waldaalee barattootaa kana akka simatu BBCtti himuun, mooraawwan keessatti nagaa akka fidu abdiin qaba jedhan.
Waldaan barattootaa Fesci, jalqaba bara 1990moota keessa hundeeffame yoo ta'u, yeroo muraasaan booda garee mormii farra mootummaa ta'e. Yeroo dheeraafis yakka gurmaa'e keessatti hirmaachuun shakkamaa ture.
Namoota tokko tokkoof gara siyaasatti akka seenaniif akka bakka ka'umsaatti tajaajileeraaf.
Hoggantoonni duraanii gamtichaas, Gulaawume Sooroo, hogganaa finciltootaa kan gara muummicha ministeeraatti jijjiirame fi Chaarlas Bilée Gowudée, ministeera dargaggootaa duraanii, kan jeequmsa filannoo waggoota kurnan dura mudate booda yeroos sarbama mirga namoomaa guddaa raawwachuudhaan himatamee ture fa'i dabalata.












