Haati waggaa 44 booda intallishee hatamtee UStti ergamteen wal agarte

Haatiifi intalli waggaa 40 booda yeroo jalqabaaf wayit wal arganiitti
Ibsa waa'ee suuraa, Haatiifi intalli waggaa 40 booda yeroo jalqabaaf wayit wal arganiitti

Yaadannoo dhumaa Haan Tesuun waa'ee ijoolluummaa intalasheerratti qabdu kan Caamsaa 1975, mana isaanii Saawoo keessatti.

"Ani gabaa dhaqee Kunghaan 'hin dhuftuu?' jedheen. Isheenis 'lakki hiriyyoota koo waliin taphachuuf deema' naan jette," jechuun yaadatti Aadde Haan.

"Yeroon deebi'u isheen hin jirtu turte." Aadde Haan waggoota afurtamaa oliif intalashee kana deebitee hin argine turte.

Yeroo wal arganittis, Kuunghaan dubartii Ameerikaa guddoo umurii giddu galeessaa erga taateen boodha. Maqaan isheetiis Laawoorii Beendar jedhameera.

Kunghaan manasheetii ukaamfamtee fudhatamte ture. Isaan boodas gara dhaabbata daa'imman keessatti guuddifaman geeffamuun booda karaa seeraan alaatiin gara Ameerikaatti geeffamte.

Haatiishee Haan amma mootummaa Kooriyaa Kibbaa himataa jirti.

Guddisa seeraan alaa, waliin dhawuu, ukkaamsuu fi karaa seeraan alaatiin namotaa dadabarsuu dhibbaan lakkaa'amu irratti qorannoon akka gaggeeffamuuf gaafattee jirti. Isaan keessaa Haan tokkodha.

Kooriyaan Kibbaa biyya sirna guddiisaa falmisiisaa ta'e qabdudha.

Erga bara 1950mota keessa sirn guddifachaa diriirfamee kaasee, akka Kooriyaa Kibbaatti biyyi ijoollee hedduu guddifachaaf alaatti erge hin jiru.

Ijoollee kuma 170 hanga kuma 200 keessaa irra caalaan isaanii gara biyyoota Lixaatti guddifachaaf kan ergamanidha.

Adeemisicharratti hordoffiin waan hin taasifamneefi dhaabbileen dhuunfaa ijoolleen jumlaan guddifachaaf akka fudhatan taasisuu isaanitti mootummaan biyyattii yeroo baayyee qeeqama.

Haan baatii dhufu keessa dhimmicha gara mana murtiitti geessuuf jirti. Kunis qorannoowwaniifi himannaa gara biraatiif karra bana jedhamee yaadama.

Ijoollee guddifachaadhaan gara Ameerikaa geeffaman keessaa namni tokko bara 2019tti himannaa banuun daa'ima guddiifatame kan jalqabaa ta'eera.

Haan ammoo daa'imasheetiif himannaa banuun haadha jalqabaa taati.

Dubbii himaan mootummaa Kooriyaa Kibbaa, ''godaannis namoota dhuunfaa fi maatiiwwan irra gahe nama gaddisiisa. Osoo yeroo dheeraf wali hin argiin turuun onnee namaa cabsa'' jechuun deebii kennan.

Maanguddoon waggaa 71 Haan himannaa bantu hordofee, mootummaa itti gaafatamummaasaa akka bahu barbaaddi.

''Wyitan intalakoo waggaa 44f barbaaduutti sammuu fi qaamnikoo miidhameera. Namni kamiyyuu dhiifama na hin gaafanne'' jetti.

Haan intalashee barbaacha waggoota hedduu dabarsiteetti

Madda suuraa, BBC Korean

Ibsa waa'ee suuraa, Haan intalashee Kuunghaan barbaachaatti waggoota hedduu dabarsiteetti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haanii fi abbaan manaashee waggoota kurnan hedduudhaaf buufataalee poolisii fi mana daa'imman warra hin qabnee gaafachaa, barruulee fi suuraa maxxansaa akkasumas karaa televijiinii irratti odeeffannoo argachuuf iyyachaa turan.

Aadde Haan guyyaa guutuu ''hanga qeensi miilakoo 10 guutuun buqqa'uutti'' intala ishee barbaaduuf daandii irratti dha'aa akka turte dubbatteetti.

Bara 1990 keessa erga TV irratti dhiyaachuun seenaa ishee himteen booda dhiheessite tokko booda, Aadde Haan dubartii Kuunghaan ta'uu dandeessi jettee tokkoon wal barte turte.

Yeroo muraasaaf maatii ishee waliin akka jiraattuuf illeen ishee fudhatte. Dubartiin kun garuu dhuma irratti intalashee akka hin taane himatte.

Dhumarratti, bara 2019tti yeroo Aadde Haan garee guddifachaa lammiilee Kooriyaa biyya alaa jiran qaccee sanyii (DNA) isaanii walsimsiisuun warra dhaloota isaanii waliin kan walqunnamsiisu marsariitii '325 Kamraa' jedhamu irratti galmoofteetti waan addaa dhagahame.

Osuma hin turin qorannoon qaccee sanyiishee dubartii maqaanshee Laawuraa Beendar jedhamtu fi narsii Kaalifoorniyaatiin akka wal fakkaatu gabaasan.

Intalli isheetiis erga bilbila hedduu walii bilbilanii booda gara Sii'uuliitti balali'uun Aaddee Haan waliin wal arguuf imalte.

Lamaan isaaniitiyyuu buufata xiyyaaraatti imimmaan dhangalaasaa walitti dhufan.

Haadha intala

Madda suuraa, News 1

Ibsa waa'ee suuraa, Haaniifi intalashee waggaa 40n booda yeroo jalqabaatiif ijaan wal argan

''Waggoota 30 riifeensa sirreessuu sababiin hojjadheef qaqabadhee intalakoo ta'ushee nan beeka'' jetti Haan.

Jalqaba yoo intalashee argitu dhiifama ishee gaafatte. Waggootaaf maatiinshee ishee akka barbaadaa jiran baruu dhabuunsaa attamii akka intalakoo miidhu nan tilmaama jetti.

Kuunghaan gamasheetiin jalqaba haadhasheetiin wayita wal arganiitti imimaan to'achu hin dandeenye.

''Onneekoo barootaaf madaa ture. Ammadha ganaa onneekoo kan guute. Nama guutuu ta'eera'' jetti.

Kuunghaan guyyaa hatamte sanatti maaltu akka mudate haatiifi intalli waggaa 40n booda haasa'u danda'aniiru. Kuunghaan yeroo hatamtuutti intala waggaa jahaa turte.

Osoo isheen naannoo mana jireenyaasaaniitti taphataa jirtu dubartiin hin beekamne tokko itti siqxe. Haadha ishee akka beektu itti himuun gara buufata baabuurraatti geessite. Erga baabuuraan imalanii booda dhuma bakka baabuurri dhaabbatuutti gattee jalaa miliqxe.

Achiinis poolisoonni fuudhanii gara buufata daa'imman maatii hin qabne ykn gataman itti guddataniitti geeffamte. Boodas haatiifi abbaan warraa tokko Ameerikaa Varjiiniyaatti guddiifachaan ishee fudhatan.

Waggoota booda, yoo ilaalamu akka mul'isutti, mucaa haadhaa fi abbaa hin qabne fi warriishee hin beekamne jedhamuun waraqaa sobaa kan kennameef ta'un adda bahe.

"Akka waan jireenya sobaa jiraachaa turtee fi wanti ati beektu hundi dhugaa hin taaneetti jiraatta," jechuun Kuunghaan kanaan dura kan dubbate.

Dhimmi ishee kunis kan kaaniin adda miti.

'Daldala daa'immanii' Eeshiyaa irraa gara lixaatti taasifamu

Daa'immaan gara kuma 170 hanga kuma 200 ta'an keessaa irra caalaan isaanii guddifachaaf gara biyyoota lixaatti ergaman

Madda suuraa, Truth and Reconciliation Commission

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'immaan gara kuma 170 hanga kuma 200 ta'an keessaa irra caalaan isaanii guddifachaaf gara biyyoota lixaatti ergaman

Haatii fi inatalli tun carromuun waggaa 44 booda wal arganis ijoolleen Kooriyaa Kibbaa hedduun guddifachaan fudhataman osoo maatiisaaniin wal hin argiin jiru.

Biyyattii keessatti dursa guddiifachaan kan eegale maatii ijoolleen hin qabne gargaaruuf yaadame ture. Adeemsa isaa kan to'atu dhaabbata dhunfaa yoo ta'u, mootummaansi ni to'ata ture.

Hanga bara 1985 qofaati daa'imman 8,800 guddifachaan ergamaniiru. Biyyoota lixaa keessatti hangi ijoollee gudhachuu hir'achuusaatiin wal qabatee fedhiin ijoollee guddifachuu dabalaa dhufe.

Dhabbanni dhugaafi koree araaraa jedhamuun hundeeffame tokkos, daa'imman Kooriyaa Kibbaatii fudhataman konkolaataa ''fe'umsaatti fe'amanii imalu ture'' jedha.

Tibba balaliinsa dheeraattis daa'imman kanneeniif kunuuns hin taasifamuuf ture.

Kooriyaan Kibbaa guddina diinagdee agarsiisaa dhufaa jiraachuun wal qabatee, daa'imman hedduu guddifachaaf erguun gaarii miti qeequmsi jedhu ka'aa tureera.

Imalli daa'imman guddifachaa ''to'annoon ala ta'eera'' jedhamuun ibsamaa tureera.

Waajjirri dhimma alaa baayina daa'imman guddifachaan fudhataman ni ramada waan tureef, daa'imman hatamuun guddifachaaf kennamu turan.

Daa'imman daandiirraa kumaatamaan lakka'aman dhaabbilee daa'imman keessatti guddatan galfamaniiru.

Maatiiwwan tokko tokkos ijoolleesaanii dhukkubsachuun akka du'an itti himamullen, ijoolleensaanii guddifachaaf kennamu ture.

Sababii fedhii maatii malee guddifachaaf kannamaniifis ijoolleef sanada sobaatuu qophaa'aaf ture.

Ijoolleen waa'ee enyummaa maatiisaanii wayita gaafatanittis, maatiinsaanii akka du'aniitti ykn bakka ijoolleen iti guddifamanii isaan gatanii akka deeman itti himama.

Dhaabba mirga ijoollee guddifachaaf kennamaiif falmu kan hundeesse Haan Buunyuug ''mootummaan gara jabina raawwate. Ukkaamsamnee sanada sobaatiin biyya biraatti dabarfamne. Sarbama mirga namoomaati. Badii kanneen raawwatan adabamuun haqatu barbaachisa'' jedhu.

Haata'u malee, kanneen gahee ijoo bahan tokko tokko callisanii taa'aa jiru ykn badii haaluu itti fufaniiru.

BBCn Bu Chung-ha kan bara 1970moota keessa dura taa'aa dhaabbata guddifachaa isa guddaa Kooriyaa Kibbaa kan ta'e, Tajaajila Daa'immanii Holt Kooriyaa (Holt Children's Services of Korea) ta'uun tajaajilaa turan qunnameera.

Tajaajilli Daa'immanii Holt Kooriyaa, himannaawwan waliin dhahuu fi guddifachaa seeraan alaa hedduu irratti jiddiigala kan ta'e yoo ta'u, Aadde Haan dabalatee hanga ammaatti himata lama irratti dhiyaateera.

Obbo Buu deebii gabaabaa kennaniin, yeroo aangoo isaaniitti ejensichi daa'imman sobaan warra kan hin qabne jedhamuun adda baafamuun biyya alaa ergaman kamiyyuu akka hin jirre haaleera. Warri ijoolleen isaanii butaman jedhan kamiyyuu "ijoollee isaanii hin dhabne, ni gatan malee" jedhan.

Hoggansi yeroo ammaa dhaabbata Tajaajila Daa'immanii Holt Kooriyaa (Holt Children's Services of Korea) gaaffii BBCn yaada akka kennuuf dhiheesseef hanga ammaatti deebii hin kennine.

'Mootummaan paayitaltii, ejensiiwwan bidiruu turan'

Ogeeyyiin akka jedhanitti itti gaafatamummaa kun dhaabbilee dhuunfaa qofa osoo hin taane mootummaarra ture.

"Ejensiiwwan guddifachaa sirnatti fayyadaman, mootummaan immoo ija irraa qabachuun, gochaan seeraan alaa akka hidda gadi fageeffatan hayyame," jedhan Yunivarsiitii Biyyoolessaa Seewuulitti hayyuun seera idil-addunyaa Dr Lii Kyung-eun.

"Mootummaan paayilattii yoo ta'u, ejensiiwwanis ammoo bidiruu kana kan qaxxaamuran turan," kan jedhan Yunivarsiitii Seokyeong keessatti qorataan guddifachaa qaxxaamura biyyoota alaa Shin Pil-sik, caasaan kunis gama lachuu itti gaafatamummaa jalaa akka miliqaniif kan dandeessise ta'uu dabaluun himaniiru.

Dr Shin akka jedhanitti, mootummaan dadhaboo hin turre, imaammata guddifachaa dammaqinaan boceera, baay'ina waggaadhaan gara biyya alaatti ergaman ramaduu fi yeroo darbee darbees guddifachaa muraasni dhaaburreen dubbatu.

Qorannoon oduu Asoosheetid Prees bara darbe gaggeesse tokko, mootummoonni Kooriyaa walduraa duubaan seera irra deebi'anii barreessuun eegumsa xiqqaa fi to'annoo abbaa seerummaa akka kaasu, seera isaanii kan Ameerikaa wajjin walsimuun daa'imman guddifachaa akka ta'an gochuuf, maatiin biyya alaa osoo biyyattii hin daawwatin dafanii akka guddifatan hayyamuu isaanii ibseera.

Mootummaan saganticha akka tattaaffii namoomaatti kan kaffale yoo ta'u, biyyoota lixaa waliin hariiroo cimsuufis tajaajileera jedhu taajjabdoonni.

Sanadni mootummaa bara 1984 BBCn argate akka ibsetti, galmi ofiisaa imaammata guddifachaa nageenya daa'immanii qofa osoo hin taane "humna biyyoolessaa gara fuula duraa fi dippilomaasii ummataa guddisuu" kan hammatedha.

Aaddee Haan afaan Inglizii shaakaluun sa'aatiiwwan dabarsiti

Madda suuraa, BBC Korea

Ibsa waa'ee suuraa, Aaddee Haan afaan Inglizii shaakaluun sa'aatiiwwan dabarsiti

Ministeerri fayyaa fi walgargaarsa Kooriyaa Kibbaa waa'ee gahee mootummaan gochaalee guddifachaa darban keessatti qabu gaafatamiin, sirnicha keessatti ''ittigaafatamummaa mootummaa cimsuuf tattaaffii gochuu itti fufneera'' jechuun, guddifachaa ulaagaalee idil-addunyaa eegu jajjabeessuuf karoorfachuu isaa ibseera.

Bara 2012tti mootummaan qorannoo warra guddifachaa raawwatan cimsuuf, akkasumas odeeffannoo warra dhalootaa fi odeeffannoo da'umsaa haala gaariin hordofeera.

Akkasumas sirna guddifachaa irratti fooyya'iinsa labsuun guddifachaa biyya alaa akka xiqqaatuu fi guddifachaan hundi dhaabbilee dhuunfaa osoo hin taane mootummaan akka ilaalamu taasiseera. Jijjiiramni kun ji'a Adooleessaa keessa hojiirra oola.

Gama biraatiin ammoo, guddifachaa biyya alaa gadi bu'eera. Dhuma bara 1980moota keessa guddifachaa biyya alaa keessatti baay'ee gadi bu'e, bara 1990moota keessa tasgabbaa'ee bara 2010moota keessa deebi'ee gadi bu'uu isaa dura.

Bara 2023tti daa'imman 79 qofatu biyya alaa keessatti guddifachaa akka turan ragaan yeroo dhiyootti argame ni mul'isa.

Garuu Kooriyaan Kibbaa boqonnaa dukkanaa'aa kana seenaa ishee darbe keessatti ilaaluu yoo jalqabdu, guddifamtoonnii fi kanneen warri dhalootaa kan akka Aadde Haan miidhaan isaan mudate waliin qabsaa'uu itti fufaniiru.

Aadde Haan fiintallishee erga jalqaba walitti deebi'anii booda, walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf rakkataniiru.

Addunyaa faallaa ta'e keesssa jiraachuu qofa osoo hin taane, intallishee afaan Kooriyaa beektu irra caalaa dagattee jirti, Aadde Haan ammoo Afaan Ingiliffaa xiqqoo qofa beekti.

Darbee darbee barreeffamoota irratti kan wal qunnaman yoo ta'u, Aadde Haan guyyaatti sa'aatii lamaaf dandeettii afaan ishee fooyyeeffachu hima kitaaba irratti barreessuudhaan shaakalti.

Garuu Aadde Haaniif gahaa miti. "Intala koo argadhus dhuguma akkan ishee argadhe natti hin dhaga'amu. Wanti ani beeku bakka isheen jirtu qofadha, garuu sun maal fayyada, yoo wal qunnamuu dadhabne?"

"Jireenyi koo guutuun barbadaa'eera... maallaqni kamiyyuu waanan dhabe bakka naa hin bu'u."

Caamsaa 28, 2025 kan fooyya'e: Seenaan kun kanaan duraatiin maqaa dhaabbata himannaa Han Tae-soon jala jiru, akkasumas dhaabbata BBCn yaada akka kennuuf qunname dogoggoraan moggaaseera. Kunis gara Tajaajila Daa'immanii Holt Kooriyaa (Holt Children's Services of Korea)tti sirreeffameera. Ejensiiwwan lamaan kun garuu qaamolee adda addaati.