Al- Burhaaniifi Abdel Fattaa al-Siisi 'nageenya bishaan Laga Abbayyaa' irratti cimsinee waliin hojjenna jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Masirii Abdel fattaa al-Siisii fi pirezidaatiin Sudaan Jeneraal Abdel Fattaa al Burhaan bisaan Laga Abbayyaa ilaalchisee ''nageenya bishaniii'' irratti waliin mari'atan.
Daawwannaa Jeneraal Al Burhaan Kaayirootti taasisan irratti gaggeessittoonni lameen dhimmoota Gaanfa Afrikaa adda addaa keessumaa Yaa'a Naayil irratti marii bal'aa gaggeessuu waajjirri pirezidaantii Masirii ibseera.
Gaggeessitoonni lameen haala Sudaaniin deebisanii ijaaramuun danda'amuu fi nageenya bishaan Yaa'a Naayil irratti mari'ataniiru.
Dubbii himaan pirezidaantii Masirii, biyyoonni lameen ''nageenya bishaanii laga Naayil'' irartti mari'ataniiru jedhanii lameenuu murtoo gam-tokkee qaama kamiinuu fudhatamu ni mormu jedhan.
Abdel Fattaa Al Siisii fi AL-Burhaan seerota idil-addunyaa itti fayyadama laga Naayiliin wal qabatee jiru karaa hunduu fayyadamaa tahuun hojiirra oolchuuf akka waliin hojjetan himaniiru jedha gabaasichi.
Biyyoonni lameen michummaa gaarii qabu. Tahus dhimmoota biyyaalessaa irratti akka waliin hojjtanis eerameera.
Ofiiyyuu waraana keessa kan jirtu Sudaan erga humni Al-Burhaanii magaalaa Kaartum deebisee harka RSF baasee haala kamiin akka deebisanii waliin ijaaran irratti Masirii waliin mari'ataniiru.
Jalqabummarraa eegalee Masiriin, Itoophiyaan hidha guddicha laga Abbayyaa irratti hojjechaa jirtu wlaiigaltee biyyoota sadeenii dhaabbataa tahe irra osoo hin gahiin bishaaniin guutuu hin qabdu ejjennoo jedhu qabdi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan gama isheen biyyoonni sadeen qooda bishaanii Abbayya irraa qaban irratti waliigaluu kan danda'an yoo tahe, hamma bishaanii hidha haaromsaa irraa gadhiifamu ilaalchisee waliigaltee irra gahuun danda'ama jette.
Waliigalteen kun garuu waliigaltee dhaabbataa biyyonni kunneen jedhan miti. Hidha Haaromsaa bishaaniin guutuu ilaalchisee Gamtaan Afrikaa jaarsummaan gidduu galee marsaa hedduuf mari'ataa turanis waliigalteerra osoo hin gahiin adda bahaniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsa abara kan aakka xumuramu MM Abiy himaniiru. Riivaanii kutuu geenyeerra jedhanii ture.
Masriin ammo hidhi Itoophiyaan ijaaraa jirtu hamma bishaanii argadhu na jalaa hir'isa jechuun falmaa turte.
Itoophiyaan hidhicha bishaaniin guuttee humna ibsaa maddisiisuu jalqabdee jirti.
Dhimma hidha haaromsaa Itoophiyaa irratti Itoophiyaa mormaa kan turte Masiriin dhiyeenya ammoo Itoophiyaan hulaa galaanaa akka hin arganneef biyyoota akka Eertiraa fi Somaaliyaa waliin socho'aa turte.
Torban darbe, Masirii fi Jibuutiin ''bulchiinsaa fi nageenyi'' Galaana Diimaa fi Galoo galaana Eden itti gaafatamummaa biyyoota hulaa galaanaa qabanii qofa tahuu akak qabu walii galaniiru.
Kana jechuun Itoophiyaan waa'ee Galaana Diimaa keessaa akka qooda hin qabaanne ergaa kan darbarsu ture.
Masiriin Somaaliyaa waliinis yeroo mari'attu dhimmuma kana kaasaa turte.
Ministirri Dhimma Alaa Masirii Bdir Abdellaatii Galaanni Diimaa ''biyyoota ollaa'' hulaa galaanaa qabaniin qofa to'atamuu qaba jedhan.
Bitootessa darbe yeroo Ministirri Dhimma Alaa Eertiraa Osmaan Saalee gara Kaayiroo imalanii pirezidaanti Abdel fattaa al-Siisii wlaiin mari'atan, bulchiinsii fi to'annoon Galaana Diimaa itti gaafatamummaa'' biyyoota ollaa hulaa galaanaa qabanii qofa tahuu qaba jedhan.












