Masalaa: Magaalaa waraabessi sarootaafi nama waliin guyyaa keessa ‘shir’ jedhu

Nama, waraabessaa, sareen guyyaa magaalaa Masalaa keessatti yeroo walga'an

Madda suuraa, Bushraa Alii Ogeessa Kominikeeshinii aanaa Shanan Dhuugoo

Baadiyyaa bakka hedduutti namootni kaayyoon saree guddifataniif keessaa ijoon waraabessiifi bineensi biraa halkan qabeenya isaanirraan miidhaa akka hin geessifne ittiin eeguufidha.

Haalli kuni garuu magaalaa Harargee Lixaatti argamtu Masalaatti waan hojjetu hin miti.

Waraabessiifi sareen michoomanii, sareen warabessa yoo argitu miira naasuufi sodaa keessa seenuu waan dhiisan fakkaata.

Tarii sareen isin waraabessa akka eegduuf guddifattanis magaalaa walakkaatti balbala mana fooniirra waraabessa waliin michoomanii yoo ciisanis arguus dandeessu taha.

Akkuma looniifi jabboonni walkeessa deemanii waliin marga dheedan magalaa Kanatti waraabessiifi sareenis balbala mana fooniirra naanna’anii lafee tokko waliin qorqu.

Magaalaa Masalaatti waraabessi guyyaadhuma namaafi saree gidduu deema

Madda suuraa, Bushraa Alii Ogeessa

Obbo Toofik Ibraahim magaalaa Masalaatti daldalaa mana fooniti. Ganama yeroo foon bakka qalmaatii fidee dhufu waraabessii fi saroonni mana fooniisaa tarree galanii 'gahee keenya askenni' waan jedhaniin fakkaata.

“Barii yeroo foon fidnee dhufnu waraabessii fi saroonni lakkoofsaan hedduutu qoonqoof nu eeggata. Balbalumarra ciciisanii hanga dhufnutti nu eegu. Haftee foonii waan qoonqoo isaanii ta’u yeroo kenninuuf sareenis waraabessis walumaan nyaatu,” jedha.

Erga jara lamaan kana sooruu eegalee waggoota sadii akka caalu kan himu Toofik, lakkoofsi waraabessaa kun gaaf gaaf dhibbaan kan lakkaa’amu taha jedha.

Magaalaa kanatti ganama namnis waraabessa hin dheessu, waraabessis namas, sarees hin dheessu. Lolaa fi walittti dutuunuu hin jiru jedha daldalaan kun.

Waraabessoonni kunneen erga waan qoonqoo isaanii argataniin duuba suuta jedhaniituma gara bosona qarqara magaalaattiitti argamutti deebi’u.

Taateen kun waan guyyuu mul’atu waan ta’eef jiraattota magaalattiis hedduu hin raaju amma akka Obbo Toofik jedhanitti.

Waraabessaafi sareen magaalaa Masalatti walitti michoomaniiru

Madda suuraa, Bushraa Alii Ogeessa

Bushraa Alii Ogeessa Kominikeeshinii aanaa Shanan Dhuugoo yoo ta’u, waliin jireenya waraabessa, sarootaa fi namootaa kana suura kaasuun BBC’f qoode.

Akka inni jedhutti, magaalichatti waraabessi guyyuma 'shir' jedha. Re’oota magaalaa keessa jiraniss hin tuqu. Karra banaa yoo arges hin seenu jedha.

Akkuma magaalaa Haraaritti baratametti namoonni foon waraabessaaf afaanitti kennuunis itti bashannanu.

Akka Bushraan jedhutti, magaalattiitti sababa waraabessi guyyaa magaala dhufuun miidhaan hanga ammaatti geessise hin jiru. Jaalallii fi hariiroon waraabeessaa fi sarootaa magaalaa kanatti mul’atu garuu waan raajii ta’uu hima.

Masalaatti hanga ammaatti waraabessi bakka hawaasni jiraatu keessa socho’uun miidhaan geessise jiraachuu baatus, ammaan dura Finfinnee, Dirree Dhawaa fi Galamsoo fa’atti mana seenuun namootarraan miidhaa yoo geessisu gabaafamaa ture