Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Konkolaattonni fe'isaa gaazii uumamaa fayyadaman qaraxa irraa bilisa ta'anii galuufi
Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa konkolaattotni fe'umsa goggogaa fi dhangala'aa, akkasumas konkolaattonni geejjibaa ummataa gaazii uumamaatiin hojjetan hundi qaraxa irraa bilisa ta'anii akka biyya seenan hayyamame.
Konkolaataan gaazii uumamaatiin hojjetu kamiyyuu Adoolessa 30, 2018 irraa eegalee qaraxa irraa bilisa ta'ee akka galfamuu Ministeerichi beeksiseera.
Ityoophiyaan itti fayyadama gaazii uumamaa jajjabeessuuf murteessuu ishee ibsaniiru, kunis maallaqa biyya alaa kanaan dura boba'aa bitachuuf oolu ni qusata jedhan.
Guyyaa murteen kun darbe Onkololessa 10, 2025 irraa eegalee "gosti fe'umsa goggogaa fi dhangala'aa fi konkolaattonni geejjibaa ummataa gaazii uumamaatiin socho'an kamiyyuu qaraxa gumurukaa irraa bilisa ta'ee gara biyyattii akka seenan hayyamameera" jechuun beeksiseera.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Pirojektiin gaazii Uumamaa Ogaadeen Naannoo Somaaleetti wayita eebbisan ALI Fulbaana 22, 2018 irraa eegalee konkolaattota gurguddaa beenzila fayyadaman biyya alaatii galchuun dhorkamuu beeksisanii ture.
Pirojektiin Ogaden Kalub gaazii uumamaa waggaatti liitira miiliyoona 111 oomishuu danda'u ijaarsi pirojektichaa marsaa lammaffaa yoo raawwatu waggaatti liitira biiliyoona 1.3 akka oomishu eegama.
Ministeerri Maallaqaa ibsasaa kanaan konkolaattota gurguddaa gaazii uumamaatiin hojjetan qofa akka biyyatti seenan kan hayyame ta'uu ibse.
"Lammiileen konkolaattota gurguddaa ykn konkolaattota fe'umsaa gara Itoophiyaatti galchaa turan, har'a [Fulbaana 22, 2018] irraa eegalee, akkuma konkolaattota xixiqqaa elektirikiitiin ala galchuun dhorkamee ture, har'a irraa eegalee konkolaataan fe'umsaa beenzila fayyadamu kamiyyuu gara Itoophiyaa akka hin galchine dhorkaadha" jedhan Abiy eebba piroojektichaaratti.
Gama biraatiin, invastaroota konkolaattota gurguddaa gaazii fayyadaman biyya alaa galchaniif mootummaan isaanii gibira irraa bilisa taasisuu dabalatee deeggarsa amanamaa ni kennaaf jedhan.
Ministeerri Maallaqaa, Itoophiyaan kuufama gaazii uumamaa bal'aa qabdu baroota hedduuf osoo itti hin fayyadamiin akka turtes kan hubachiisu yoo ta'u, naannoo Kalub keessatti oomishni gaazii uumamaa dhiheenya kana eegaluu isaa beeksiseera..
Itti dabaluudhaanis, "oomisha kana gabaa biyya keessaaf dhiyeessuun konkolaattota beenzilaa fi diizila fayyadaman konkolaattota gaazii uumamaa fayyadamaniin bakka buusuun barbaachisaa ta'ee argameera" jedhan.
Gaaziin uumamaa faalama qilleensaa baayyee gadi aanaa akka qabu kan hubate ministeerichi, "maddoota anniisaa adda addaatiif oolu danda'a; gama itti fayyadama anniisaatiin bu'a qabeessa" jedheera.
Konkolaattonni fe'umsaa beenzilaa fi diizilaan hojjetan fi konkolaattonni geejjibaa ummataa gara biyyaatti akka hin seenne to'annoo cimaa akka godhamu Ministeerri ajajeera.
Kanneen guyyaa qajeelfamni kun ba'uu isaa dura Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii fi dhaabbilee birootiin gara biyyaatti akka seenan hayyamamee fi ji'a jaha keessatti galfamuu ni danda'u.
Abiy bara 2018tti otoobisoonni gara magaalaa Finfinnee fi naannichaa deeman kuma lamatti siiqan boba'aa irraa gara gaaziitti kan jijjiiraman ta'uu ibsaniiru.
"Yoo baay'ate waggaa tokko keessatti otoobisoota gara kuma lamaa magaalaa Finfinnee fi naannichatti boba'aa amma jiru irraa gara gaaziitti jijjiirra."
Abiy Ahimad, otoobisoonni kuma lamaa kunneen yeroo bakka buufamanis bara 2019tti baasii geejjibaa yoo xiqqaate dhibbeentaa 50n akka hir'atu himaniiru.
Ityoophiyaan kanaan dura konkolaattota beenzilaan hojjetan dhuunfaaf akka hin galchine dhorkiteetti.