''Warri nutti duulan qabsoo Oromoo Kiiloo 4 baasee Soloolootti deebisuu barbaadudha''

Madda suuraa, BKO
Warri mootummaatti duulan qabsoo Oromoo bosonatti deebisuu barbaadu jechuun Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa komatan.
Obbo Shimallis Yaa'ii Caffee Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jiruurratti haasaa taasisaniini kana kan jedhan.
Obbo Shimallis warri maqaa hayyuutin of waamaa duula adda addaa mootummaa irratti gageessaa jiran ''warra fedhii ummataa sakaaluuf hojjataa jiraniidha'' jedhan.
Akka mootummaatti lola tokko malee lubbuun nama tokkoo utuu hin bahin qaama dhimmi ummataa na ilaallata jedhu nama dhuunfaa haa ta'uu garee mari'achuufi garaagarummaa siyaasa jiru furuuf kutannoo qabna kan jedhan pirezidantichi, faallaa kanaa duulli mootummaa irratti baname ulaa diinaaf banuu ta'uu eeran.
Dubbiin isaanii kuni yeroo namoonni siyaasaa mormituu mootummaa aangorra jiru badiin himachuun dhiibbaa irratti cimsuuf haasawaa yeroo jiranitti dhagahame.
Obbo Shimallis, ''humnootni tokko tokko nu keessa ba'anii diinota ummataa waliin hiriiruun mootummaa irratti duulaa jiru.
''Diinaa waliin mari'atanii Oromoo bilisa baasuu barbaadu. Humna daangaa Oromoo cabsee guyyaa guyyaan haadha Oromoo ajjeessaa oolu waliin mar'ataa oolu'' jedhan.
Humnootni kunneen isaan kam akka ta'an Pirezidaanti Shimallis addatti hin ibsine.
Garuu haasawa isaanii keessatti kanneen Oromoof qabsooofna jedhanii fi mootummaa isaani irratti qeeqaa fi mormii dhiyeessan akka ta'an akeeka.
Akka isaan jedhanitti, namootni kunneen humnoota finxaaleyyii wajjiin hojjachaa Oromoodhaaf qabsoofna nuun jedhuu jedhan.
'Ummatni Oromoo garuu firaa fi diina isaa sirritti akka beeku fi kana namni itti himuu akka hin barbaachifne' Yaa'ii Chaffee kana irratti kan dubbatan
Paartilee morkattootaa dabalatee dhaabbilee fi namootni siyaasaa sirna bulchiinsa mootummaa Ministira Muummee Abiy ahimed qeeqaan danuudha.
Qeeqxonni mootummaa qabsoon Oromoo butamuu fi haalli jiru caalatti ummata irratti akka hammatee ibsaa turaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa ta'uu malee, pirezidanti Shimallis Oromoon waan ifatti walitti dubbatus qabaa waan golatti walitti himus qaba, ''jarri kun warra waan kana adda baasee beekullee waan hin taaneef warra safuu Oromummaa hin qabneedha'' jechuun qeeqani.
Warra nu morman keessaa tokko tokko ''asitti hojii itti kenninee hojii gara itti godhan wallaalanii, mataaf miila hojii wal jala gaggaragalchanii gaafa asii bahan soba odeessaa oolu'' jechuun qeeqan.
''Tokko tokkommoo hayyuu maal maal ofiin jechaa amala handaaqqoo qabuu'' jedhan,
''Handaanqoon yommuu nyaata jala naqan nyaachudhaaf dura haatee bittinsiti,'' kan jedhan pireezidantichi warri kunis ''qabsoo ummatni Oromoo qabsaa'e qabsaa'ee qabsoo isaa erga Kiiloo 4 galchee booda qabsoo kana bittinsanii Gidaamii, Mooyyalee fi Soloolootti galchuu barbaadu'' jechuun himatan.
Solooloon bakkee kaaba Keeniyaatti argamu daangaa Itoophiyaaf dhihoo ta'e yoo ta'u wiirtuu hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo akka ta'etti eerama.
Waggaa kana keessa mootummaan Keeniyaa hidhattoota WBO bakkee kana jiran irratti oppireeshinii gaggeessuu beeksisee ture.
Obbo Shimallis yeroon itti maqaa hayyuutiin maqaa walitti qabamuutin, ykn diina waliin hiriiruun qabsoon Oromoo diiguu amman booda cufamuu himan.
''Namootni amma Ministira Muummee Dr Abiyyi irratti duulan hedduun kanneen wayita waraanni Kaabaa Itoophiyaa Dabrabrihaan gahuu paassportii isaanii fudhatee gara alatti baqatan akka ta'an wal beekna, warri kun hamilee ittin MM qeeqan hin qabani,'' jedhan.
Kanaaf ammaan booda 'hokkoraan, jette jetteen, ykn ololaan hiree siyaasaa' argamu kan hin jirre ta'uu Obbo Shimallis Abdiisaa yaa'ii Caffee kana irratti kan dubbatan.
Kanaafis, nama karaa nagaafi demokiraasiin mootummaa isaanii waliin hojjachuu danda'uu fi barbaaduuf karri isaanii banaa akka ta'u himan.
Kan filannoo dorgomee mo'achuuf hiree argateefis nagaadhan aangoo dabarsuudhaaf mootumman qophaa'aa ta'uu dubbatan.
''Sanaan ala garuu diinota Oromoo waliinan harka isin micciraa warra jedhuuf xiqqoo harki keenya akka malee furdatee jira.
''Karri karaa nagaa fi demokiraasin ala jiru hunduu cufaadha. Kanaaf karaan furmaata marii fi marabbaa qofaa,'' jechuun himan.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ALI waggaa dhufu filannoo gaggeessuuf qophii eegaluu beeksiseera.
Haa ta'u malee, namoonni siyaasaa mormituu dirreen siyaasaa dhiphachuufi rakkoon nageenyaa kanaaf mijataa akka hin taane eeru.












