Miniyaapooliis maaliif magaalota gammadoo addunyaa keessaa tokko taate?

Miniyaappooliis

Madda suuraa, Getty Images

Miniyaapoolis magaalota addunyaa bara 2025tti gammachuu qaban jedhaman keessatti ramadamteetti.

Jiraattonni aadaa warra Noordiik qabaachuu, jireenya hawaasumma jabaa fi ilaalcha haaraa waan barbaaduutu kanaaf sababa tahe jedhu.

Gammachuun haa safaramu jedhamnaan biyyoonni Noordiik kanneen akka Fiinlaand ni dursu.

Institiyuutiin suga jireenyaa madaalu Institute for the Quality of Life biyyoota Deenmaark, Noorwweyiifi Fiinlaand keessaa yoo xiqqaate magaalaan tokko gulantaa ''Warqee'' jalatti ramadeera.

Awurooppaan alatti lammiileen Noorweey, Fiinlaand fi Siwiidiin baayyeen magaalaa bal'oo Minisootaa, Miniyaappooliis keessa jiraatu. Walakkaa jaarra 19ffaa keessa arii'atama amantiifi beela baqataniitu Minisootaa qubatan.

Waqtii gannaa dheeraa, haroowwan baayyeefi haalli qilleensaa Miniyaappooliis biyyoota Noordiik Awurooppaa keessa jiran fakkaatti.

Haala kanaan jiraattonnillee waan akaakilee isaanirraa barataniin waqtii afur keessa akkatti darban beeku, kunis miira gammachuu isaaniif gumaacheera.

''Yeroon gannaa akka malee kan qorruufi bonni akka malee kan ho'u tahus, magaalawwan kaanirra ammoo guyyoota aduun itti baatu baayyee qabna,'' jedha Kaanaadaa irraa bara 1988tti Miniyaappoolis kan gale Istiivan Rootbarg.

''Namoonni asii yeroo qorraa, roobni tittiifuufi guyyaan dumeessa'aa tahellee manaa alatti waan hojjetan qabu,'' jedhe.

Magaalattiin namoota hojii deemuuf bishkiliitii geejibaaf fayyadaman qabaachuun magaalaota sadarkaa duraarra taa'an keessaati.

Lakkoofsa uummataa magaalattii keessaa tokko sadaffaan yeroo gariin mana barumsaafi gabaa deemuuf bishkiliitii fayyadamu.

Miniyaapooliisitti daandii kilometira 33 tahu bishkiliitii qofatu irra deema, kan kilometira 107 tahu ammoo nama lafoo deemuuf qofa kan adda bahe yoo tahu, kunis daandii baaburaa duraan ture irraati geeddarame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Magaalota Minisootaa lakkuu Miniyaapooliisfii Seen Pool keessatti iddoo kamiirraayyuu kaatee eessayyuu deemuuf bishkiliitiin km 1.50 caalaa hin fudhatu.

Daandiiwwan namni irra adeemu miidhagoo, nagaafi tasagabbii kan qaban tahuun namoota as jiraniif faayidaa guddaa dha, anillee akkasiin yeroo hunda miilaafi bishkiliitiin deema,'' jedhe Rootarbarg.

Dhaabbanni gammachuu magaalotaa madaalu The Happy Cities Index ramaddii kunuunsa naannoon Miniyaappooliisiif qabxii olaanaa kenneeraafi.

Kunis iddoowwan magariisaa, faalamaafi jireenya eegumsa naannoo wajjin simataa qabaachuun madaalama.

Jiraattonni maagalattii miilaanis tahe bishkiliitiin deemanii salphaatti paarkiiwwan 180 akkasumas haroo 22tti bahuu danda'u.

Kiristiin Baaroon ogeettii suuraa cidhaati, ''paarkiiwwaniifi haroowwan babbareedoo qabaachuun keenya natti tola, magaalattiin daandii bishkiliitii, mana kitaabaafi wiirtuulee hawaasaaf iddoo guddaa akka kennitu agarsiisa,'' jetti.

Miniyaapoolis guddina diinagdeedhaanis magaalota biyyattii keessaa sadarkaa arfaffaa irra kan jirtu yoo tahu, gatii jireenyaa madaalawaa, kalaqaafi barnootaaf dursa kenniti.

Jiraattoota magaalattii keessaa tokko arfaffaan digrii lammaffaa kan qaban yoo tahu namoota shan keessa tokko afaan lammaffaa haasa'u.

''Uummataafi imaammatni akkaan namoota kaan waan simataniifi namni kamiyyuu as dhufee akka manasaatti jiraachuu danda'a,'' koominikeeshinii waajira tuurizimii magaalattii kan hoggantu Kiriitiin Moontaag dubbatti.

Danoomni aadaa keenyaa miira hawaasummaan waan jabaatuuf,''namoonni asii gara- laafoo, hawaasummaaf kan dursa kennaniifi rakkoo irra aananii lalisuu danda'ani dha,'' jetti Kiristiin Baaroon.

Magaalattiin yaadannoo waggaa shanaffaa nama gurracha poolisiin ajjeefame Joorji Filooyiid yeroo kabajaa turte ija keessa galteetti. Artiifi rogeeyyii hawaasaan sochii taasifamuun madaa darbe fayyisaa turte.

Miniyaappoolis

Madda suuraa, Alamy

Sochiin aartiin guutame kuni waqtii dhaa waqtii magaalattii ho'isa.

''Yeroo bonaa kaaffeewwan, konsartii, feestivaala fa'itu adeemsifama, yeroo ganni immoo dhufu sochiiwwan ispoortii cabbii irratti taasifaman, alatti ibiddatti naanna'anii maatii wajjin dabarsuu, festivaala dhugaatii biiraa gochaa oolu,'' waqtiiwwan kaanittis akkasuma waantotni babbareedoo baayyeen akka taasifaman himti Kiriistiin Moontaag.

Namni yeroo jalqabaaf Miniyaappoolis dhufu riqicha Stone Arch Bridge achumaan finca'aa St Anthony Falls akka ilaalu gorsiti.

Kana malees mana nyaataa uummata ganamaa Ameerikaa Owaamnii kan restoorantii filatamaa tahuun bara 2022 badhaasa argate, namni Miniyaappooliis deemu akka mil'atu jetti.

Manni kuni nyaata gita bittaa kan daakuu qamadii, shonkoraafi bu'aalee annanii hin fayyadamu. Iddoosaa nyaata uummata ganamaa qurxummii fa'irraa tolfamu dhiyeessa.

Qondaalli waajira turizimii magaalattii Kiriistiin Montaag ammoo bargarii ''Juusi-Luusii'' Miniyaappoolisitti tolfame chiizii isaa akka bargarii kaanii irra keessa otoo hin taan qixxa lamaan godhamu namni jalqaba Miniyaappooliis deemu haa yaalu jetti.

Gamoon Mall of America suuqiiwwan 580 qabu gamoo daldalaa isa guddaa tahus waan addaa mul'atu gamoowwan kaanirraa adda tahe hin qabu jechuun jiraattoonni himu.

Iddoosaa siidaawwan aartii gurguddaa 60 ol iddootti ilaalan Minneapolis Sculpture Garden deemuun bilisaan ilaaluu danda'u.

''Miniyaappooliis humna aartii guddaa qabdi,'' jetti Kiriistiin Baaroon. ''Artii baayyee, muuziqaa, suuraa. ''Magaalaa waan xixiqqoo dinqisiifattu dha,'' jetti.