'Anaaf kubbaa miillaa caala amantiitu dursa'- taphataa Dangoo Otaaraa
'Anaaf kubbaa miillaa caala amantiitu dursa'- taphataa Dangoo Otaaraa
Taphataan Bornimaz Dango Otaaraa amantiisaa fi kubbaa miillaa keessaa kamiif akka dursa kennu bareechee beeka.
Sooma Ramadaanaa bara kanaa wayita xumurataa jirutti gaaffii fi deebii taasiseen ''anaaf, amantii kootu kubbaa miillaa naaf caala,'' jedhe.
Jifataan Burkina Faasoo kun Muslima amantiisaatti kutannoo qabudha, salaata idilee shanan guyyaatti salaatamu hin qadeessu.
Ammoo tapha duraa fi booda istaadiyeemii addaan tuqee kadhannaa godhachuun (sujuuda gochuun) beekama.
Taphataan umrii waggaa 23 kun turtii BBC Sport Africa waliin taasiseen haalaafi amalli amantiisaa kun akka tasgabbaa'uuf akka isa gargaaru hime.






